Guddisa Jawar

Guddisa Jawar Abdiis ta'i Abdallaa
Olis ooli gajjallaa
Kudhanis hori kuma
Duras deemi dhuma
Anaaf namni namuma!

Miidiyaa hawaasaa kana erga fayyadamuu jalqabde, haadha fi abbaa nama arrabsitee beektaa? Namni haadha fi abbaa kee si j...
04/07/2025

Miidiyaa hawaasaa kana erga fayyadamuu jalqabde, haadha fi abbaa nama arrabsitee beektaa? Namni haadha fi abbaa kee si jalaa arrabse qalbii kee cabsee beeka?

26/04/2023

Marii araaraa tti boor eegalu gama lachuu namoonni bakka bu'an beekamanii jiru.

Mootummaa bakka bu'uun

1. Doc. Geediyoon Ximootiyoos
2. Amb. Reeduwaan Huseen
3. Kaffaaloo Tafarraa
4. Jeneraal Demis
5. Obbo Boonsaa

ABO-WBO kan bakka bu'an immoo

1. Jireenyaa Guddataa
2. Prof. Mohaammed Hassan
3. Obbo Tahaa Abdii
4. Paastor Bantii Ujuluu
5. Obbo Warquu

Qamni sadaffaan immoo
1. Mootummaa Keeniyaa
2. Mootummaa Norway
3. IGAD

Rabbi Haa Milkeessuu !

  Bishaan qulqulluu dachee eebbifamtuu, Jimmarraa qaruuraatti waraabamee fayyadamtootaaf dhihaate. Kanuma keessan fayyad...
16/04/2022



Bishaan qulqulluu dachee eebbifamtuu, Jimmarraa qaruuraatti waraabamee fayyadamtootaaf dhihaate. Kanuma keessan fayyadamaa.

ከለምለሚቷ ምድር፣ ጅማ ተቀድቶ፣ ለተጠቃሚው በተላያየ መጠን የቀረበ ድንቅ ጣዕም ያለው ውሃ። ጠጥተው ምስክርነትዎን ይስጡ!

Oromoon Lama Hin Jiru, Oromoon tokkicha innis Oromtichaa fi Oromtittiidha✅1. Saboo fi Goona2. Sikkoo fi Mandoo3. Ituu fi...
15/04/2022

Oromoon Lama Hin Jiru, Oromoon tokkicha innis Oromtichaa fi Oromtittiidha✅

1. Saboo fi Goona
2. Sikkoo fi Mandoo
3. Ituu fi Humbaana
4. Maccaa fi Tuulama
5. Raayyaa fi Azeeboo

Dameeleen Kurnanuu Bal'inaa fi Decentralizationiif Malee Qabeenyi Waloo Keenya Oromummaa dha.
Sabni Kunis tokko!!

Dameedhan Gadi Buunee Wal hin Qeeqnus, Adda Wal Hin Qoodnus Eenyunuu tolchus Balleessus Oromticha/Oromtittii tokkotu tolches balleesses malee dameen hin waaminaa, dameen gadi buutanii walis hin dorgominaa!!

Namni kuni qabeenya-የሄ-ሰዉ-ሀብት ነው!-Seenaa goototaa fi hayyootaa hedduun dubbise, kan akka kee garuu ani ijaa fi gurratti ...
30/03/2022

Namni kuni qabeenya-የሄ-ሰዉ-ሀብት ነው!
-Seenaa goototaa fi hayyootaa hedduun dubbise, kan akka kee garuu ani ijaa fi gurratti hinqunnamne. Ati waan baay’edhan namootarraa adda. Dubbiinkoo yoo madaallii kaasef uummata Oromoo dhaloota kanatti jiruuf waan tokko dhaamufiin fedha.

-Innis Haacaaluu gaachanaa fi jirma Tokkummaa keenyaa qaroo qara san dhabnee jirra, namoota qaalii har’a of harkaa qabnu, warra galaanicha sodaatamu kana al takkaan sochoosuu danda’an keessaa inni kuni isa Afrikaarrattuu gita hinqabnedha. Namni kuni qabeenya, itti haa fayyadamnu, kallattii fi alkallattiin Nama kana haa dhaggeeffannu, ittiin haa hoogganamnuun dhaamsa kooti!

