02/03/2021
Wajira egumsa fayyaa aanaa limmu kossaa bufata fayyaa cimmeetti gamaggama rawwii hojii geggeffamaa oleera. gamagama kana irrattis namoonni hirmaatan itti gaafatama wra fayyaa fi expertoota wajjira, exyeenshinoota gandaa fi ogeessa ganda qabatee jiru fi manajimentin b/fayyaa hundi argameera.
Gamaggamicha irrattis kallatti kawameen
- Horannaan miseensa IFH kan hafe torban tokkon hafte kessatti bifa adda taheen akka itti adeeman
- Namoonni miseensa tahanii waraqaa enyumeessaa hin argatin torban kana keessa bifa duulaan itti deemuun akka isaan argatan gochuu.
- Qarshii sassabamee ganda jiru daguugamee akka galu tasisuu
- Dubartoota ulfaa galmeessun olerguu
Konfereensii dubartoota ulfaa ji'a ji'aan gaggeessu
- Dubartoota dahumsa jela gahan bakka turtii demanii akka turan amaansiisanii ol erguufi dhabbata fayyatti akka dahan gochuu
- Dhukkuboota daddarboo tahan kan akka TB, HIV fi kkn fakkatan yerootti adda baasanii ol erguu fi hojiiwwan kan hunduma walfaana qindeeffatanii hojjechuu irratti xiyyefatamee akka hojjetamuuf kallattin itti anu kawwatamun sagantaan kunis ji'a ji'an akka itti fufuu qabu irrratti walii galuun guduunfamera