27/02/2026
Himatamaan haasaa jibbinsaa fi suuraa kabaja amantaa xuqu miidiyaa hawaasaa [Facebook] dhuunfaa isaa irratti maxxanse adabbii hidhaa salphaa ji'a 8 [saddeetin] adabame .
Guraandhala 20/2018
::::
Himatamaan maqaan isaa Dassaaleny Bacarraa Jaallataa jedhamuu toora miidiyaa hawaasaa [facebook] dhuunfaa isaa maqaa Dassaaleeny Bacarraa Jaallataa jedhuun banamee jiru irratti suuraa koffiyyaa fi jallaabiyyaa musliimaa uffatu kan fuulli isaa gara tokkotti, harki isaa fi miilli isaa gara biraatti garagalee jiru faallaa umama nama ta'e, barreefama haala amma amantaan Isilaamaa itti jiru suuraan yoo ibsinu jedhu of irraa qabu, akkasumas suuraa uffatuma olitti ibsame uffatu fuulli isa gara tokkotti gargalee jiru miilli isaa gara biraatti deebi'ee jiru Waaqayyoo nama jallate kana sirreessi akka ishee hin jedhiiniti jedhu itti barreessuun yakka haasaa jibbinsaa kabaja amantaa xuqu tamsaasuu raawwateera. Qorataan poolisii fi Abbaan Alangaa Aanaa Saachiis galmee qorachuun erga quluqulleessanii booda Abbaan Alangaa Aanaa Saachii Himatamaan kun Seera yakkaa RDFI bara 1996 bahe kwt 32/1(a) fi Labsii haasaa jibbiinsaa fi Odeeffanno sobaa ittisuu fi to'achuuf bahe Lakk.1185/2012 kwt 4 fi 7/1 irra darbuun haasaa jibbiinsaa kabaja amantaa Isilaamaa xuqu miidiyaa hawaasaa irratti tamsaasuuf ta’e jedhee itti yaadee gaafa guyyaa 12/6/2018 tilmaamaan galgala sa’aatii 11:00 yammuu ta’u, Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Saachii ganda gabaa kamiisaa bakka addaa saardoo yabaloo jedhamutti toora miidiyaa hawaasaa [facebook] dhuunfaa isaa maqaa Dassaaleeny Bacarraa Jaallataa jedhuun banamee jiru irratti suuraa koffiyyaa fi jallaabiyyaa musliimaa uffatu kan fuulli isaa gara tokkotti, harki isaa fi miilli isaa gara biraatti garagalee jiru faallaa uumama namaa ta’e, barreeffama haala amma amantaan Isilaamaa itti jiru suuraan yoo ibsinu jedhu of irraa qabu, akkasumas gaafa guyyaa 15/6/2018 immoo suuraa uffatuma olitti ibsame uffatu fuulli isaa gara tokkotti garagalee jiru miilli isaa gara biraatti deebi’ee jiru barreeffama waaqayyo nama jallate kana sirreessi jedhu itti barressuun yakka haasaa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa kabaja amantaa Isilaamaa xuqu tamsaasuun himatameera.
Manni murtiis,eenyummaa himatamaa erga adda baafateen booda ,himatamaaf abukaatoon ittisaa bakka buufameefi himanni Abbaa Alangaa haala galufiin dhaddacharraa dubbifameefii, himanni ifadha nuuf galeera jechuun himannaa irraa mormii sadarkaa duraa akka hin qabne erga adda baafameen booda, jecha amantaa fi waakkii kenneen himannichi gochaa kooti. Gaafa guyyaa 12/6/2018 tilmaamaan galgala sa’aatii 11:00 yammuu ta’u, Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Saachii ganda Gabaa kamiisaa bakka addaa Saardoo yabaloo jedhamutti toora miidiyaa hawaasaa [facebook] dhuunfaa koo maqaa Dassaaleny Bacarraa Jaallataa jedhuun banadhe jiru irratti suuraa koffiyyaa fi jallaabiyyaa musliimaa uffatu kan fuulli isaa gara tokkotti, harki isaa fi miilli isaa gara biraatti garagalee jiru faallaa uumama namaa ta’e, barreeffama haala amma amantaan Isilaamaa itti jiru suuraan yoo ibsinu jedhu of irraa qabu,akkasumas gaafa guyyaa 15/6/2018 immoo suuraa uffatuma olitti ibsame uffatu fuulli isaa gara tokkotti garagalee jiru miilli isaa gara biraatti deebi’ee jiru barreeffama waaqayyo nama jallate kana sirreessi jedhu itti barressuun kabaja amantaa Isilaama xuqu tamsaaseera. Ani jibba amantaa kana irraa qabadhee osoo hin taane karaa miidiyaa hawaasatiin namni Abdulqaasim jedhamu amantii koo qeequun Iyasuus kirstoos ilma namati kan waaqeffamufis kan sagadamuufis miti jedhe waan naaf barreessef anis miira aarii keessa galeen suura fi barreefama kana maxxansee, kanaaf dogoggoreen jira, balleessaa kooti jedhera. Abbaan Alangaas Himatamaan himannaa irratti dhiyaate Hambifannoo malee amaneera jechun murtiin balleessummaa bu'uura SDFY kwt 134/1 akka kennamu gaafataniiru. Manni murtiis bu'uura SDFY kwt 134/1 Himatamaan kun Seera yakkaa RDFI bara 1996 bahe kwt 32/1(a) fi Labsii haasaa jibbiinsaa fi Odeeffanno sobaa ittisuuf fi to'achuuf bahe Lakk.1185/2012 kwt 4 fi 7/1 jalatti balleessaa qaba jechuun erga murteesse booda yaada adabbii dhaggeeffateen, yaadni adabbii cimsu kan hin kaane yammu ta'u, yaadota adabbii salphisan immoo lama Himatamaaf fudhachuudhaan, Himatamaa kana ni barsiisaa, fakkaattota isaas ni akeekkachiisa, kaayyoo seera yakkaas galmaan ni gaha jechuun kan itti amane, Himatamaa kana bu’uura S/D/F/Y keewwata 149 (5)tiin seera yakkaa keewwata 32/1A fi Labsii haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuu fi to'achuuf bahe lakk.1185/2012 keewwata 4 fi 7/1 jalatti adabbii hidha salphaa ji'a 8 [saddeet ] tiin akka adabamu murteesseera.