12/04/2022
Kan Firaaf Eelee Hin Dhaabne Ambaaf Eegee Dhaabdi; Tanaan Firoomni Jiraa'ree Jechuunis Ni Jira
_
Baatii Goototni Oromiyaa yaadataman baatii Eeblaa kana keessatti waraanni haaraa qindaa'an Oromiyaarratti karoorfamee eegalamuun ergaa dabarsuuf yaadame qaba. Guyyaan Gootota Oromoo barayyuu Eebla 15 kan yaadatamu tahee, baatiin kun guutuunis yaadannoodhuma goototaaf oolaa jiraachuun amma Oromoo cufa biratti baratameera.
Lola kana addatti Oromiyaarratti qindeeffachuu isaanii yoo laaltu, handhuurri deeggarsaa Paartii Bilxiginnaa eecha keecha akka tahe daran siif ifa; keessattuu atin PP keecha jirtuufi deeggartu yoo amma siif hin ifin se'eechi siif galuuf hin jiru. Lolli irra jireessa lammiilee nagaa miidha, dubartoota, deessuu, daa'immaniifi maanguddootatu mankaraara.
Warra WBUT wajjiin araara buusna jedhanii qarqaarsi namoomaa gara Tigraay akka seenu daandii saaqan, Oromiyaarratti ammoo 'Shanee' balleessina jedhanii Oromoorratti waraana labsan. 'ti.
Ega araarri bara 2018 'jijjiiramicha' micciirame hordofuun fashalee booda, yaaliin marii qaama sadeessoo biratti godhamuuf taasifame tokkollee hin jiru. Hiree warra WBUT'f uumame san Oromoofis oolchuuf fedhii hin qaban. Fedhii eenyu akka bakka bu'an of saaxilan. Rakkoo bu'ura Impaayerattii raasaa jiru, hariiroo masaanummaa Oromiyaafi Itoophiyaa dullattii jidduu jiru, karaa nagaatiin furuuf fedhii dhabuun isaanii kun eenyummaa isaanii caalaattuu diinummaa isaanii addeessaa jira. !
_
For More Updates - Subscribe, Follow, Like, Share👇
1. https://youtube.com/c/IbsaaGammadaa
2. https://www.twitter.com/IbsaGemeda
_
___
GG
Ibsaa Gammadaa
Finfinnee, Oromiyaa
_