HU Free Legal Aid Service/ Tajaajila Deggarsa Seeraa Bilisaa Y.H

HU Free Legal Aid Service/ Tajaajila Deggarsa Seeraa Bilisaa Y.H Haramaya University Free Legal Aid Service is established in 2010. G.C under the initiation and coordination of the College Law.

Haramaya University Free Legal Aid Services provides free legal support to vulnerable and marginalized communities provided under the College of Law across Eastern and Western Hararghe, Maya City, and Harari Regional State in Ethiopia. Now the office is running more than 56 center operating at West Hararghe, East Hararghe, Maya City and Harari regional State with deploying 59 legal professionals.

Courtesy Visit and Discussion on Institutional Collaboration Between Haramaya University College of Law and the Federal ...
26/08/2026

Courtesy Visit and Discussion on Institutional Collaboration Between Haramaya University College of Law and the Federal Supreme Court of Ethiopia

Haramaya University College of Law was pleased to welcome Hon. Mr. Abebe Solomon, Representative and Head of the Office of the Vice-President of the Federal Supreme Court of Ethiopia, for a courtesy visit and a constructive discussion on potential areas of institutional collaboration and partnership.

The visit provided a valuable opportunity for the College of Law and the Federal Supreme Court to exchange views on areas of mutual interest and explore opportunities to strengthen cooperation between the two institutions. The discussion underscored the importance of developing sustainable institutional partnerships that contribute to the advancement of justice, legal education, research, professional development, and access to justice.

During the discussion, particular attention was given to potential areas of collaboration, including strengthening access to justice, legal research and knowledge sharing, professional development and practical training, institutional capacity building, and the exchange of expertise and experience. The parties also explored opportunities for joint initiatives that could enhance the effectiveness of both institutions while contributing to the broader efforts to improve access to justice and the delivery of justice services.

The Dean of the College of Law, Dr. Richard J. Wentzell emphasized the College’s longstanding commitment to access to justice, legal education, research, and community engagement. He highlighted the College’s Free Legal Aid Service Program, Clinical Legal Education Program, and various research and community service initiatives as important platforms through which the College contributes to the justice sector and serves vulnerable and underserved communities.

Dr. Wentzell further noted that collaboration with the Federal Supreme Court would provide an important platform for strengthening these initiatives while creating meaningful opportunities for students, legal professionals, academics, and justice-sector institutions to learn from and work with one another. Such cooperation, he emphasized, can contribute to bridging the gap between legal education and practice.

Dr. Wentzell also reaffirmed the importance of closer cooperation between academic institutions and justice-sector institutions in responding to emerging legal and justice-related challenges. He emphasized that sustainable partnerships can play a significant role in strengthening the capacity of future legal professionals, promoting evidence-based legal practice and research, facilitating knowledge exchange, and improving access to justice for vulnerable and underserved communities.

The courtesy visit also provided an opportunity to discuss the possibility of developing concrete joint initiatives, professional and academic exchange programs, capacity-building activities, legal research collaborations, practical training opportunities, and other mechanisms for institutional knowledge sharing. These areas of cooperation could provide a strong foundation for a mutually beneficial relationship between Haramaya University College of Law and the Federal Supreme Court of Ethiopia.

Haramaya University College of Law sincerely appreciates Hon. Mr. Abebe Solomon for his courtesy visit, constructive engagement, and interest in strengthening institutional relations. The College looks forward to continued discussions and the development of concrete initiatives aimed at establishing a strong, sustainable, and mutually beneficial partnership with the Federal Supreme Court of Ethiopia.

Haramaya University College of Law
Advancing Legal Education, Justice, Research, and Community Service.

10/08/2026
Haramaya University College of Law and EHRC Strengthen Collaboration on Transitional Justice and Human RightsHaramaya Un...
08/08/2026

Haramaya University College of Law and EHRC Strengthen Collaboration on Transitional Justice and Human Rights

Haramaya University College of Law recently hosted a productive consultative meeting with a delegation from the Ethiopian Human Rights Commission (EHRC) to explore strategic collaboration on Transitional Justice (TJ) and human rights advocacy.

Building on the College’s previous initiatives in Transitional Justice and the EHRC’s national mandate, both institutions agreed to work together to advance **justice, accountability, and human rights awareness in Eastern Ethiopia

Key Areas of Cooperation Identified:

🔹 Victim Engagement and Outreach: Identifying and directly engaging victims in the Harari Region to raise awareness and ensure their meaningful participation in the national Transitional Justice process.

