East Shewa Zone Finance Office

East Shewa Zone Finance Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from East Shewa Zone Finance Office, Government Organization, Adama.

01/09/2026
27/08/2026
East Shewa Zone Finance Office Staff🎊🫶Giddugalli Yaadannoo Adawaa Zeeroo Zeeroo, Wiirtuu Tokkummaa Ummattoota Itoophiyaa...
25/08/2026

East Shewa Zone Finance Office Staff🎊🫶

Giddugalli Yaadannoo Adawaa Zeeroo Zeeroo, Wiirtuu Tokkummaa Ummattoota Itoophiyaa keessatti argamu, seenaa injifannoo Adawaa fi gootota Itoophiyaa dhalootaaf dabarsuuf kan hundaa’eedha.

Adawaa Zeeroo Zeeroon dirree goototni Itoophiyaa kallattii Afran biyyattii irraa walitti dhufuun, Gaara Adawaa irratti humna Xaaliyaanii injifatan yaadachiisa.

Giddugala Yaadannoo Adwaa Zeeroo Zeeroo keessatti sidaa yaadannoo gootota Adawaa, meeshaalee yeroo waraanaa loltoonni itti fayyadamaa turan, akkasumas xiyyaara jalqaba Itoophiyaa keessatti hojjetamee fi maqaan isaa “Tsahaayii” jedhamu dabalatee, yaadannoowwan seenaa hedduun argamu.

Haaluma kanaan, hojjettootaa fi hoggantoonni Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa Giddugala Yaadannoo Adwaa Zeeroo Zeeroo daawwachuun, seenaa fi qabeenyaalee yaadannoo achi keessatti argaman daawwataniiru.

Hojjettoonni waajjirichaa daawwannaa isaanii ilaalchisee gammachuu qaban ibsuun, seenaa fi gootummaa abbootiin keenya wareegama lubbuu isaanii kaffaluun dhalootaaf dabarsan kunuunsuun, dhaloota dhufuuf dabarsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Seenaa gootota keenyaa beekuun, kunuunsuun fi dhalootatti dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota har’aa ta’uu hubachiisaniiru.

10/08/2026
09/08/2026
📊 "Baajata Ramadame Iftoomina fi Itti Gafatamummaadhaan Hojiirra Oolchuun Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessa"    Waajjirr...
09/08/2026

📊 "Baajata Ramadame Iftoomina fi Itti Gafatamummaadhaan Hojiirra Oolchuun Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessa"





Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa xiinxala itti-fayyadama bajataa 2018 fi kallatti qooddii fi labsii baajataa bara 2019 Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalootaa irratti mariin gaggeeffamee jira. 📉

Waltajjii marii kana irratti Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo, I/A Bulchaa Godinaa Obbo Guutaa Gadaa, Hooggantoonni Seektaroota Godinaa, Bulchitoonni Aanaa fi Kantiibaan Bul. Magaalotaa, akkasumas Hooggantootaa fi Ogeessonni Waajjira Maallaqaa Aanaalee fi Bulchiinsota Magaalotaa argamaniiru. 👥

"Sirni Bulchiinsa Baajata, Faayinaansii, Bittaa fi Bul. Qabeenya Mootummaa gama hundaan jiru karaa bu’aa qabeessa, ga’uumsa, iftoominaa fi qindoomina qabuun hojii irra ooluun jireenyi hawaasaa akka fooyya’u taasisa" jedhan Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo.

"Imaammata, tarsiimoo, seerotaa fi qajeelfamoota bulchiinsa faayinaansii mootummaa hojii irra oolchuun Sirna qabiinsa baajataa fi herrega mootummaa bu’a qabeessa taasisuun hunda irraa akka eggamu" Itti Aanaan Bulchaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Guutaa Gadaa itti dabaluun ibsan.
Barreeffamni xiinxala itti-fayyadama baajataa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa bara 2018 fi kallattii qooddii fi labsii baajataa Aanaalee fi Bul. Magaalaa bara 2019, akkasumas raawwii argannoo oditii bara 2018 Itti-Gaafatamaa Waajjira Mallaqaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Dastaa Tarreessaatiin hirmaattota waltajjiif erga dhiyaatee booda mariin bal'aan gaggeeffamuun kallattiin hojii gara fuulduraa kennameera.
East Shewa Zone Finance Office

𝗢𝗗𝗨𝗨 𝗚𝗔𝗗𝗗𝗔𝗔Hojjattuu Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa kan turan Adde Badriyyaa Abdulbaasix du'aan addunyaa kanarra...
02/01/2026

𝗢𝗗𝗨𝗨 𝗚𝗔𝗗𝗗𝗔𝗔
Hojjattuu Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa kan turan Adde Badriyyaa Abdulbaasix du'aan addunyaa kanarraa boqatan.

Muddee 24, 2018
Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaatti Dursaa Garee Odiitii Faayinaansii kan turan Adde Badriyyaa Abdulbaasix guyyaa kaleessaa Muddee 23, 2018 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

Adde Badriyyaa Abdulbaasix dhukkubsachuun Hospitaalota adda addaatti yaalamaa turanis dhibee isaan mudaterraa bayyanachuu hin dandeenye.

Sirni Awwaalcha isaaniis bakka Maatiin, Firoottanii fi Waahillan hojii argamanitti Magaalaa Adaamaatti guyyaa har'aa raawwatameera.

Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa Maatii, Firoottanii fi Waahillan Hojii Isaanii maraaf jajjabina hawwa.

Address

Adama

Opening Hours

Monday 08:30 - 17:30
Tuesday 08:30 - 17:30
Wednesday 08:30 - 17:30
Thursday 08:30 - 17:30
Friday 08:30 - 17:30

Telephone

+251221121738

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when East Shewa Zone Finance Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share