Oromo Liberation Front-OLF/ABO

Qaamni Alaabaa ABO, Alaabaa Oromoo, Alaabaa Oromiyaa Kabaja Dhoowwatuun Miillaan Akka Irra Deemuu fi Akka Balaaleffatu D...
06/20/2024

Qaamni Alaabaa ABO, Alaabaa Oromoo, Alaabaa Oromiyaa Kabaja Dhoowwatuun Miillaan Akka Irra Deemuu fi Akka Balaaleffatu Dirqu Diina Innikkaa Ummata Oromoo ti.

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Alaabaan ABO, Alaabaan Oromoo, Alaabaan Lammiilee Oromiyaa waraana Biltsiginnaa Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) Ministeera waraanaan hoogganamu jalatti, Itoophiyaa biyya Ministera Nageenyaa fi Ministera Haqaa qaba jettu keessatti kabajaan irraa mulqamuun addababayiitti miillaan irra akka deemamuu fi balaaleffatamu dirqu Alaabaa ABOn Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti ittiin galmaawe Alaabaa seerawaa dha.
Hundaan olitti, Alaabaan ABO, Alaabaan Ummata Oromoo, Alaabaan Lammiilee Oromiyaa, Alaabaan Oromiyaa, Alaabaa Dhiigaa fi Lafee Gootota Wareegamtoota ilmaan Oromootiin wixinamee, wareegama ulfaataa qaamaa qalbiitiin tikfamee as gahe, Faajjii Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) ti.
Faajjiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo mallattoo waraqaa fi huccuu irratti qalamaan tolfame osoo hin taane, eenyummaa ummata Oromoo/Lammiilee Biyyaa kan dhiigaa fi lafee goototaatiin ijaarame riqicha Bilisummaa fi Walabummaa ti. Alaabaan tun, Alaabaa Magariisni Dacheen Oromiyaa keessaan hanga’u, Alabaa Bakkalchi Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa keessaan ifu, Alaabaa Dhiigaa fi Lafee gootota wareegamtootaan taraaramtee mirmirfamte, eenyummaa Oromoo/lammiilee Oromiyaa ti.

Alaabaan kun faajjii QBO dukkana gabrummaa keessaa ifa Bilisimmaatti bahuuf wareegamni hedduun itti bahaa as gahee fi ammas itti bahaa jiruu dha. Kanaafis Faaruu Alaabaa faarfatamuun,
Alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa,
Guyyaa si dhaabbanne Gabrummaa irraa baana
Kum-kumni illee du’u kan hafeen si dhaabnaa
Falmaarraa hin deebinuu tarreerra dhaabbannaa…jechuun ummata bal’aan faarfatamaa jira. Alaabaan tuni saba Oromootiif, lammiilee Oromiyaa fi firoottan QBO cufaaf mallattoo Bilisummaa ti. Gootota ilmaan biyyaa kumaa-kitilatu Alaabaa tana jala hiriiree Bilisummaaf lubbuu isaanii wereegan, ammas wareegaa jiru.

Alaabaa Diimaa Magariisa Diimaa wareegama qaalii ilmaan isaan argate ummanni Faajjii koo, mallattoo eenyummaa koo jedhee akka lubbuu isaatti jaallatuu fi kunuunfatu qaamni miillaan irra deemsisuu fi balaaleffachiisu diina innikkaa ummata Oromoo ti.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n aggaammii gosa kamiituu diinaa fi lukkeelee diinaan ummata Oromoo irratti taasifamu ni balaaleffata, duras dhaabbata.

Gochaa suukanneessaa fi qaanfachiisaa waraanni Biltsiginnaa itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) zigaal hin beekne addababayiitti raawwateen, yeroo itti suur-sagaleen nama waraabanii Alaabaa dhiigaa fi Lafee goototaan as gahe itti balaaleffachiisanii fi miillaan irra deemsisan media hawaasaa irratti faca’e Addi Bilisummaa Oromoo argee mirkaneeffateera. Sagalee balaaleffannaa Alaabaa dhagahamaa tureenis “Alaabaan kun Alaabaa Seeyxanaa ti, Na hin baasu ammaan booda, Biyya hin fayyadu, Biyya hin bilisoomsu, Biyya ficcisiisa, Alaabaan kun kan eenyuu akka tahe hin beeku, Eenyuun akka fayyadu hin beeku, Eenyuun akka bilisoomsu hin beeku, Ilmaan keenya wal ficcisiisaa jira, Itti hin deebinu, Irraa baana, Nu hin fayyadu Alaabaan kun, Alaabaa kana irra ni ejjadha” jedhi jechuun yeroo itti afaan Qawween doorsisanii yakka raawwatan dhagahamaa fi argamaa tureera. Jechaa fi gochaan fokkisaa fi abaaramaan yeroodhaa yerootti eenyummaa ummata Oromootti bu’uun tuttuqan waan lakkaawamee dhumu miti. Kanaan duras Qubee Afaan Oromoo “Qubeen kun Qubee Seexanaa ti”jechaa turanii booda qabsoo ummataan akeekni abaaramaan isaanii liqinfamuun ni yaadatama.