🔹 Capacity Building: Empowering affected communities and vulnerable groups to effectively understand and advocate for their rights.

🔹 Human Rights Advocacy: Collaborating on the investigation of human rights violations, joint reporting, and the promotion and protection of human rights.

As a gesture of continued partnership, the EHRC delegation donated valuable publications jointly produced with the United Nations Office of the High Commissioner for Human Rights (OHCHR), including dedicated guides on the socio-economic rights of vulnerable groups and their engagement in Transitional Justice processes.

Both teams concluded the meeting with a shared commitment and a clear roadmap to translate these discussions into meaningful and impactful action.

Manguddoon soddaan isii intala isii waliin beenyaa qar. million 2.5 akka kafalaniif himate deeggarsa seeraa bilisaa yuni...
03/08/2026

Manguddoon soddaan isii intala isii waliin beenyaa qar. million 2.5 akka kafalaniif himate deeggarsa seeraa bilisaa yunivarsiitii Haramaayaatiin bilisa baate.

Manguddoon tuni Qamaroo Ahmaad jedhamtii jirattuu kutaa magaalaa Addeellee Araddaa/ Ganda Ifaa Oromiyaati. nama umuurin waggaa 70 akka taate himatti.

Jiruuf jireenyi aadde Qamaroo qonnarratti hundaawa, bara dheeraa dura abbaan warraa isii ilmaan gaa'ilaaf hin gahin isiirratti dhiisee boqote, aadde qamaroos bakka haadhaafi abbaa buutee Lafa qonnaa tan abbaa warraa isii waliin qabdu fayyadamtee ilmaan isii guddisuu eegalte, osuma kanaan jirtuu waggaa 17 dura intalti isii tan maqaan isii Maftuu ja'amu nama maqaan isaa Ibsaa Ahmad ja'amutti heerumte.

Achirraa eegalanii soddaa kanas waliin jiraachuu eegalan, obbo Ibsaanis lafa aadde Qamaroo kana isaanii waliin misoomsuu eegale, jimaa duraan qabdu malees kan biraa dhaabuu eegale, mukkeen biraa kanneen akka barzaafii, shawshawwee fi waddeeysaa dabalatee waahedduu dhaabuudhaan lafa tana waloodhaan misoomsaa turan, aadde qamaroofiis mana jireenyaa qorqorroo loohii 40 ijaaranii obbo ibsaafi haati warraa isaatiis mana qorqorroo loohii 250 ijaarratanii keessa jiraachaa akk*ma ilmaatti waliin jiraachuu turan.

Osuma akkanaan jiraniiti guyyuma keeysaa obbo ibsaafi haati warraa isaa qabiyyeen lafa tanaa maqaa isaanii qofaan tahuu akka qabduufi haati isaanii aadde qamaro waahee qabeenyaa keessaa akka baatu godhuuf murteessan.

Kana milkeeysuudhaaf haati warraa ibsaa aadde Maftuun mana murtii deemtee "lafti kun lafa abbaa kiyyaati waan taheef anatu dhaaluu qaba, abbaan qabiyyummaa lafaatiis kiyyuma qofa, haati tiyya humaa keessaa hin qabdu" jachuudhaan himatte.

Aadde qamaroos "lafti kuni lafa abbaa warraa kiyya waliin waloodhaan qabaachuu turre malee kan isaa qofaa miti" jachuudhaan deebii laatte, manni murtiitiis falmii bitaa mirgaa eega dhagahe booda lafti falmii kaase kun qabeenya waloo aadde Qamaroofi abbaa warraa isii akka tahe mirkaneeysuudhaan bakka lamatti adda qoodee, aadde qamaroof waan gama takkaa, intala isiitiifiis waan gama abbaa isii murteesse.

Ammas haarayatti falmiin biraa bifa jijjiirrattee kaate, faraqaa tana obbo Ibsaatu himate, himanni isaa akkana je'a. "Ani obbo Ibsaan lafa warra aadde Qamaroo kana waggaa 17n itti laffa'e lafa kana qarxaa qoteetiin waahedduu dhaabee misoomse, mannallee isaanii jaareetiin keessa jiraachaa jiran, kana hunda gochuudhaaf baasii fi laffaatii Qar. Million lamaafi k*m dhibba shaniinitti ( 2,500,000 ) shalagamuun baase, kanaafuu aadde Qamaroo fi intalti isii( haadhuma warraa isaa aadde Maftuu baaneeti) beenyaa Qar. Million 2.5 haa naaf kafalanii" jachuudhaan himate, yaroo kanaas obbo ibsaafi haati warra isaa aadde Maftuun walumaan jiran.

