17/08/2026
‘African Industries Group’ (AIG) Carraa Invastimantii irratti Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa waliin Mari’ate
Adaamaa Oromiyaa,Itoophiyaa Hagayya 10, 2018, dhaabbata industirii garaagaraa keessatti bobba’ee fi waajjira muummee isaa Naayijeeriyaa keessatti qabu, bakka bu’oota Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa waliin carraa invastimantii fi tumsa industirii zoonicha keessatti uumamuu danda’u irratti mari’atan. Mariin kun AIG’n teessuma tarsiimawaa Gada SEZ, bu’uuraalee misoomaa industirii, onnachiiftuu fi faayidaalee invastimantii, akkasumas gabaa naannoo fi Afrikaa bal’aa fayyadamuun invastimantii gochuu danda’u irratti xiyyeeffate. Keessattuu, carraan invastimantii oomisha sibiilaa fi meeshaalee sibiilaa, meeshaalee ijaarsaa, keemikaalotaa, oomisha pilaastikaa, qophii fi adeemsa industirii, anniisaa haaromfamuu danda’u, akkasumas dameewwan oomishaa biroo irratti mari’atame. AIG yeroo ammaa Naayijeeriyaa keessatti warshaalee fi dhaabbilee oomishaa gara 35 ta’an qabaachuun dameewwan industirii hedduu keessatti muuxannoo bal’aa qaba.
Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa ammoo mul’ata isaa giddugala industirii fi invastimantii walitti hidhame, dorgomaa fi sadarkaa addunyaa ta’e ijaaruu, invastaroota idil-addunyaa hawwachuu fi oomisha al-ergii irratti xiyyeeffate guddisuu irratti ibsa kenne. Motuma Tamesgen, Daayirektara Olaanaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa, akkana jedhan:
“AIG waliin hojjechuu fi carraa invastimantii waloo Gada SEZ keessatti qorachuuf fedhii guddaa qabna. Muuxannoo industirii AIG ni simanna; marii kana gara invastimantii qabatamaatti jijjiiruuf ni hojjenna.” Walitti dhufeenyi AIG fi zoonichaa kun hariiroo invastimantii damee dhuunfaa Naayijeeriyaa fi Itoophiyaa cimsuu, teeknooloojii industirii dabarsuu, carraa hojii uumuu fi dandeettii oomishaa Itoophiyaa guddisuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’eera. Gama lamaanittuu marii itti fufsiisuun carraawwan invastimantii qabatamaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa keessatti raawwatamuu danda’an caalaatti qorachuuf fedhii cimaa qaban ibsaniiru.
‘AIG African Industries Group’ በገዳ ልዩ የኢኮኖሚ ዞን የኢንቨስትመንት ዕድሎችን በተመለከተ ውይይት አካሄደ
አዳማ ፤ኦሮሚያ፣ ኢትዮጵያ ነሐሴ 10፣ 2018
በናይጄሪያ ዋና መሥሪያ ቤቱን ያደረገው የተለያዩ የኢንዱስትሪ ዘርፎች ላይ የሚሰራው African Industries Group (AIG) ከገዳ ልዩ የኢኮኖሚ ዞን ተወካዮች ጋር በኢትዮጵያ ስለሚኖሩ የኢንቨስትመንት ዕድሎችና የኢንዱስትሪ ትብብር እድሎች ውይይት አካሂዷል። ውይይቱ በተለይ የገዳ ልዩ የኢኮኖሚ ዞን ስትራቴጂያዊ አቀማመጥ፣ የኢንዱስትሪ መሠረተ ልማት፣ የኢንቨስትመንት ማበረታቻዎች እና የክልላዊና የአህጉራዊ ገበያ ተደራሽነትን በመጠቀም AIG ኢንቨስትመንት ማድረግ ስለሚችልባቸው አማራጮች ተመስርቷል። በውይይቱ የብረትና የብረታብረት ማምረት፣ የግንባታ ዕቃዎች፣ ኬሚካል፣ የመስታወት ምርት፣ የኢንዱስትሪ ማቀነባበር፣ ታዳሽ ኃይል እና ሌሎች የማምረቻ ዘርፎች ላይ ያሉ የኢንቨስትመንት ዕድሎች በተለይ ተነስተዋል። AIG በአሁኑ ወቅት በናይጄሪያ ውስጥ ወደ 35 የሚጠጉ የማምረቻ ፋብሪካዎችና ተቋማት በማንቀሳቀስ በተለያዩ የኢንዱስትሪ የእሴት ሰንሰለቶች ሰፊ ልምድ አከማችቷል።
