22/10/2022
Mat. 7:24-27
-Iyyeesus, "Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama.
-Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, manasanatti bu'an; manichi garuu hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef, hin jigne.
- Namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hin hojjenne hundinuu garuu, nama gowwaa mana isaa hundee malee lafa cirrachaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama.
- Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, mana sanatti bu'an; manichis in jige; jiguun isaas badduu baasa ta'e" jedhe.
Nuunis nama dubbisaa dhaggeefatee Akka dubbisaatti hojiirra oolchu waaqayyoo nuhaa taasisu ...... Ameen
Waaqayyoof Galanni haa ta'u!!