Akka aadde Qamaro jattutti kaayyoon himata kanaa ani maallaqa dila kana kafaluu waaniin hin dandeenyeef lafuma jalqaba naaf qoodame san naharkaa baasuufi, ani dandahee hin falmadhuu garaan goru dhabeetiin isinitti dhufe " jachuudhaan wirtuu teenya tan tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa jirtutti waraqaa harka qalleeyyummaa isii Ganda jiraatturraa fudhattee dhufte.

Akkasiin Ogeeysi keenya kan wirtuu kanarra jiru kab. obbo Masqasqaloo Tarfaa dhimma isii fudhatee isii bakka bu'uudhaan falmitti dabalamee falmiin cimaan eega gaggeeyfame booda manni murtii falmii gama lamaanii laalee murtee laate.

Murtii kana keessatti himataa fi himatamtoonni akka maatiitti waliin jiraachaa akka turan tuquudhaan, mirgi qabiyyummaa lafaa garuu kan himatamtootaa qofa akka tahe ibsee, laffaatii himataan beenyaa gaafatuuf tana gareen lachuu walumaan laffa'aa akka turaniifi, bu'aa achirraa argamuus walumaan itti fayyadamaa akka turan mirkaneeysuudhaan, wanni himatamaan kophaa isaatti godhe hin jirtu, baasiin inni lafa tanattiin baase ju'ulleen galuma lafa tanarraa argamuuni malee waan dhuunfaa isaa tan bakka biraarraa fidee dhufee miti, qabeenya himate kanaas cina tokko kan jaartii isaatiif qoodametti jaartii isaa waliin itti fayyadamaa akka jiru ibsuudhaan, "himanni inni himate kun bu'ura seeraa hin qabu waan taheef kufaadha" jachuudhaan Manni murtii Ol'anaa Magaalaa Maayaa galmee lakk. isaa 00662 ta'e irratti murtii kanne.

Kanaaniis aadde Qamaro qarshii miliyonaa lama fi k*ma dhibbaa shan (2,500,000) kan ittiin himatamtee irraa bilisaa tatee jirti.

Haqni-Hundaaf! Humna dhabaafi deeggarsa dhabaaf haqa dhabuun haa hafu!

Tajaajila Deeggarsa seeraa bilisaa Yunivarsiitii Haramayaa.

Dhimmi akka obbo Mahammad Muusaa kuni yoo isin mudate wanni godhuu qabdan;1ffaa. Qabeenya isin seera qabeeysaan itti fay...
31/07/2026

Dhimmi akka obbo Mahammad Muusaa kuni yoo isin mudate wanni godhuu qabdan;

1ffaa. Qabeenya isin seera qabeeysaan itti fayyadamaa jirtan ykn harkaa qabdan namni biraa dhufee yoo isin harkaa fudhate, gochi akkasii jeequmsa ja'ama, nama isin jeeqe ammoo hoggaa himattan "akka jeequmsa narraa dhaabuun barbaada ja'attanii" himachu qabdan, santu karaa isinirraa gabaabsa, sababni isaatiis manni murtii jeequmsa isinirraa dhaabsisuudhaaf lafti, manni ykn Qabeenyi irratti jeequmsi isinitti ke'e sun seera qabeessaan isin harkaa turuu ykn isin harka jiraachuu qofa ragaadhaan mirkaneessinaan gayaadha, kana mirkaneessinaan falmii dheeraa abbaa qabiyyummaa keessa osoo hin galle dhimmi keessan isiniif furama jachuudha.

Karaa kanaan namni lafa namarraa kireeffateehuu abbaan lafaa yoo dhufee isi jeeqe himatee jeequmsa firraa dhaabsisuu nidandaya. Obbo Mahammad Muusaa hubannoo kana dhabuudhaan karaa dheeraa gara falmii abbaa qabiyyummaatti deeme.

2ffaa dhimma tokkorratti ragaan tokko dhagayamee ykn bu'aan qorannoo tokko dhihaatee garuu gareen isiniin faallaa "bu'aan jalqaba dhihaate kun haqamee haarayatti naaf haa qoratamu" jadhee yoo iyyate, akka adeemsaatti "iyyata dhihaatee kanarratti isinhoo maal jattan" ja'amtanii gaafatamu qabdan, yaroo kana mormuufi fudhachuun gahee keeysan taha jachuudha, yoo xiqqaate carraa baasii lammaffaa baasuuf deemtan kana garee iyyaterraa fudhachuu fa'a ni argattan jachuudha, obbo Mahammad Muussaa carraan kanaas hin arganne.