ገዳ ልዩ የኢኮኖሚ ዞን ደግሞ ዓለም አቀፍ የማምረቻ ተቋማትን ለመሳብ፣ ከውጭ ገበያ ጋር የተያያዘ ምርትን ለማሳደግ እና ተወዳዳሪና የተቀናጀ የኢንዱስትሪና የኢንቨስትመንት ማዕከል ለመገንባት ያለውን ራዕይ አቅርቧል። የገዳ ልዩ የኢኮኖሚ ዞን ዋና ዳይሬክተር ሞቱማ ተመሰገን እንዳሉት “ከAIG ጋር በመተባበር በገዳ ልዩ የኢኮኖሚ ዞን ያሉ የጋራ ጥቅም ኢንቨስትመንት ዕድሎችን ለማስፋት ከፍተኛ ፍላጎት አለን። የAIGን የኢንዱስትሪ ልምድ በደስታ እንቀበላለን፤ ውይይቱንም ወደ ተጨባጭ ኢንቨስትመንት ለመቀየር እንሰራለን።”
በAIG እና በገዳ ልዩ ኢኮኖሚ ዞን መካከል የተካሄደው ውይይት የናይጄሪያና የኢትዮጵያ የግሉ ዘርፍ የኢንቨስትመንት ግንኙነትን ለማጠናከር፣ የኢንዱስትሪ ቴክኖሎጂ ሽግግርን ለማስፋፋት፣ የሥራ ዕድል ለመፍጠር እና የኢትዮጵያን የማምረት አቅም ለማሳደግ አስፈላጊ ሚና ያለው እርምጃ ነው።
ሁለቱም ወገኖች ውይይቱን ለማስቀጠልና በገዳ ልዩ የኢኮኖሚ ዞን ሊተገበሩ የሚችሉ ተጨባጭ የኢንቨስትመንት ዕድሎችን በቀጣይ ለመመርመር ጠንካራ ፍላጎት መኖሩን ገልጸዋል።
AIG,African Industries Group Engages Gada Special Economic Zone on Investment Opportunities
Adama, Ethiopia — August 17, 2026
African Industries Group (AIG), a leading diversified industrial conglomerate headquartered in Nigeria, held discussions with representatives of Gada Special Economic Zone (Gada SEZ) on investment opportunities and potential industrial collaboration in Ethiopia.
The engagement explored opportunities for AIG to leverage Gada SEZ’s strategic location, industrial infrastructure, investment incentives and access to regional and continental markets. The discussions particularly highlighted potential opportunities in steel and metal manufacturing, building materials, chemicals, glass, industrial processing, renewable energy and other manufacturing activities aligned with AIG’s extensive industrial experience. AIG operates around 35 manufacturing plants and facilities across Nigeria and has established capabilities across several industrial sectors. Gada SEZ presented its vision of developing a competitive, integrated industrial and investment hub capable of attracting leading international manufacturers and supporting export-oriented production.
Motuma Tamesgen, General Director of Gada Special Economic Zone, said: “We are highly interested in working with AIG and exploring mutually beneficial investment opportunities within Gada SEZ. We welcome AIG’s industrial experience and look forward to translating this engagement into concrete investment.”
The engagement between AIG and Gada SEZ represents an important step toward strengthening Nigeria–Ethiopia private-sector investment ties, promoting industrial technology transfer, creating employment opportunities and expanding manufacturing capacity in Ethiopia. Both sides expressed interest in continuing discussions and exploring concrete investment opportunities within Gada Special Economic Zone.
Visit our website "https://gadasez.et"