21/08/2026
Miseensonni Paartii Badhaadhinaa Gamtaa EMGOO Konfiraansii Paartii Waggaa Bara 2018 (Kurmaana 4ffaa) Gaggeessaa Jiru.
Kominikeeshinii EMGOO
Hagayya 15/2018 – Adaamaa
Miseensonni Paartii Badhaadhinaa Gamtaa EMGOO Konfiraansii Paartii Waggaa 2018 Kurmaana 4ffaa bakka miseensonni paartichaa argamanitti bifa hoo’aa fi milkaa’inaan gaggeessaa jiru.
Sagantaa kana irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Walitti Qabaa Gamtaa EMGOO fi Daarektara Olaanaa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa, Obbo Adam Kamaal, konfiraansichi yeroo filannoo marsaa 7ffaa mootummaan keenya gaggeesse sagalee caalmaan injifate booda gaggeeffamuun isaa adda isa taasisa jedhan.
Obbo Adam, mootummaa Paartii Badhaadhinaan durfamuun waggoota darban keessatti hojiiwwan hawaasa fayyadamaa taasisan hedduu hojjechuu ibsuun, amaanaa ummanni irra deebiin kenne galmaan gahuuf miseensonni paartichaa itti-gaafatamummaa fi kutannoo olaanaan hojjechuu qabu jedhan.
Dabalataan konfiraansicha irratti:-
1. Gabaasni hojii hanga Kurmaana 4ffaa bara 2018
2. Gabaasni Koree Inispeekshinii fi Naamusa Paartii Badhaadhinaa Gamtaa EMGOO
3. Karoora hojii Gamtaa EMGOO bara 2019 dhiyaachuun mariin bal’aan irratti gaggeeffamaa jira.Marii fi gamaaggama gabaasota dhiyaatan booda konfiraansiin kun kan goolabamu ta’a..