3ffaa. Dhimmi keeysan qaboo yaa'iitiin qabamee yoo barreeyfame waan barraahe san dubbiftanii ykn isiniif dubbifamee yoo itti amantan malee waan hin beeynerratti mallatteessuu hin qabdan, kan biraa abbaa dhimmaa waan taataniif waan barraawe san gara galcha ykn carbon copy isaa osoo fudhattanii gaariidha, dhimma obbo Mahammad kaba keessatti Ogeessi lammaffaa dhaqee qorate waan barreesse osoo ifa hin godhin biraa deemuudhaan komatame.

4ffaa, akk*ma murtiin isinitti murtaaheen garagalcha gaafattanii fudhachuudhaan yaroodhaan ol'iyyachuu qabdan. Fkf galmeen Mahammad Muusaa kuni eega murtaahe booda " garagalcha suuta fudhattaa deem" naan ja'an jachuudhan osoo daddeebi'uu yaroon ol'iyyaannoo jalaa dhumate.

Eega yaroon ol'iyyaannoo jalaa dhumte booda osoo iyyateehiis "yaroo ol'iyyaannoo dabarsitee jirta" jachuudhaan ifduuba deebifama malee galmeen isaa hin banamtuuf ture, yaroo akkasii jalqaba ol'iyyaannoo akkaan dhiheeyfadhu naaf hayyamaa jattaniiti iyyachuu qabdan, sababa gayaa yaroon ol'iyyaannoo itti isin jalaa dabarte dhiheeyfannaan manni murtii isinnf hayyama, fkf yoo haalli akka obbo mahammad Muusaa kun isin mudate sababa kana tuquudhaan mana murtiitu garagalcha kiyya yaroodhaan naaf hin kannini jattanii ragaadhaan mirkaneessuu dandahu qabdan, Ogeessi keenyaas kanuma godhe.

5ffaa yaroo ol'iyyaattan himatuma mana murtii jalaatti himattan san lammaffaa irra deebi'uu osoo hin taane wanni faraqaa tana ol'iyyaattan komiidha, komii jachuun murtiin mana murtii jalaatti kannamte dogoggora ykn hanqina akkanaa fi akkanaa waan qabuuf haa narraa diigamtu fa'a jachuudhaan waan komachuu feetan ykn waan dogoggora ykn hanqina jattanii yaaddan san ifa gootanii kommachuu qabdan.

6ffaa. Gareen faallaa keeysanii ragaa mana murtii jalaarratti hin dhiheeyfatin jidduma tanatti akka ragaa qabiyyee lafaa tan galmee Mahammad Muusaa keeysa dhuftee tanatti qoppeeyfatee yoo fidate, 1ffaa ragaan mana murtii jalaatti hin dhihaatin amma dhihaachuu hin qabu jattanii mormuu nidandeeysan, 2ffaa hanqina ragaan dhihaate sun qabu qorattanii ragummaan dhihaate kunuu ragaa sirriitii miti jattanii mormuu nidandeeysan

fkf galmee tana keeysatti Ogeessi keenya "qabiyyeen dhihaatte tuni qabiyyee seera qabeessaa miti" jachuudhaan morme, sababa hoggaa dhiheeysus;

1ffaa akkaataa dambii lafa baadiyyaatti qabiyyeen lafaa takka kannamuudhaaf bakka daangeeysitoonni lafa sanii hundi jiranitti lafti sun safaramu qaba, namni mormu yoo jiraate dura falmiin sun furmaata arkachu qaba ja'a, garuu qabiyyeen tuni adeemsa kana hin hordofne, akka kannamte daangeeysitoota lafaatiifi abbaan lafa falmachaa jiru obbo Mahammad muusaatuu hin dhageeye jachuudhaan falme.

2ffaa "qabiyyeen tuni bara 2015 akka kanname dubbata, garuu yaroo san waajjirri lafaa sumudaa mataa isaa kan waajjira lafaa ju'uun hoojjata ture, garuu sumudaan waraqaa qabiyyee kanarratti dhawame sumadaa eega caaseeyfamni haarayni bara 2017 labsiidhaan bahe booda eega waajjiri lafaatiifii waajjirri biraa walitti baqan booda hujiirra oole" jachuudhaan komate, kuniis ragaa amansiisaa waan taheef fudhatama argate.

