Baqqalaa Garbaa

Website

Baqqalaa Garbaa Dhugaa qabna!

Galmaa'uun itti fayyadamaa   gochuun waliif qooda galatoomaa 🙏
11/10/2026

Galmaa'uun itti fayyadamaa gochuun waliif qooda galatoomaa 🙏

Do you want to register for Online Business and Make Big Money Daily, Weekly, And Monthly from your home?.
=============================
It has been a long time since it started creating more jobs through online Business alone since February 2025. This opportunity is very important for the young unemployed who use social media 24 hours a day.

There are many Online Dollars Per Day job opportunities and the one I am posting now is very convincing. you can work from home. how does it work? You can only work by registering first. Contact us via to register!

Itti fayyadamaa.

11/10/2026

Gochaa sukkaaneessaa kaleessaa poolisoonni humna addaa naannoo Somaalee baha oromiyaa aanaa mi'eessootti rawwattee baay'ee nama gaddisiisaa, bara oromoon biyya bulchutti oromoo boolla tokkotti awwaalamun caala salphinni biroo hin jiruu. kunii seenaafii seeraaniis nama gaafachiisa.

Seenaa Aja'ibaa 🤔Namni Suuraa Armaan Gadii irratti Argitan kun Koloneel Ibiraahim Shemseddiin Jedhama. Bara 1995 preezda...
11/09/2026

Seenaa Aja'ibaa 🤔
Namni Suuraa Armaan Gadii irratti Argitan kun Koloneel Ibiraahim Shemseddiin Jedhama.

Bara 1995 preezdaantiin Sudaan Umar Hasan Al-Bashir Shira Xaxuudhaan Himatamee Mana Hidhaatti Darbatame. Pireezdaantiin Sudaan Umar Hasan Al-Bashir, "Koloonel Ibiraahim Eessa Dhaqe ?" Gaafin Jedhu Ummata irraa Isaan Cinquu Jalqabe. Gaafin kun kan Isaan Cinqe Pireezdaantii Umar Deebii Akkas jedhu Deebisan!

"Bara 2008tti koloneel Ibraahim Shamsedin Sababa Balaa Xiyyaaraatiin Du'uu Isaa Ummataaf Beeksisan"

Garuu Dhugaan Jiru Waan Biraa Ture Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Ibraahim Shemseddiin hin Duune !!!

Umar Hasan al-Bashir Mana Hidhaa Dhoksaa Lafa Jalaa, Addunyaa irraa Adda Baafame Lafa Jalatti isa Hidhe, koloneelli kun Mana Hidhaa Lafa Jalaa Jiraachuu itti Fufe. Gidiraa fi Rakkina Hedduu Dandamatee Dhumarratti Yeroo Umar al-Bashir Teessoo irraa Gadhiisu Koloneel Ibraahim Lubbuun akka Jiru Addunyaan Beekte.

Namoonni Siyaasaa akka Malee Gara Jabeeyyiidha.Umar Hasan al-Bashir kana Godhe.Innis Dabaree Isaatin Shira Bara Sirna Isaatin Hojjateen Mana Hidhaa Galeera.

"Qodaa Itti Safarteen Siif Safarama" kan Jedhameefis Kanaafi.

11/09/2026

Lideeksi waraanameera.😂

11/09/2026

Hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo gochaa Arsiitti raawwatan dhokfachuuf golgaa amantaa jala dhokatuu jedhan dhalattoonni naannichaa.

Dhimma kana ilaalchisuun rogeessi siyaasaa Yeroon Geessee fi gaazexeessaa Iliyaas Hamiid OMN waliin turtii taasisaniiru.

Rogeessi Siyaasaa Yeroon Geesseen waan jedhe Arsiitti humni finxaalessi Faannoo akka malee leenji'ee hidhatee jira.

Ajandaa isaanii isa qabatanii socho'an dhokfachuuf rakkoo naannoo sanatti uumamu amantaan walqabsiisuuf yaalu, golgaa amantaa jala dhokatuu jedhe.

Waanuma Wallagga, Shawaa fi Wallotti Oromoo irratti raawwatan Arsiittis uummata Oromoo irratti gareen kun raawwataa jiraachuu Yeroon Geesseen ibse.

Meeshaa waraanaa garmalee kuufachuu, leenjii waraanaa yeroo yeroon taasisuu, meeshaa waraanaa bataskaana keessatti kuufachuu, sana booda immoo uummata nagaa haleeluutu bal'inaan mul'ataa jedhe.

Kaayyoo siyaasaa qe'ee Oromoo fudhachuu kana qabatee humni finxaalessi Faannoo Arsii keessa akka socho'u Yeroon Geesseen eeree, gochaa isaa kana dhokfachuuf yeroo hedduu dubbii achi jiru rakkoo amantaa fakkeessuu isaanii dubbate.

Dhugaan jiru uummanni naannawaa sanaa amantaan otoo wal hin qoodin nagaan barootaaf waliin jiraataa ture, har'as uummanni amantaa walii kabajeetuma waliin jiraataa jedhe.

Dhimma Arsii keessaa gara amantaatti harkisuuf yaaluun afaanfaajjii uumanii dubbii dalga dabarsuufii jedhe Yeroon Geesseen.

Dhalataan naannawaa sanaa fi gaazexeessaa Iliyaas Hamiid gama isaatiin Faannoon Arsiitti golgaa amantii jala dhokachuuf akka yaalu dubbate.