-Kan kanarraa hafe rabbi hooggantoota Oromoo gama hundaan karaa tokkicha, galmi isaa gara Odaa geessurratti walitti haa fidu! Hooggansi Oromoo wal haa danda’u, walitti haa dhiyaatu, wal haa mari’atu, xiqqaan guddaa haa dhaggeeffatu.

-Dhaloota abboota qabu, abboota isaatin baadiyyaa fi magaalatti hoogganamu, warra hayyootaa fi jagnoota akka isaan kanneenii warra ardii fi addunyaan ragaa baatef kanneenin hoogganamu haataanu! Isaan kun qabeenya humna Oromooti!

-Rabbi Goototaa kanneen dabalatee hooggantoota qabsoo Oromoo mara nurra haa bulchu, nummoo isaan jalatti qalbii keenya haa qajeelchu!

-Dhumarrati irran deebi’a siyaasni biyya kanaa waggaa lamaa oliif caccabee roga dhabee ture, amma Jawar Mohammed fa’aan ba’anii kallattii dorgommii qabachaa jira. Saba koo humna kee beeki, waan rabbi si badhaase beekii, nama kana dhaggeeffadhuu, warqii ofirraa qabdu beekii, uffadhuu, bareedii muul’adhu!👂

Seenaa Abeebee Tufaa Munaa warra Finfinnee  ================================Abeebee Tufaa Araddoo Gosa Oromoo Tuulamaa k...
20/03/2022

Seenaa Abeebee Tufaa Munaa warra Finfinnee
================================
Abeebee Tufaa Araddoo Gosa Oromoo Tuulamaa keessaa kan warra EEKAA ti.

Bulchiinsi lafti isaan bulchaa turanis Tulluu Ererii asi hanga daangaa warra Manzee gara Ankoobarriitti achi. Garanaan Tufaa Munaa warra Salaalee fi warra Gullallee waliin akka wal daangeessanidha odeeffannoon akka jedhutti.

Horri Finfinnee horiin yoo dhugan ni furdisa ture Kun hafeeti Xaayituu Buxul haati warraa Miniliik Miilli furdannaan qal’iseef…….Seenaan Abeebee Tufaa deebbii qaba…….

Hora Finfinnee Oromoonni Ilmaan Tuulamaa horii obaafatan qabiyyee warra EEKAA jala akka turedha.Deemsa keessas Tufaa Araddoo hora Finfinnee kanarratti ajajaa turaniiru. Namoonni hora kana obaafatan horii dhibbatti horii tokko gibira Tufaa Araddoof kaffalaa turan.

Tufaa Araddoo diinni karaa warra Manzee seenee lafa diriiraa Finfinneerraa kaasee hanga Dabre Siinaatti jiru akka hin fudhanneef waraanaa turaniiru.Karaa warra Manzee kan jiran warra Ankoobarrii warra Miniilik faati.

Akka obbo Tadilaa Odaa Tufaa Araddoo jedhanitti Tufaa Araddoo loltoota hedduu qabu waan turaniif hedduu sodaatamu.Miniliik gaafa mana hidhaa Atse Tewoodiroos Gondorirraa badee dhufe Tufaa Araddoo akka isa dhoksuuf jaarsummaa ergatee kadhachaa akka turedha.

Haaluma kanaanis gamnoomaan haa ta’u baqaan waliin isaa kan hin beekamne gaara Inxooxxorra qubachiifamaniiru.Yeroo sana lubbuu baafannaafidha.

Tufaa Munaa fi Tufaa Araddoo darbee darbee hora Finfinnee kanarratti wal lolaa akka turanidha.Basaastonni yeroo sana turan gidduu Tufaa Munaattii fi Tufaa Araddootti shaakkii uumaniiru qabu dhimma qubannaa Miniliik irratti.