Dhimma kana fakkaatu haala kanaan akka falmattaniif Hubannoo kana isiniif qoonne.

Haqni-Hundaaf humna dhabaafi deeggarsa dhabaaf haqa dhabuun haa hafu!

Tajaajila Deeggarsa seeraa bilisaa Yunivarsiitii Haramayaa.

Dubartiin ganna 17 tan osoo himanni isii hin dhaqqabin gaa'illii isii isii duubaa diigamee ture tajaajila deeggarsa seer...
31/07/2026

Dubartiin ganna 17 tan osoo himanni isii hin dhaqqabin gaa'illii isii isii duubaa diigamee ture tajaajila deeggarsa seeraa bilsaa yunivarsiitii Haramaayaa arkachuudhaan dhimmi isii irra deebiidhaan laalameefii haqa isii argatte.

Maqaan isii Asantu jamaal jadhama, jiraattuu aanaa bookee araddaa 01ti, daa'ima umriin 17ti, bara 2017 ji'a ammajjii keessa abbaa warraa ishii gaa'ila hundeeyfatte, yaroo xiqqoof eega wajji turan booda abbaa warra ishii waliin waldhabanii biraa sokkite, yaroo kana abbaan warraa isii gara mana murtii shariyaa aanaa bookee dhaqeedhuun gaa'illi himattuu tanaa waliin qabu akka diigamu gaafate, manni murtii shariyaa aanaa bookeetiis lakki. Galmee 05927 tehe irratti gaa'ila isaanii diige, yaroo kana isiin ulfa daa'ima ji'a 4 tahe garaa qabdi. Silaa dirqama yaamamtee dhihaachu qabdi ture, yoo bakki isiin jirtu wallaalamellee beeysisni maxxanfamee ijibbaatamu qaba ture, garuu kun hin taane, gaa'illi isii nidiigame

Yaroo waraqaan diiggaa gaa'ilaa laatamuuf dhimmi abbummaa daa'ima garaa qabduutiifi dhimmi qallaba gaafa daa'imni kun dhalatee isii yaachisuu eegale, xiqqaatullee dhimmi qabeenya dhuunfaa isiitiifi kan jaarsa waliin horataniitiis akka seeraan murtii argatu barbaadde.

Rakkoo tana furachuuf Joollummaa, dubartii tahuufi harka qalleeyyummaa waan qabduuf gargaarsa seeraa bilisaa akka argachuu dandeessu namarraa dhageessee gara wirtuu tajaajila Deeggarsa seeraa bilisaa Yunivarsiitii Haramayaa kan Mana Murtii Aanaa Bookeetti argamuu dhufte.

Ogeessi Deeggarsa seeraa bilisaa keenya kab. Obbo Gaaddisaa Ahmad humattuu kana bakka bu'uudhaan deeggarsa seeraa bilisaan taasiseen galmeen isii of duuba deebi'ee filannoo isaanii hordofuudhaan mana murtii shariyaa irraa gara mana murtii idilee anaa bookeetti jijjirame, himatamaaniis ni dhihaate, ogeeysi keenyaas mirgi ishii akka eegamu falmuu eegale.

Daa'imni garaa jiruu kan himatamaa tahuun morminii waan hin kaasiniif manni murtii akka daa'ima garaa qabdu mirkaneessee hoggaa daa'imni amma garaa jiru dhalate himatamaan mashrufa/ qallaba daa'imaa akka kafaluu fi gama qooddii qabeenyaatiin ammoo isiinis qabeenya dhuunfaa isaa kan ishii bira jiru akka deebiftuufi qabeenyi dhuunfaa isiitiis akka isiif kannamu jachuudhaan galmee lakk. Isii 71582 tahe irratii murtii kannee jira

Murtii kanaaniis qabeenya dhuunfaa isii kan tahe mahrii ishii iddoo jimaa kataaraa 10 qabdu tan aana bookee araddaa 08 kessati argamtu argattee qabeenya waliin qaban ammoo qixxeetti qodattee jirti.

Haqni-Hundaaf!
Humna dhabaafi deeggarsa dhabaaf haqa dhabuun haa hafu!

Tajaajila deeggarsa seeraa bilisaan yunivarsiitii Haramaayaa.