Biltsiginnaan rakkoo siyaasaa afaan qawween dhalchan karaa nagahaan furuu dadhabuun, gochaalee caalmaatti ummata keenya gaaga’an raawwachisiisuun isaanii seenaa darbe irraa baruu dadhabuun, egeree ummatoota biyyattii kanaa tilmaamuu hanqachuun biyyattii irraan gadee sigigaatte qabatanii qilee seenaa jiru.
Rakkinnoota Alaabaa keennaan wal qabatanii bakka bakkatti mul’ataa jiraniin, erguma ABOn biyya kanatti seeraan galmaawee sochii karaa nagaa itti fufee as warra Alaabaa tana bakka fannifamtee buusee ciru, gubu, dhabamsiisuu fi sababa isiitiin lammiilee nagaatti roorrisuun bakka hedduutti taheera.

Alaabaa tana tuquun har’a heera barreeffamaan lafa jiru hojiitti hiikamuu dadhabe, heera “Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Ripaablika Itoophiyaa/Federal Dimociratic Republic of Ethiopia” keessatti osoo ol’aantummaan seeraa jiraatee adaba guddoo nama adabsiisa. Mootummaa Federaala Dimokiraatawaa Itoophiyaa keessatti Alaabaa tana gubuun/ciruun/bakka fannifamtee sirnaan ala humnaan gadi buusuun, miillaan irra deemuun, itti qoosuun, Alaabaan nama doorsisuun, sanumaa ammoo qaamota mootummaa tahaniin kana gochuun mallattoo wallaalummaa, siyaasaadhaan kufuu, mo’atamuu, sirna-dhablummaa fi miira ummata bal’aa dubbisuu fi hubachuu dadhabuun gadi bu’uu fi gadi aantii tahuu mirkaneessa.

Biltsiginnaan tahe jedhanii, “Madaa Ummataa Irratti Ashaboo Firfirsuun” waan ummanni akka qarayyoo isaatti jaallatuu fi kunuunfatu tuttuquun ummata miira keessa seensisanii ibidda takka boba’ee dhaamuuf hin deemne qabsiisuutti jiru; kun ammoo gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isaan hin baasu.
Faajjii isaa ummanni Oromoo dhimma itti bahuuf mirga qaba. Hayyama eenyuunuu hin gaafatu, wareegama qaamaa qalbii itti gabbaraa as gahe, ammas itti gabbaraa jira waan taheef. Alaabaan kun alaabaa dhaabaa fi saba bira dabree Alaabaa lammiilee biyyaa, lammiilee Oromiyaa waan ta’eef, Alaabaa kana jibbiinsaa fi bakka na hin bu’uun dhiibbaa fi dhiittaa gosa kamuu irra gahu irraa qolachuuf lammiileen Oromiyaa dirqama qabu; Alaabichatu dhiigaa fi lafee goototaatiin dhufe waan ta’eef.

Waan taheef, Ummatni Oromoo, Lammiileen Oromiyaa fi jaalattoonni biroos mirga qabsoo isaan seerri biyya kanaa isaaf kenne beekee akka fedhetti sodaa fi bir’aa tokko malee itti fayyadamuuf mirga guutuu qaba. Haala hamaa fi hammaataa cabsee itti dhufu ummanni keenya gama dandahu hundaan of irraa qolachuun, Faajjii eenyummaa isaa Calaqqisiisu kabajisiifachuuf mirga guutuu qaba.
Gochaa qaanfachiisaa waraanni Biltsiginnaa itti gaafatamummaan itti hin dhagahamne raawwate, Alaabaa ABO/Oromoo/lammiilee Oromiyaa, Alaabaa Oromiyaa miillaan irra deemsisiisuu fi balaaleffachiisuun akka badii tahe ifatti hubachuun yakka waraanaa, Raayyaan Ittisa Biyyaa raawwate Ministeerri Waraanaa ofitti fudhachuun itti gaafatamaa tahuus hubachiifna.
Maayii irratti, qaamoleen biyyattii tanaa dhimmi nageenyaa isaan yaaddessuu fi dirqama nagaa buusuu qaban, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, Ministeerri Nageenyaa Itoophiyaa, Ministeerri Haqaa Itoophiyaa rokkoo lakkuu waraanni murna Biltsiginnaa raawwataa jirutti akka xumura godhan hubachiifna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 20, 2024
Finfinnee

Yakki Waraanaa Ulfaataa fi Hammaataan Waraanni Biltsiginnaa fi Faannoon Qindoominaan Ummata Meesha Maleeyyii Irratti Raa...
06/18/2024

Yakki Waraanaa Ulfaataa fi Hammaataan Waraanni Biltsiginnaa fi Faannoon Qindoominaan Ummata Meesha Maleeyyii Irratti Raawwatan Yakka Namoomaa Qaama Kamiinuu Balaaleffatamuu Qabuu dha.