Innis Miniliik looltuu fi qawwee qabateeti na dhooksaa jedhee koolu galtummaa kan gaafate.Warra gidduu obboloota lamaanii(Tufaa Munaa fi Araddoo) deemani immoo Tufaa Munaatti akka Tufaa Araddoo Miniliikiif eeyyamee as dabarseetti itti himu.Tufaa Araddoottimmoo akka Tufaa Munaa dhaqee fideetti itti himu.

Shakkii kanaan Osoo jiranii Tufaa Munaa Farda waraanaa akka Miniliikiif kenneetti Tufaa Araddootti himama.Kanaaf atimmoo Ilma kee tokko naaf ergii ani maseena Mucaa hin qabu nan guddifadha jettee Xaayituu Buxul jaarsummaa ergatteetti Tufaa Araddootti.Innis aarii Tufaa Munàa ilmasaa Abeebee Tufaa kenneef.

Abeebee Tufaas dhaqee kiristinnaa ka’ee maatiisaas kiristinnaa akka kaasiseedha kan himamu.Akka Obbo Tadilaa Odaa Tufaa fi Obbo Zooduu Maammoo Abeebee Tufaa jedhanitti; Miniliik sodaa Tewoodiroos Gondorii dhufee na qabataa qabuun darbee gara Olonkomiitti dhokateera Xaayituu Gaara inxooxxoorratti dhiisee.

Xaayituu lukni (miilli) ishee ni dhiita’a ture.Kanaaf bishaan ho’aa hora Finfinneetti yoo dhiqatte akka fayyitu itti himamnaan Abeebee Tufaa gara Tufaa Araddootti jaarsummaa ergameera bishaan hora Finfinnee eeyyamsiisu.Silaa abbaan ilma didaaree? akka deemtee dhiqattu eeyyamameef.

Hubaadhaa yeroi kanatti Miniliik Inxooxxoo hin jiru.Deddebitee yommuu dhiqattus miilli ishee fooyya’aa akka dhufedha.

Ergaa Xaayituu isa lammaffaa gara Tufaa Araddootti karaa ilmasaa Abeebee Tufaa;
“Miillikoollee baay’ee naaf fooyya’eera xabala baay’ee eebbifamaadha,garuu guyyaa guyyaan gara inxooxxoorraa gara hora Finfinneetti marmaarsi naaf gamee hangan fayyutti bakkuman bulu adaraa gadi siiqeen godoo buufaadha ” jettee eeyyama gaafatattee eeyyamameef.

Gadi siiqxee mooraa amma Yuunivarsiitiin irra jirurratti godoo buufattee deddeebitee dhiqachaa ture.Gaaf tokko Miniliik Olonkomii bakka dhokatee turee gara niitiisaa gaafa dhufu isheen bakka duraan qubachiifamaniiru dhiistee gadi buute isa eegde.”Xaayituun eessa deemtee jedhee gaafannaan kuunnoo goda kanatti galte jedhanii godooshee itti agariisan.

Firummaa Tufaa Araddoo karaa ilmasaanii dabalaa baay’ee dabalaa dhufeen ammas bakkuma amma jiran kana akka turan jaarsummaa dhaqame.sababni Xaayituu asuma turuu barbaaddef Inxooxxoirratti Qorratu na rakkisee maaloo as naaf wayya xaballi keessanis na fayyiseera waan ta’eef nan turaadha.

Tufaa Araddoos eeyyameeraaf.
Silas firoomanii hin gamnoomani mitiree? Xaayituun gaafa tokko Tufaa Araddoof Araqee ergitiif erga gaafa Araqee dhugee Tufaa Araddoo fayyaa dhabee akka du’edha Seenaan kan jedhu.

Warrii Tufaa Munaa abbaan Hora Finfinnee akkasiin nyaataman‼

Kanaan dubbise irraa!