Haqni naannawaa sana jiru waan biraa ta'ee otoo jiruu dubbii gara dabarsuuf taatee naannawaa sanaa gara amantiitti harkisuu jedhe.

Dur irraa jalqabee uummanni otoo amantaan wal hin qoodne bataskaanaa fi Mazjiida waltumsee akka ijaaraa ture ijaan akka arge gaazexeessaa Iliyaas eeree, baraskaana naannawaa sana jiru hedduu uummatuma Oromootu lafa isaa kennee tumsee ijaaree jedhe.

Waanti Faannoon godhaa ture garuu meeshaa waraanaa fidee bataskaana keessatti kuusuu, bakka amantaa bakka leenjii waraanaa gochuu darbees uummata nagaan jiraatu haleeluu ta'ee jedhe.

Erga haleellaa raawwatee booddee immoo dubbii gara amantiitti harkisuun afaanfaajjii uumuuf yaalutu mul'ata kan jedhe Iliyaas Hamiid, uummanni Oromoo kana sirriitti hubachuu qaba jedhe.

Gaafilee sadi qaamota sadi'iif:-*Qaamni mootummaa hidhattoota faannoo kan ofiif wallaggatti ijaaree bobbaase hanga maal ...
11/06/2026

Gaafilee sadi qaamota sadi'iif:-

*Qaamni mootummaa hidhattoota faannoo kan ofiif wallaggatti ijaaree bobbaase hanga maal buufatuuf yoo yakka kana hunda raawwatan callisee ilaala?

Gadaa komaandoo jedhee bobbaasee akka jiru quba qabna, garuu dhuguma jarri laga ceetee dhuftee fi qaamni muraasni achitti guddatte kunneen lafa keenya keessaa buqqa'uu diddee isin rakkifte moo qumaara siyaasaa makmaaksa "akka sin komanne waami, akka hin nyaanne dhoorki" irra jirtu.

*Paartileen siyaasaa Oromoo dhumaatii wallaggaa kana quba qabuu laata?
Haala rakkisaa fi ukkaamsaa keesaa jiraachuu keessan beeknus, hojiin idilee keessan siyaasa hordofuu fi roorroo ummatarra jiru ibsa baastanii balaaleffachuu,sagalee ummataaf ta'uu fi akka dhaabbatu qaama dhimmi ilaallatuu hanga dippiloomaatota biyya sana jiraniitti beeksisuudha.

kana kanaan dura gochaa waan turtaniif ammas isinirraa eegna..!

*Hooggansaa ABO/WBOtif dbumaatii ummata keessanii isin dararaa argaafii jirtanii kana argituu? Dhageessuu?

Kana dura hanga morma ofii kennitanii falmachuufii keessan seenaan qalama warqeetin barreessee kaaheera. Miilana hoo maalirra jirtu? nagaa lammilee eegsisuun itti gaafatamummaa mootummaa ta'uun ifa galaadha, ta'us garuu isin mootummicha kana warra dursee beekkamtii dhoorkatee falmatti jiru waan taataniif kana gamasii ni eegdu jedhee hin yaadu.

Kanaafuu falli Oromoo maali jettu?

dubbiin biroo:- Kanaan dura Faannoo wallaggaa kana kan hoogganu mootummaadha, kan ijaares mootummaadha, otuu jedhamuu gareen Zammanee Kaasee gadi bahee "lakkii nutu hoogganaa, nu jalatti kutaa waraanaa ijaarrefii hoggannaa" jedhan.

Kanaaf tumsa amma Faannoo fi mormitoota mootummaa 7 waliin ijaarrattan kana keessatti halli itti wal gaafatan ni jiraa? Akkamittis garee kanaa fi mootummaa gargar baastanii ilaaltu? lameenuu ummata kana fixaa jiruuti?

kana isinirraa eegna..!

ammaaf dhimma dhuunfaa humnaa ol ta'een miidiyaa idileerraa waanan fagaadhee jiruuf hanga deebinutti asumaan qaama sadaniifuu gaafii kaase.

11/06/2026

Ammee

Godina Lixa Oromiyaa aanaa Amuruutti humni finxaalessi Faannoo haleellaa bane.

AMURUU

Aanaa Amuruu ganda Goobuu Sirbaa bakka Dogoomaa jedhamutti finxaaleyyiin dhukaasa uummata irratti banuu OMN daqiiqaa muraasa dura jiraattota irraa dhagahe.

Gidiraan keenya dhumuu dide. Qe’een keenya lixaa dachee imimmaaniif dhiigaa ta’uun irraa dhaabbachuu dide. yoo baay’ate ...
11/04/2026

Gidiraan keenya dhumuu dide. Qe’een keenya lixaa dachee imimmaaniif dhiigaa ta’uun irraa dhaabbachuu dide. yoo baay’ate torban tokkoof boqota. Abee Dongoroo haala kana keessa jirti. Har’a qofa maatii tokko keessaa namoota 9tu ajj**eefame. Mootummaan Humna dabalataa gara sanatti ergee uummata kana akka baraaru iyyaa iyya dabarsaa. Uummata keenya nuuf qaqqabaa!

11/02/2026

Gochii Kaabinee ajaa'ibuma, hiyyeessa lafa isaa irra erga buqqistee maatii fi fira ofiitii lafa qoodde.

11/01/2026

GAMMADAA SHOW (Late Night Show) Sagantaa bashannansiisaa, barsiisaa...

Address

Minneapolis, MN

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Baqqalaa Garbaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share