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti irra deddeebiin bulchiinsa Biltsiginnaa jalatti lola qindaawaa loltoota mootummaa Biltsiginnaa fi weerartoota babal’ifannaa lafaa fi qe’ee fi qabeenyaa ummata Oromoo saamuuf bobba’aniin miidhaa ummata Oromoo irra gahaa ture jala bu’uun beeksisaa turuun ni beekkama. Keessaayyuu naannoo Oromiyaan wal daangessan kanneen akka Walllaggaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa fi godinoota addaa Oromiyaa Naannolee Amhaaraa fi Benishaangul keessa jiran Walloo fi Matakkal keessatti golgaa waraanni Biltsiginnaa kennuufiin Faannoon ifatti ummata keenya irraa qabeenyaa saamuu, qe’ee irraa baqachiisuu, rasaasa itti roobsuun lubbuu ummata siviilii akka baalaatti harcaasuu hojii guyya guyyaa erga godhatanii bubbulaniiru.

Ammas Giddu gala Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Ona Noonnoo ganda Qondaala jedhamee waamamutti halkan gaafa 07,10,2016 ALI ykn Waxabajjii 14, 2024 gochaa bineensummaa ummata keenya irratti raawwataniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) fi Hidhattoonni Faannoo weerara qindaawaa ummata nagahaa irratti bananiin, yakka waraanaa (War criminal) ulfaataa fi hammataa ummata meesha maleeyyii irratti raawwatan. Ummata sirna fuudhaa fi heerumaa gaggeefatu cidha irra jiru manatti itti cufuun Boombii itti darbatanii akka gubanii fi kanneen lubbuu baafachuuf sochii taasisaa turanis rasaasa itti dhukaasuun akka lubbuu isaanii galaafatan mirkana’aa dha.

Yakki namoomaa kun golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) kenneefiin hidhattoonni Faannoo akka ummata keenya jumlaan fixaniif daandii saaqe jedhu caasaan dhaabaa itti dhiheenyaan taatee kana arge. Kanaan alattis, mana cidhaa balbaala itti cufuun boombii itti darbatanii warra lubbuu baafatuuf sochii taasisaa turan ammoo meeshaalee waraanaa jajjabaatti fayyadamuun dhukkasa itti bananii lubbuu namoota hedduu gaaga’aniiru. Walumaa galatti namoonni 20n Boonbiin gubachuu fi namoonni 4 ammoo rasaasaan rukutaman lubbuun bahuu Addi Bilisummaa Oromoo mirkaneeffateera.
Yeroo ammaa kanas namoonni miidhaa cimaan irra gahe hospitaala waliigala Walisootti yaalamaa akka jiran mirkanaa’eera.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yakka waraanaa irra deddeebiin ummata meesha maleeyyii irratti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Faannoon raawwatamu gadi jabeessee balaaleffata, duras dhaabbata.
Lolli qindaawaan “Qurxummii Balleesuuf madda Bishaanii Gogsuu” dhaadannoo jedhuun Biltsiginnaan ummata meesha maleeyyii irratti lola irraa jalaan banuu fi qe’ee fi qabeenyaa ummata Oromoo saamuuf jecha hidhattoonni Faannoo weerarri taasisan cufti ba’aan isaa ummata keenya irratti walgahuun gaaga’ama ulfaataaf saaxileera. Ummanni keenya rakkoo lakkuu keesummeessaa jira. Kun ammoo yeroo kam iyyuu caalaa, Adda Bilisummaa Oromoo akkaan yaaddessa.

Wabii nageenyaa fi jireenyaa dhabuun ummatni meesha maleeyyiin qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti akka baalaatti harca’uun, ummanni mootummaa mataa isaa akka hin qabnee fi biyyi harka waraana itti gaafatamummaan itti hin dhagahamneetti kufuu mirkaneessa.

Waan taheef, rakkoo gama kamiinuu impaayira Itoophiyaa kana keessatti dhalatuun ummata meesha maleeyyii boqonnaa nageenyaa fi jireenyaa dhowwee akka baalaatti harcaasaa jiruuf qaamni adda durummaan itti gaafatamu, gaafatama seeraa fi seenaa jalaa hin baane Biltsiginnaa qaama aangoo Siyaasaa afaan qawween dhuunfatee afaan Qawween biyyattii goolaa jiruu dha.

Gochaa suukanneessaa, yakka waraanaa (war criminal) ulfaataa fi hammaataa Waraanni Biltsiginnaa Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Hidhattoonni Faannoo qindoominaan ummata meesha maleeyyii irratti raawwatan qaama kamiinuu balaaleffatamuu kan qabuu dha. Kanaaf, qaamootni kamuu gochaa hammeenyaa kana akka dura dhaabbatanii fi balaaleffataniif ummanni Oromoo bal’aan keessaa fi alaa, lammiileen Oromiyaa, waliigalatti ummatoota biyyattiif gadi jabeesinee dhaamna.

Maayii irratti jaarmiyaaleen siviilii, dhaabbileen mirga namoomaa fi hawaasni iddil-addunyaas gocha kana akka morman waamicha taasisna.


Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 18, 2024
Finfinnee

Ibsa Hayyootaa fi Ogeeyyota Oromoo Irraa KennameWaxabajjii 03, 2024Ummanni Oromoo Garee “Komiishinii Marii Biyyaalessaa ...
06/05/2024

Ibsa Hayyootaa fi Ogeeyyota Oromoo Irraa Kenname

Waxabajjii 03, 2024

Ummanni Oromoo Garee “Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophoyaa” jedhamu kana fudhatama dhabsiisuu qaba.

Gareen Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhamee moggaafame kun adeemsa siyaasa gowoomsaa fi shiraa yeroo aangoo hacuuccaa fi cunqursaa Abiyyi Ahemad ummata irratti dheeressuudhaaf diriirfame waan ta’eef, nuti hayyootnii fi ogeeyyiin Oromoo gadi jabeessinee balaaleffanna. Kanaaf ummanni Oromoo shira gowwoomsaa kana fudhatama akka dhabsiisuu fi lammiileen biyyattii osoo hin beekin karaa qajeelaa isinitti fakkaatee adeemsa shiraa Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa kana deggeraa fi tumsaa jirtan, akka meeshaatti isinitti fayyadamuudhaan kaayyoo isaanii galmaan ga’achuuf abbalaa waan jiraniif, tumsa keessan akka irraa dhaabdan waamicha isiniif goona.

Mootummaan Itoophiyaa dhiibbaa cimaa hawaasa idil-addunyaa irraa itti ulfaachaa jiru dandamachuu fi gargaarsa mootummoota biyya alaa argachuudhaaf balaa Waraana Tigraay booda, ariitiidhaan maqaa marii fi waliigaltee biyyaaleessaa jedhuun Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhu hundeessee jira. Komiishiniin kun, osoo paartilee mormitootaa hin mariisisinii fi hin hirmaachisin hundeeffame. Marii biyyaalessaa haqa qabeessa qooda fudhattoota hundumaa hirmaachise kan deggerru yoo ta’e illee, kan ammaa kun marii sobaa, fafakkeessaa, amanamummaa kan hin qabnee fi dirree siyaasaa walxaxaa ta’ee jiru inumaa hammeessuudhaan, wal dhibdee gama hundaa yeroo ammaa jiruttis boba’aa dabaluudhaan caalaatti akka boba’u gochuuf deema. Komiishiniin kun waggoota sadiif osoo hoomaa hin hojjetin akkanumaan turuun isaa fi dhiheenya kana ammoo gaafa Caamsaa 29/2016 marii biyyaalessaan eegala jechuudhaan labsuun isaa akeeka akkanaaf kan hin hundeeffamne ta’uu fi fakkeessaadhaaf akkanumaan kan hundeeffame tahuu isaa agarsiisa.
Komiishiniin kun murna aangoo irra jiru kan gaggeessitoota siyaasaa erga manni murtii walaba isaan gadhiisee illee, walitti fufiinsaan dararaa jiruu fi humnoota hidhatan bobbaasuun riphee loltoota deggertan jechuudhaan ummata nagaa boombiin fixaa jiruun waan hundeeffameef, nagaa dhugaa lafa qabachiisuuf akeeka qaba jedhanii abdachuun of gowwoomsuu dha. Mariin dhugaa fi amanamaan, haala mootummaan aangoo fi wantoota mara dhuunfatee lallabu keessatti gaggeeffamuu hin danda’u.

Biyyattiin rakkoo ulfaataa gama hundaa yeroo ammaa keessa jirtu keessa osoo hin seenin dura gaaffii marii biyyaalessaa irra deddeebiin dhiyaachaa ture mootummaan fudhatama kan dhabsiise tahuun ragaa galmaa’ee jiruu dha. Hoogganootni, qondaalotnii fi miseensonni paartilee mormitootaa kumootaan lakkaa’aman kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irra deddeebiidhaan gaaffii marii biyyaaleessaa dhiyeessaa turan mana hidhaa keessatti dararamaa jiru. Kaan ajjeefamaniiru. Mootummaan Itoophiyaa dantaa siyaasaa mataa isaaf jecha hoogganoota siyaasaa, namoota nagaa fi falmitoota mirga dhala namaa irratti yakka hamaa karoorsuu, raawwachiisuu fi raawwachuu keessatti qooda fudhachaa akka ture beekamaa dha. Mootummaan Itoophiyaa gocha hammeenyaa kanneen akka ajjeechaa, reebicha, dararaa, waldhaansa fayyaa dhorkachuu, seeraan ala hidhuu fi dararuu, haleellaa quunnamtii saalaa, mormitoota siyaasaa dirqiin dhabamsiisuu, yeroo dheeraan beelessuun adabuu fi gochoota hammeenyaa kana fafakkaatan keessatti kan hirmaatu ta’uu isaa daawwattoonni walabaa, miidiyaaleen idil-addunyaa fi dippilomaatotni mirkaneessanii jiru. Yakkoota murni aangoo irra jiru raawwateef fakkeenya kan ta’an keessaa muraasni:

