09/03/2026
Tartiiba Itti Fayyadama Appilikeeshinii "Mircaayee"
1. Appilikeeshinii galmeessa filattootaa "Mircaayee"jedhamu Play Store ykn App Store irraa buufachuun bilbila keessan irratti fe'adhaa (install godhadhaa).
2. Itti aansun, Appilikeeshiniiwwan bilbila keessan irratti fe'aman keessaa "Mircaayee" kan jedhu bantu.
3. Itti aansuun, appilikeeshinii "Mircaayee" baname keessaa afaan ittiin fayyadamuu barbaaddan filattu.
4. Afaan erga filattaniin booda, tarree dhiyaatan keessaa (Profile) ibsituu Keessan ijaaraa "kan jedhu tuqaa.
5. Itti aansuun, filannoo "Fayyadama Faayidaatiin Gara Teessoo" jedhu tuqaa.
6. Fuulli Faayidaa (Fayda page) wayita isiniif dhufu, waraqaa eenyummaa Faayidaa keessan irraa lakkoofsa dijitii 16 (FAN) erga galchitaniin booda, lakkoofsa mirkaneessaa yeroo tokkoo (OTP) dijitii jaha bilbila keessanitti ergamu guutaa.
7. Odeeffannoo keessan Faayidaa irraa wayita argattan "Itti Fufaa" kan jedhu tuquun, odeeffannoo hafe kan appilikeeshinichi isin gaafatu galchuun saanduqa waliigaltee keessatti mallattoo (check) godhaa.
8. Itti aansuun, odeeffannoo guuttan gara appilikeeshinichatti erguuf "Galchaa" (Submit) kan jedhu tuquun, appilikeeshinicha irraa lakkoofsa eenyummaa filattummaa dhaabbataa ni argattu; kun lakkoofsa eenyummaa filattummaa dhaabbataa isin bira turuu qabudha.
9. Yaadadhaa!, Lakkoofsa eenyummaa filattummaa dhaabbataa argattan jechuun galmeessi keessan xumurameera jechuu miti; "Filannoo Waliigalaa 7ffaaf Galmaa'aa" kan jedhu tuquun isinirra jira.
10. Itti aansuun, teessoo keessan irratti hundaa'uun buufata filannoo isinitti dhiyoo ta'e filachuuf tarree buufataalee filannoo ni argattu.
11. Tarree buufataalee filannoo dhiyaatan keessaa buufata filannoo isinitti dhiyoo filachuun "Galmaa'aa" kan jedhu tuqxu.
12. Naannoo filannoo filattan keessatti yeroo hammamiif akka jiraattan waggaafi ji'aan guutaa. Odeeffannoo galchitan sirrii ta'uu isaa mirkaneessuun sanduuqa irratti mallattoo gochuun, "Mirkaneessi" kan jedhu tuquun filannoof of galmeessitu.
13. Itti aansuun, gosa waraqaa eenyummaa keessanii filachuun, fuulduraafi duuba waraqaa eenyummaa filattanii fakkii (suuraa) kaasuun walitti qabsiisaa.
14. Itti fufuun, guyyaa filannoof kan qabattanii dhuftan, kaardii filannoo yeroo tokko qofaaf tajaajilu sa'aatii 48 booda appilikeeshinicha irraa ni argattu.
15. Kaardii filannoo keessan maxxanfattanii (print gootanii) qabachuuf, filannoo "Gara Fuula Jalqabaatti Deebi'aa" kan jedhu tuquun, fuula jalqabaa irratti filannoo "Maxxansi" (Print) jedhu tuquun isinirra jira.