Jabaan Waaqa‼

Namichi dheeraan Ethiopia sun yeroo dubbatu"namni ana caala dheeratu hin jiru, dhaabbanni qaama kiyyaa 2.50 ol ta'a, yer...
16/03/2022

Namichi dheeraan Ethiopia sun yeroo dubbatu"namni ana caala dheeratu hin jiru, dhaabbanni qaama kiyyaa 2.50 ol ta'a, yeroon gabaa keessa deemu nama konkolataan deemaa jiru natti fakkaata, yeroon qotiyyoon qotu hedduun rakkadha dugdi kiyya waan meeshaan qonnaa ummanni itti fayyadamu natti gabaabbatuuf bayyee nadhukkuba, yoon immoo meeshaa qonnaa san qixa dhaabbata kiyyatti tolche sangoonni danda'aanii hin harkisan' jedhe..
Photoon kan isaa miti..
Gaarii keessa bulaa 👍

"Manni Murtii Harree Itti Himatan Hin Jiru. Si'a Sadii Dhiitamee, Si'a Sadeenuu Dhiise"...‼                             ...
16/03/2022

"Manni Murtii Harree Itti Himatan Hin Jiru. Si'a Sadii Dhiitamee, Si'a Sadeenuu Dhiise"...‼

🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁
📌Albart Anistaayin jedhama. Namni kun hayyuu addunyaati. Biyya lafaa kanaaf bu'aa guddaa buusee darbe. Saayintistii beekamaadha. Gaaf tokko osoo inni miilaan magaalaa keessa deemu dargaggoonni isa arganii, ilaali Anistaayin jedhanii walitti agarsiisanii. Inumaa rukutuuf murteessan.

📌Akkuma waliif galaniin inni tokko fiigee dhaqee duubaan dhiite. Anistaayin ilaaleetuma callisee deeme. Xiqqoo yeroo inni achi deemu gurbaan kun ammas fiigee dhaqee dhiite. Anistaayin ilaaleetuma callisee imala isaa itti fufe. Erga inni xiqqoo achi fagaatee booda, gurbaadhumti sun fiigee dhaqqabee si'a sadaffaaf dhiite. Yeroo kanas Anistaayin ittuma dhiise.

📌Namoonni baay'een garuu Gocha kana arganii rifatan. Maaliif ofirraa hin dhoorgitu yookiin maaliif seeratti hin himanne? jedhaniin. Anistaayin ni deebiseef, namticha kana ofirraa dhoorkuuf yeroo isaa hin qabu. Ofirraa dhorka jedhee yoo wal'aansoo waliin qabe, bakka itti deemaa jiru yeroon karoorsetti hin gahu. Seeratti himachuuf ammoo, manni murtii Harree itti himatan hin jiru. Kan nama dhiitu Harreedha, jedheenii bira kutee deeme.

📌Yartuu gita kee hin beekne hundaaf deebii hin kennin. Yaartuu hanga xumuraatti injifachuuf galma qabattee kaatee osoo hin sharafin milkeessii. Of dura tarkaanfadhu nama koo!

Kan Dubbiserraa Isiniif Qoode..........

Enough is enough!Ilma namaa akkasitti garaa jabaatee sabaan nama adda baasee gubu waliin jiraachuu caalaa rakkinni hin j...
12/03/2022

Enough is enough!
Ilma namaa akkasitti garaa jabaatee sabaan nama adda baasee gubu waliin jiraachuu caalaa rakkinni hin jiru.
Taatee kana mootummaan dafee qoratee bu'aa qorannoo adda baasee yakkamtoota seeraaf hin dhiyeessu taanaan rakkoo kana caalutu dhalachuu deema.
Otuu gochi kun oromiyaa keessatti ta'ee silaa yoona qaata guutuun biyyattii rommite.
Aktiivistii kaabaa gocha kana balaaleffatu tokkollee maaf dhabne?

Mootii JaalalaaJaalala Dhugaa.   Oromoo  fi   Oromoo🥰
10/03/2022

Mootii Jaalalaa
Jaalala Dhugaa.
Oromoo fi
Oromoo🥰

09/03/2022

Irra badaan Namaa Nama Iccitii Obboleessaa gadi bahee Odeessuudha

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Guddisa Jawar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Guddisa Jawar:

Share