• Ajjeechaa jumlaa Abbootii Gadaa Kaarrayyuu irratti Mudde 2021 raawwatame, kan miseensa Paarlaamaan saaxilamee, Royitarsiin mirkanaa’e,
• Ajjeechaa Ebla 09, 2024 humnoonni nageenyaa Qondaala Siyaasaa ABO kan ta’an Battee Urgeessaa irratti raawwatan, namoonni ijaan argan dhugaa ba’anii booda achi buuteen isaanii dhabame,
• Ajjeechaa fi gocha hammeenyaa hamaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophoyaa fi Raayyaan Ittisa Biyya Ertiriyaa waliin tahuudhaan gaafa guyyaa Fulbaana 18/2023 ummata nagaa irratti raawwatan Royitarsi saxile,
Kanaaf murni gocha hammeenyaa fi gara jabinaa akkanaa raawwatu “Marii Biyyaalessaa” hundeessuudhaaf ga’umsaa fi hamilee hin qabu. Komiishinichi Qondaalota Paartii Bilxiginnaan waan durfamuuf, dantaa garichaa milkeessuuf kan hojjetu tahuun isaa beekamaa dha. Waamichi marii biyyaalessaa jedhamee labsame kun marii dhugaa osoo hin taane, haguuggii nagaa fi araaraatiin shira yeroo aangoo murna aangoo irra jiruu dheeressuuf akeekamee dha. Osoo hoogganootni siyaasaa marii kana keessatti qooda fudhachuu qaban mana hidhaa keessatti dararamanii mariin gaggeeffamuu hin qabu. Waggoota shanan darban keessatti jaarsolii fayyaatti gubaman, haadholiin gudeedamanii fi dargaggeessi fayyaatti mormi irraa murame daandiin paaartii Bilxiginnaa garamitti akka geessu nutti agarsiisee jira. Kunniin gochoota hammeenyaa murni aangoo irra jiru raawwatu keessaa isaan muraasa. Waan nama gaddisiisu paartiin Bilxiginnaa bulchiinsa isaa humnaan ummata irratti fe’uuf gochoota hammeenyaa akkanaa kan fayyadamu yoo ta’u, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ammoo golgaa ta’ee gochoota hammeenyaa kanneen akka dhoksuuf hundeeffame.

Dhuma irratti, ummatni Oromoo bal’aan shiraa fi gowwoomsaa kana akka fudhatama dhabsiisu, warri osoo hin beekin qaama Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ta’uudhaan tumsitan, garee abbaa irree kanaaf meeshaa ta’uu irraa akka of qusattan isiniif dhaamna. Miseensonni Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa itti gaafatamummaa saalfachiisaa kana keessaa ba’uudhaan ceephoo fi itti gaafatama seenaa jalaa akka of baaftan isin hubachiifna.

Mallattoo (Tartiiba Qubee Maqaatiin)
1. Abdiisaa Qorichoo (PhD)
2. Abiraahaam Moosisaa (Msc)
3. Addunyaa Birhaanuu (PhD)
4. Ahimad Galchuu (PhD)
5. Alamaayyoo Birruu(PHD)
6. Amaan Kadir (PhD)
7. Amaanu’el Goobanaa (PhD)
8. Asabee Regaasaa (PhD) .
9. Asafaa Jaallataa (PhD)
10. Asfaawu Bayyanee (PhD) .
11. Ayyaanaa Goobeenaa (PhD)
12. Ayyalee Tereezaa (PhD)
13. Baahiruu Dugumaa (PhD) .
14. Baahiruu Gaammchuu (PhD)
15. Baaroo Dheeressaa (MD) .
16. Badhaassaa Taaddasaa (PhD)
17. Beeynaa Dhugaasaa (PhD)
18. Beekan Irranaa (MEd)
19. Baqqalee Tamasgeen (PhD)
20. Bantii Geetaahuun (PhD)
21. Bantii Ujuluu (PhD)
22. Birhaanuu Qadiidaa (MD)
23. Ballaxeechi Dheeressaa (PhD)
24. Barsaa Barii (PhD)
25. Beeyan Asoobaa (PhD)
26. Bichakaa Fayyisaa (PhD)
27. Daani'eel Ayyaanaa (PhD)
28. Daani'eel Dibaabaa (PhD)
29. Dagafaa Abdiisaa (MD)
30. Dassaalenyi Nagarii (PhD)
31. Dastaa Yebassaa (PhD)
32. Hisqi’eel Gabbisaa (PhD)
33. Galaanaa Baalchaa (MD)
34. Garramawu Beenyaa (PhD)
35. Garramawu Nigaatuu (PhD)
36. Gizaachoo Teessoo (PhD)
37. Gizaaw Tasisaa (PhD) .
38. Goobeenaa Hulluqaa (PhD)
39. Gulumama Gammadaa (PhD)
40. Guutuu Olaanaa (PhD)
41. Habtaalem Qana’aa (PhD)
42. Hayilee Hirphaa (PhD)
43. Hambisaa Ballinaa (PhD)
44. Heenook Gabbisaa (PhD)
45. Ibraahim Elemoo (PhD)
46. ​​Iddoosaa Ejjetaa (PhD)
47. Immiruu Ittanaa (MSc)
48. Ismaa’eel Abdullaahii (PhD)
49. Ittaana Habtee (PhD)
50. Jamaal Ibraahim (MD)
51. Jamaal Heebaanoo (PharmD)
52. Janbaruu Fayisaa (PhD)
53. Jireenyaa Guddataa (MSc)
54. Juunaayidii Ahmad (MD) .
55. Kaanoo Baanjaaw (PhD)
56. Qabbannee Qajeelaa (PhD) .
57. Kostee Abdiisaa (PhD)
58. Mekbib Gabayyo (PhD)
59. Meekuriyaa Bulchaa (PhD)
60. Masfin Abdii (PhD)
61. Mikaa’el Olii (MSc)
62. Moa Apagodu (PhD)
63. Mohaammad Hasan (PhD)
64. Mohaammad Xaahiroo (PhD)
65. Moosaa Aagaa (PhD)
66. Namarrraa Garbaabaa (PhD)
67. Olii Baachi (PhD)
68. Rundasaa Esheetee (PhD)
69. Saamu’eel Galataa (PhD)
70. Solomoon Galataa (PhD)
71. Damisee Koorsaa (PhD)
72. Tafarii Maargoo (PhD)
73. Tekleab Shibbiruu (PhD)
74. Tesfaayee Nagarii (PhD)
75. Tesfaayee Teessoo (PhD)
76. Tashoome Dime (MSc)
77. Toomaas Baayisaa (MD)
78. Tolawaaq Beyene (MD)
79. Tseggaayee Araarsaa (PhD)
80. Worqinahi Torban (PhD)
81. Warquu Buraayyuu (PhD)
82. Zalaalam Abarraa (MSc)
83. Zalaalem Nagaasaa (MS)