Aayyoon suuraan isii gaditti argitan tun abbaa warraa isii balaa makiinaatiin dhabdee karaa tajaajila deeggarsa seeraa b...
31/07/2026

Aayyoon suuraan isii gaditti argitan tun abbaa warraa isii balaa makiinaatiin dhabdee karaa tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa yunivarsiitii Haramaayaatiin beenyaa irkattummaatiifi baasii wallaansaa Qar. 314,000 murtiidhaan argatte.

Maqaan isaanii aaddee Kadijaa Jibroo jedhama, jirattuu kutaa magaalaa Haramaayaa, araddaa 01ti.

Aayyoo tana abbaa warraa isii kan Obbo Aliyyii Durrii Aliyyii jadhamu konkolataa himatamaa obbo Afandi Mahamad jedhamun dhawamee osuma wallaansarra jiruu sabubuma saniin lubbuun isaa baate.

Aayyoon tuni manguddoo humna hin qabnee fi harkaqalleeyyii yoo taatu jireenya isiitiif Abbaa warraa isii kan balaa makiinaatiin du'e kanarratti irkattee jiraachaa turte.


Eega inni du'e booda baasii wallaansa isaatiif baafteefi sababa abbaa warraa isii balaa konkolataatiin dhabdeef beenyaa irkattootaaf kafalamu akka isiif kafalau abbaa makiinaa gaafatte, abbaan makiinaa makiinaan kiyya hin ajjeefne jachuudhaan waakkate.

Rakkoo tana gara mana murtiitti fiddee furachuuf baasii falmattuun waan dhabdeef waraqaa harka qalleeyyii tahuu isii ibsu araddaa keeysa jiraatturraa barreeyfattee gara wirtuu tajaajila Deeggarsa seeraa bilisaa Yunivarsiitii Haramayaa kan Mana Murtii ol'aanaa Magaalaa Maayaa jiruutti dhufte.

Ogeessi keenya kan wirtuu tajaajila Deeggarsa seeraa bilisaa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa jiru kab. obbo Masqasqaloo Tarfaa dhimma isii kanarratti isii bakka bu'uudhaan beenyaa sababa du'aatiin hirkatootaf gaafatamu isiidhaaf gaafate, himatamaan kafaluu hin qabu jedhee waakkatullee ragaa bitaa fi mirgaa eega qorate booda manni murtii Ol'aanaa Magaalaa Maayaa dhaddacha guyyaa 11/9/2018 oleen galmee lakk 00627 ta'e irratti beenyaa qarshii 314,000 himatamtuudhaaf murtessee yaroo ammaa murtiin kunilleen rawwatameefii jira.

Haqni-Hundaaf! Humna dhabaafi deeggarsa dhabaaf haqa dhabuun haa hafu!

TAJAAJILA DEEGGARSA SEERAA BILISAA YUNIVARSIITII HARAMAYAA.

Manguddoon suuraa isaa gaditti argitan kuni lafa isaa tan dhabee ture sababa tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa yunivars...
31/07/2026

Manguddoon suuraa isaa gaditti argitan kuni lafa isaa tan dhabee ture sababa tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa yunivarsiitii Haramaayaatiin deebi'ee arkate.

Maqaan isaa Mahammad Muusaa waaree ja'ama, jiraataa Aanaa Mayyuu muluqqee araddaa majoo waldayaati.

Mahammad Muusaa jaarsa/ manguddoo umriin isaa ganna 80 oliiti, jiruuf jireenyi jaarsa kanaa qonnarratti hundaawa, lafa qonnaa tan bara dargaggummaa isaarraa eegalee qotachaa ture qaba, lafa tanarratti fuudhee ilmaan 11 horate, ilmaan isaatu kan ilmaan 7 qabu fa'a jira, walumaa galatii isaafi haadha warraa isaa dabalatee, ilmaan isaa kan dhiiraatiifi ilmaan isaanii waliin nama hedduutu lafa tanarraa jiraata.

Lafa madda jiruu warra kanaa taate tana bara 2016 keessa himatamtoonni 3 lafti tun dur lafa warra ( gosa ) teenyaati jachuudhaan dirqiin jaarsa kanaafi maatii isaa keeysaa baasanii ifii qotachuu eegalan.

