15/05/2022
Sheikh Amiin Ibroo Seid jachuun Daa'ii Addunyaa guutuu (Dirre Dawa irraa hanga Austoralia tti) Da'awaan isaa walgeeysee dha.
Hayyuun jaalatamaan kun waggaa 30 oliif Masjiida Baaburrahmaa keessatti salaachisaa, qaraasisaa ture. Yeroo Ramadaanaa Tafsiira Quraanaa, Siiraa Nabiyyii S.A.W, kan sahaabotaa fi taabi'ootaa barsiisaa ture.
Waggoota 20'n dabran ammoo kitaaba akka, Riyaadaa, Buluughaa faas barsiisaa ture.
Kana malees Da'awaan isaa Afaan Oromootiin, Africa Tv, Hamiltan, Nuur Alhudaa fi Tv Islaamaatiin Islaamaa addunyaa bira gaheera. Miliyoonotaan daawwatama, caqasama!
Hayyuun kun waggaa shaniif Presidantii dhimma Islaamaa Magaalaa Dirree tahuun tajaajilaa kan ture yoo tahu yeroo ammaa walitti qabaa Du'aataa fi Imaama Oromiyaa tahuun tajaajilaa jira.
Sheekhni Da'awaaf bakki isaan hin deemin hin jiru. Ollaa teenya Kenya irraa eegalee, South Africa, Middle east, America state adda addaa yeroo jaha oliif deemeera. Germany, sweden, France, dabalatee biyyoota Europe 16 ol deemeera. Biyyoota fagoo kanneen akka Canada, Australiallee hin hanqanne.
Gaafa Miidiyaan hin jirre Kaaseetaan, addatti ammoo yeroo ammaa, Miidiyaa Addaa, Facebook irratti Page banachuun sa'aa 24 barsiisaa jira. Maasha Allah!
Rabbi Umrii isaanii nuuf haa dheereeysu!
Barreeysaan: Hamza Abdulhakim.
Galatoomaa!