A press release of the Oromo Scholars and Professionals, June 3, 2024 Oromos should reject the “Ethiopian National Dialo...
06/05/2024

A press release of the Oromo Scholars and Professionals, June 3, 2024

Oromos should reject the “Ethiopian National Dialogue Commission”

We, the Oromo Scholars and Professionals, firmly denounce the so-called “Ethiopian National
Dialogue Commission” (ENDC) because it is a deceptive political operation designed to prolong Abiy Ahmed’s violent and repressive rule over our people. We also call on the Oromo people to reject this deceitful scheme and urge genuine citizens who may have innocently associated themselves with the ENDC to withdraw their support and cease being used as a tool for this oppressive regime.

In a frantic effort to quell the international pressure and regain access to foreign aid, the Ethiopian government, in the aftermath of the Tigrayan war, established the “Ethiopian National Dialogue Commission” (ENDC) in the name of promoting national dialogue and consensus building. The ENDC was created without consultation with opposition political parties. While we support all efforts for holistic peace through genuine dialogue and political participation, we believe this move is bogus, disingenuous, and will further complicate the already cluttered political landscape fueling the ongoing conflicts. The three years of inactivity of the commission is a testimony to its serious shortcomings to implement such an undertaking, and its recent announcement to begin to implement the dialogue starting on Wednesday, May 29, 2024, is simply haphazard.

It is inconceivable to think that a commission established and controlled by a regime that continues to extrajudicially incarcerate political leaders long after the court ordered their release, and its defense forces relentlessly bomb innocent citizens under the pretext that the citizens support armed insurgencies, would be trusted to implement a genuine dialogue on peace. Furthermore, honest and meaningful national dialogue cannot be dictated by a government holding the monopoly of power, in a suffocating and repressive political environment.

It is on record that the ruling party repeatedly rejected calls for peaceful dialogue before the country was plunged into the current security dilemma. Ranking members and thousands of supporters of opposition political parties who called for peaceful dialogue and political settlement, such as the Oromo Liberation Front and the Oromo Federalist Congress are still languishing in prison, with hundreds killed extrajudicially. It has become common knowledge that the Ethiopian government is involved in designing and implementing a series of heinous crimes against political figures, social activists, and innocent citizens for the sole purpose of increasing its grip on power. Neutral observers, international media, and diplomats have widely confirmed cases of government crimes against humanity in Ethiopia that entail arbitrary killings, torture, inhuman treatment, unlawful imprisonment, sexual violence, trumped-up charges against political activists, denial of medical support to political prisoners, forced disappearance of opposition activists, punishment by prolonged starvation of prisoners, etc. Examples of outstanding crimes perpetrated by the regime include:
• The murder of innocent elders of Karrayyu in Dec 2021, as exposed by Ethiopian Parliament members and confirmed by Reuters,
• The recent killing of senior OLF political officer, Batte Urgessa, by government security, which was confirmed by eye-witness observers who later disappeared,
• The brutality that Reuters exposed on Sept 18, 2023, stating that “the Ethiopian National
Defence Forces, Eritrean Defence Forces and allied regional special forces carried out a
‘widespread and systematic attack’ against civilian populations in the form of murder, torture, r**e and other violations.”