Manguddoon kuniis manguddoota, bulchiinsa araddaatiifi namoota naannawa sanitti dhageeytii qaban bira deemee himatuus jarri fala isaa gadi lakkisuu didan, boodarra fala dhabnaan gara mana murtii Aanaa mayyuu muluqqee dhaqee himate, abbaan seeraatiis ragaa gama lachuu jiru eega dhagahe booda ragaan dhagayame kuni murtii haqaa muruuf gayaa miti jachuudhaan waajjirri lafaa aanaa mayyuu mulluqqee ogeeysa ergee dhimma kana akka adda baasu ajaje, ogeeysi ajajames dhaqee manguddoota keeysa beeytota tahan, daangeeysitoota lafaatiifi qaama bulchinsa araddaarraa dhimmicha qulqulleeysee gara mana murtiitti deebi'e.

Bu'aa qorannoo tanaatiin manguddoofi keeysa beeytonni "lafti tun ta himataa( ta manguddoo kanaa) akka taate beeyna" ja'anii ragaa bahan, bulchinsi araddaatiis " lafti maqaa himataatiin jirti " jachuudhaan waraqaa galmee gibiraa tan manguddoon kuni bara 1990-oota irraa kaasee gibira itti kafalaa tureen mirkaneeyse, bu'aan kuniis mana murtiitiif dhihaate.

Abbaan seeraatiis ragaa kana fudhatee murtee kannuu beellamate, jidduma tanatti dubbiin gara galte, "himatamaan dhimmi kuni 2ffaa naaf haa qoratamuu jachuudhaan iyyate" jadhamee guyyaa murteef beellamame san dhimmi kun lamaffaa akka qoratamu ajajani dabre, ogeeysi Waajjira lafaa kan jalqaba dhaqees faraqaa tana nijijjiirame, ogeeysi haarayni ergamee dhaqe "lafti tahimatamaati " jachuudhaan bu'aa qorannoo haaraya qabatee gara mana murtii dhufe, tanuma keeysa ogeeysumti kuni waraqaa qabiyyee lafaatiis qoppeeysuudhaan himatamaa harkaan gaye.

Abbaan seeraatiis kuni ragaa gayaadha jachuudhaan gaafa guyyaa 15/4/2017 lafti ta himatamaati jadhee murtii kanne, garuu bu'aan qorannoo tan ragaa gayaadha jadhame sun eega murtiin kannamte booda gaafa guyyaa 16/4/2017 barraawee dhihaate.

Manguddoon kuni boodarra gara goru dhabnaan wirtuu tajaajila Deeggarsa seeraa bilisaa yunivarsiitii Haramaayaa tan Mana murtii aanaa mayyuu mulluqqee jirtu dhaqee rakkoo tana himate.

Ogeeysi keenya kan yaroo san achi ture kab. Obbo Ahmaddiin Toofiq manguddoon kuni rakkataa tahuu eega mirkaneeyfate booda isa bakka bu'ee gara mana murtii olaanaatti iyyateef, murtiin mana murtii jalaatti kanname dogoggora adeemsaatiifi hanqina madaallii ragaa fa'a akka qabdu ibsuudhaan komii dhiheeyse, manni murtii ol'aanaatiis dogoggorri akka uumame amanuudhaan falmiin eegalame, falmii dheeraa booda manni murtii ol'aanaa Godina Harargee waajjirri lafaa godina Harargee bahaa ogeeysa naamusa qabu ergee dhimma kana qoratee bu'aa qorannoo akka dhiheeysu ajaja dabarse.

Waajjirri lafaa godina Harargee bahaatiis akk*ma ajajametti ogeeysa erge, ogeesichis qaamaan dhaqee yaroo qoratu ragaaleen jiran hundi lafti tan himataa( manguddoo kanaa) akka taate mirkaneesse, waraqaan qabiyyee tan himatamaan baafatee harkaa qabuus qabiyyee seera qabeessaa akka hin tahin mirkaneeyse, tanaa tana jidduu barri 2017s dhumee manni murtii cufame.

Bara 2018 hoggaa manni murtii banamu ogeeysi keenya qaaxa dhaqee mana murtii ol'aanaa Godina Harargee Bahaatti argame, boodarra manni murtii ol'aanaa godina Harargee bahaa dhaddachi lafaatiis ragaalee dhihaatan kanarratti hundaahuudhaan murtiin mana murtii jalaatti kanname akka dogoggora qabdu ibsee, lafti ta himataati jachuudhaan dhaddacha lakk. Galmee 119232 ta'e irratti murtii kanne.

