08/03/2024
Aanaa Adaabbaatti fooramiin abbootii qabeenyaa investimentii irratti bobba'anii jiran waliin gaggeeffame.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaatti fooramiin abbootii qabeenyaa invastimantii waliin gaggeeffame.
Ogeessi deeggarsaafi hordoffii pirojektoota inveestimentii zoonii fi kilaastaraa Injiinar Aloo Huseen fooramiin kun abbootiin qabeenya lafa investimentiif fudhatan irratti hojii hojjachaa turan maalirra akka jiran keessatti akka of ilaalanii fi gara fuunduraatti dorgommii jajjabaa taasisanii hojjachuun jijjiirama ofiifi aanichaas akka fidaniif kaka'umsaan uumuuf qophaa'uu ibsan.
Obbo Hasan............nvestaroonni lafa investimentiif fudhatan kaayyoo fudhataniif oolchuun faayyadamummaa ummataas giddu galeessa taasifachuun,faaydaa isaan irraa eegamuuf hojjachuu akka qaban dhaaman.
Ittigaafatamaan waajjira Investimentiifi Industirii Obbo Yabaa Haajoo investaroonni harkifannaa keessa jiran ariitiin akkatuma walii galtee qajeelfama taa'eetiin hojjachuun mirgaa fi dirqama isaaniis bahachuu akka qaban dhaaman.
Iddoon Fooramichi itti gaggeeffames Investment Xumuramee Hojiitti galuu dhabee Turis Hotel yeroo dheeraaf ture Hojiitti galchuuf Waajjirichi Tarkaanfii fudhatee Galmatti fayyadmuun A/Qabeenyaa biroos akka irraa barataniif Kan tasifamedha
Dhumarratti abbootii qabeenyaa lafa investimentiif fudhatanii hojii foooyyee qabu hojjataniif beekamtiin kennameera.