Thus, a regime that is demonstrating such immense cruelty is too compromised to establish a
commission for “National Dialogue.” There is an inherent conflict of interest, tainted with blood, for

PP officials to lead a peace dialogue while operating as principals, accomplices, and accessories to state- run crimes. The call for dialogue is not a genuine effort; instead, it is another fraudulent move for the regime to extend its political rule under the guise of peace and reconciliation. Dialogue is meaningless when prominent figures and leaders who should be participating in the dialogue are languishing in prisons. PP’s roadmap is evident from its five-year resume which exhibits images of elders burned alive, mothers r**ed, and bodies of the young mutilated, - a list of atrocities too brutal to list with details.
Regrettably, PP uses these cruelties to enforce its rule over the people with iron-clad, and ENDC is designed to murk its criminal activities.

In conclusion, once again, we call on the Oromo people to reject this deceitful scheme and urge all citizens who associated themselves with the ENDC to cease being used as a tool for this oppressive regime. We call upon members of the ENDC to withdraw from this sham duty immediately and be on the right side of history.

Oromo Scholars & Professionals (Email: [email protected])

Signatories (in alphabetical order):
1. Abdisa Koricho (PhD)
2. Abraham Mosisa (MSc)
3. Adugna Birhanu (PhD)
4. Ahmed Gelchu (PhD)
5. Alemayehu Biru (PhD)
6. Aman Kedir (MA)
7. Amanuel Gobena (PhD)
8. Asebe Regasa (PhD)
9. Asafa Jalata (PhD)
10. Asfaw Beyene (PhD)
11. Ayana Gobena (PhD)
12. Ayele Teressa (PhD)
13. Bahiru Duguma (PhD)
14. Bahiru Gametchu (PhD)
15. Baro Deressa (MD)
16. Bedassa Tadesse (PhD)
17. Begna Dugassa (PhD)
18. Beekan Erena (MEd)
19. Bekele Temesgen (PhD)
20. Benti Getahun (PhD)
21. Benti Ujulu (PhD)
22. Berhanu Kedida (MD)
23. Beletech Dheresa (PhD)
24. Bersisa Berri (PhD)
25. Beyan Asoba (PhD)
26. Bichaka Fayissa (PhD)
27. Daniel Ayana (PhD)
28. Daniel Dibaba (PhD)
29. Degefa Abdissa (MD)
30. Dessalegn Negeri (PhD)
31. Desta Yebassa (PhD)
32. Ezekiel Gebissa (PhD)
33. Galaana Balcha (MD)
34. Geremew Begna (PhD)
35. Geremew Nigatu (PhD)
36. Gizachew Tesso (PhD)
37. Gizaw Tasissa (PhD)
38. Gobena Huluka (PhD)
39. Guluma Gemeda (PhD)
40. Gutu Olana (PhD)
41. Habtalem Kenea (PhD)
42. Haile Hirpa (PhD)
43. Hambisa Belina (PhD)
44. Henok Gabisa (PhD)
45. Ibrahim Elemo (PhD)
46. Iddoosaa Ejeta (PhD)
47. Imiru Itana (MSc)
48. Ismael Abdullahi (PhD)
49. Itana Habte (PhD)
50. Jamal Ebrahim (MD)
51. Jemal Hebano (PharmD)
52. Jenberu Feyisa (PhD)
53. Jirenya Gudeta (MSc)
54. Junaidi Ahmed (MD)
55. Kano Banjaw (PhD)
56. Kebene Kejela (PhD)
57. Koste Abdissa (PhD)
58. Mekbib Gebeyehu (PhD)
59. Mekuria Bulcha (PhD)
60. Mesfin Abdi (PhD)
61. Michael Oli (MSc)
62. Moa Apagodu (PhD)
63. Mohammed Hassan (PhD)
64. Mohammed Tahiro (PhD)
65. Mosisa Aga (PhD)
66. Namara Garbaba (PhD)
67. Oli Bachie (PhD)
68. Rundassa Eshete (PhD)
69. Samuel Geleta (PhD)
70. Solomon Geleta (PhD)
71. Demissie Karorsa (PhD)
72. Teferi Margo (PhD)
73. Tekleab Shibru (PhD)
74. Tesfaye Negeri (PhD)
75. Tesfaye Tesso (PhD)
76. Teshome Dime (MSc)
77. Thomas Baisa (MD)
78. Tolawak Beyene (MD)
79. Tsegaye Ararsa (PhD)
80. Workineh Torben (PhD)
81. Worku Burayu (PhD)
82. Zelealem Abera (MSc)
83. Zelalem Negassa (MS)

'Raayyaan Ittisa Biyyaa' Paartii Bilxiginnaa  Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe. ...
05/17/2024

'Raayyaan Ittisa Biyyaa' Paartii Bilxiginnaa Gocha Hammeenyaa Suukanneessaa Ummata Nagaa irratti raawwachuu itti fufe.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Waraanni Paartii Bilxiginnaan ajajamee Oromiyaa gubaa jiru, golee naannichaa hundatti namoota nagaa gargaarsa hin qabne sodaachisuu, ajjeechaa fi saamicha hamaa raawwachuu itti fufee jira. Dhaadannoo ifatti paartii PPn labsame 'Qurxummii bal’eessuuf galaana gogsuu' jedhu hordofuun, Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya ummataa keessumaa ammoo nageenya qonnaan bulaa tiksuun irraa eegamu, kaayyoo Bilxiginnaa galmaan ga’uudhaaf gocha suukaneessaa namoota nagaa ittisa hin qabnee fi qonnaan bultoota irratti raawwatuu itti fufeera.