Haala kanaan manguddoon kuni oomishaa bara lamaa kan bara 2016 fi 2017 dhabuullee murtiin dogoggoraan itti murtooytee turte sun irraa diigamtee lafti isaa ta humnaan isa harkaa baate seeraan isa harkatti deebitee jirti, yaroo ammaa kana murtiin sun raawwatamteefii lafa san harkaan gayatee oomisha bona baranaa qotateetiti jira.

Haqni-hundaaf ! Humna dhabaafi deeggarsa dhabaaf haqa dhabuun haa hafu!
Yajaajila deeggarsa seeraa bilisaa Yunivarsiitii Haramaayaa.

19/07/2026
Daawwannaa, To’annoo fi Hordoffiin Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa Itti FufeDaawwannaan, to’annooniifi hordoffiin hoj...
17/07/2026

Daawwannaa, To’annoo fi Hordoffiin Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa Itti Fufe

Daawwannaan, to’annooniifi hordoffiin hojii tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa itti fufuun, Wirtuulee Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa Bulchiinsa Magaalaa Maayaa fi Naannoo Hararii keessatti argaman irratti gaggeeffameera.

Daawwannaan kun Wirtuulee Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa Naannoo Hararii keessatti argaman irraa kan eegale yoo ta’u, Wirtuu Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa Mana Amala Sirreessaa Naannoo Hararii, Wirtuu Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa Mana Amala Sirreessaa Godina Harargee Bahaa, Magaalaa Hararii keessatti argamu, akkasumas Wirtuu Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa Mana Murtii Ol’aanaa Naannoo Hararii keessatti argamu irratti qaamaan argamuun daawwannaa, to’annoo fi hordoffiin gaggeeffameera.

Haaluma walfakkaatuun, Bulchiinsa Magaalaa Maayaa keessatti Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Maayaa irratti to’annoo fi hordoffiin gaggeeffameera. Dabalataanis, hojjettoota Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa waliin mariin bal’aan taasifameera.

Yeroo daawwannaa kanaatti, dhimma kennitinsa Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa waliin walqabatee qaamota haqaa olaanoo Naannoo Hararii waliin mariin bal’aan gaggeeffameera. Marii kana keessatti, Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Hararii irraa Itti Aanaa Hoogganaa Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Hararii, Kab. Obbo Lataa Badhaadhaa Cawwaaqaa, akkasumas Daayrektara Daayrektoreetii Mirkaneessa Sanadootaa fi Bulchiinsa Abukaatoo fi Siivilii, Kab. Aadde Sitraa Yuusuuf Mohammad waliin, ulaagaa fi haal-duree hayyama abukaattummaa waliin walqabatan, akkasumas hanqinoota jiran irratti mariin bal’aan taasifameera.

Akkasumas, Mana Amala Sirreessaa Naannoo Hararii keessatti, Kab. Obbo Waasee Kaasaa, Daayrektara Daayrektoreetii Kutaa Tajaajila Deeggarsa Seeraa Mana Amala Sirreessaa Naannoo Hararii waliin mariin bal’aan gaggeeffameera.

Marii kana keessatti ciminaalee fi hanqinoota hojii tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa irratti mari’achuun, qabinsaafi mirga hidhamtootaa waliin walqabatee gargaarsa seeraa barbaachisu irratti xiyyeeffannoon kennameera. Akkasumas, kallattii hojii fuulduraa irratti tumsaafi waliin hojjechuun akka itti fufu waliigaltee irra ga’ameera.

Qaamoleen haqaa marii kana irratti hirmaatan yaada kennaniin, Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa irraa harka qalleeyyiifi namoonni sirreeffama seeraa barbaadan hedduun fayyadamaa akka jiran ragaa bahuun, tajaajilicha irratti gammachuu qaban ibsaniiru.

Wirtuulee daawwataman hunda keessatti hojii Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa haala gaariin kennamaa jiraachuu kan ibsan Hoogganaa fi Qindeessaan Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa Yunivarsiitii Haramayaa, Kab. Obbo Caalaa Yuuyyee, milkaa’inoota jiran jajjabeessuun, hanqinoota mul’atanis yeroo hin kennin qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun akka furaman hojjetamu ibsaniiru.

Haqni Hundaaf!
Humna dhabaafi deeggarsa dhabuun haqaan ala ta’uun haa hafu!

Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa
Yunivarsiitii Haramayaa

📅 Adoolessa 8–11, 2018

Address

Telephone: +251-25-5530334 FAX: +251-25-5530325/31 P. O. Box: 138 Dire Dawa
`Alem Maya
0000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when HU Free Legal Aid Service/ Tajaajila Deggarsa Seeraa Bilisaa Y.H posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share