13/07/2024
Gadda Onnee Namaa Cabsu Du'a Tasaa
Dargaggoo Xaafaa Yaadechaa Qumbii balaa tasaan kichuutti adunyaa kanarraa boqote.
Dargaggoo Xaafaa Yaadechaa waldaa dargaggoo Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa keessatti sadarkaa gara garaatti dargaggootaaf fakkeenya gaarii ta'ee hojachaa turera. Sadarkaa Aanaa ( yeroo sanatti), Kutaa magaalaa fi magaalaatti adda durumaan miseensa koree hoji raawwachiiftuu hanga Itti gaafatamaa Waldaa dargaggoo bulchiinsa magaalaa Adaamaa ta'uun dargaggoo hojachaa turedha. Yeroo ammaa I/G Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Kutaa Magaalaa Danbalaa ta'ee osoo uummata isaa tajaajilaa jiruu balaa tasaan addunyaa kanarraa boqoteet jira.
Rabbiin lubbusaa haa maaru maatiisaa, firoottan isaa fi hiriyoota isaaf jajabina haa kennu.