Gaafa Caamsaa 16, 2024 Godina Shawaa Kaabaa Ona Sulultaa Ganda Liilloo Cabaqaa jedhamutti humnoonni mootummaan Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaase qonnaan bultoota obbolaa sadii ta’an irraa loon 50 fi midhaan kuntaala 20 ol saamanii jiru. Isaanis:

Taaddasee Tsaggaa
Abbaay Tsaggaa fi
Gaaddisaa Tsaggaa jedhamu.

Maddoonni amanamoon akka agarsiisanitti, namoonni nagaan hedduun butamanii eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas godinoota kanneen akka Baalee, Arsii fi Shawaa Bahaa keessatti waraanni Paartii Bilxiginnaa akkasumas dabballootnii fi kaabinootni isaa maatiin qonnaan bulaa hundi midhaan kg 25, waraanaaf akka gumaachu ajaja itti dabarsuun ummata ofiifuu waan ittiin jiraatu hin qabne gidirsaa jiran.

Godinootuma kana keessatti barattoonni kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti tokko tokkoon isaanii qarshii 100 waraanaaf akka gumaachan waraanni PP ajaja dabarseera. Ummata gumaachuu hin dandeenyee fi fedhii hin qabneen ammoo WBO deggertu ittiin jechuun sodaachisaa fi doorsisaa jiru.

Isaan kunniin gochoota suukanneessoo hedduu keessaa isaan muraasa. Golee Oromiyaa fi naannolee biyyattii biroo hunda keessatti gochoonni hammeenyaa akkanaa hedduutu mul’atu.

Dhaabbileen mirga namoomaa keessoo fi idil-addunyaa fi naga jaallattootni ummata qonnaan bulaa dhiphina keessa jiru kana cinaa dhaabbatan, gara jabummaa suukanneessaa kana akka dhaabsisanii fi addunyaatti akka beeksisan waamicha goona. Guutummaa biyya Itoophiyaa keessatti lubbuun qonnaan bultoota miliyoonotaan lakkaa’amanii barbadaa’aa jira. Ummanni Oromoo gocha hammeenyaa isa irratti raawwatamaa jiru hunda akka qalbifatuu fi hammeenya kanas akka of irraa qolatuuf akka falmatu waamicha goona.


Injifannoo Ummata Bal'aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 17, 2024
Finfinnee

Prosperity Party’s ‘National Defense Force’ has continued its Appalling AtrocitiesAgainst the Civilians. OLF Press Relea...
05/17/2024

Prosperity Party’s ‘National Defense Force’ has continued its Appalling Atrocities
Against the Civilians.

OLF Press Release

The Prosperity Party’s commanded army that is scorching Oromia has continued its atrocious intimidation, killings and looting of helpless civilians in every corner of the region. With its publicly declared motto of ‘drying the ocean’, it purposely and systematically continued atrocious acts against the defenseless civilians and in particular the peasantry when one expects an army that presents itself as a national army to protect the civilians.

On 16 May 2024, in Sululta District of North Shewa Zone at a Kebele called Ganda Lilloo Chabeqa, the army looted 50 head of cattle and more than 20 quintals of grain from farmers who happened to be three brothers. They are:

1. Taddase Tsega
2. Abbay Tsega
3. Gaddisa Tsega

Realiable sources also indicate that several innocent civilians were kidnapped and whose whereabouts are unknown.

Likewise, in two zones of Bale, Arsi and East Shewa, the Prosperity Party’s army and party cadres ordered every peasant household to contribute 25kg of grain for the military, which was dearly running short of logistic supplies. In the same zones, the military ordered students from 5th grade to 12th to contribute 100 birr each to the army. They are intimidating and threatening the civilians who are unable and unwilling to contribute by accusing them of supporting OLA.

These are only the tip of the iceberg. There are numerous instances of such barbarism in every corner of Oromia and other regional states of the country. We thus call upon the internal and international human rights organizations and peace-loving people to stand by these agonized peasant population and stop the horrendous brutalities and make them known to the world. The lives of the peasantry are being destroyed in millions in an imaginable scale across the country in Ethiopia. We call upon the Oromo people to record all the atrocious acts being perpetrated against them.

Victory to the Masses!
Oromo Liberation Front
17 May 2024
Finfinnee

Address

Washington, DC

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromo Liberation Front-OLF/ABO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromo Liberation Front-OLF/ABO:

Share