Adama Woreda Communication

Adama Woreda Communication Adama Woreda Communication jijjiiramaaf hojjenna

‎Riifoormiin dhaabbilee Fayyaa keessatti taasifamaa jiru kenninsa tajaajila Fayyaa si'ataa,hawwataa fi dorgomaa taasisuu...
02/09/2026

‎Riifoormiin dhaabbilee Fayyaa keessatti taasifamaa jiru kenninsa tajaajila Fayyaa si'ataa,hawwataa fi dorgomaa taasisuudhaan hawaasni fayya qabeessa akka ta'u taasisuufi.

‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti Buufataaleen Fayyaa riifoormii kenninsa tajaajila Fayyaa tiif oolan hojiirra oolchuudhaan kenninsa tajaajila Fayyaa si'ataa fi ammayyaa'aa ta'e kennuun cinaatti bakka hojii miidhagaa,haara galfii fi hawaasni caalatti itti gammadu taasifamee jira.

‎Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanichaa Obbo Raggaasaa Daadhii dhaabbilee fayyaa modeelessuun hawaasa fayya buleessaa horachuuf buufatalee fayyaa hunda keessatti riifoormiin lafa qabachuu dubbatan.

‎ .

Dhiiga arjoomuun lubbuu baraarudha!‎Miseensonni mana maree Aanaa Adaamaa tajaajila lammummaatiin dhiiga arjooman.‎‎Godin...
02/09/2026

Dhiiga arjoomuun lubbuu baraarudha!

‎Miseensonni mana maree Aanaa Adaamaa tajaajila lammummaatiin dhiiga arjooman.

‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti qindeessummaa Mana Maree fi Waajjira Fayyaa Aanichaatiin arjoomni dhiigaa gaggeeffame.

02/09/2026
‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti Manni Maree Aanaa Aanichaa Yaa’ii Ariifachiisaa Marsaa 1ffaa tiin karoora hojii fi...
02/09/2026

‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti Manni Maree Aanaa Aanichaa Yaa’ii Ariifachiisaa Marsaa 1ffaa tiin karoora hojii fi baajata bara 2019 miseensota mana mareetiif dhiyeessuun raggaasisee jira.

‎Afa-Yaa’iin Aanaa Adaamaa Kbajamoo Obbo Taaddasaa Yaa'ii Baajanni Mootummaan qabame qisaasama tokko malee rakkoolee hawaas- diinagdee hiikuun fayyadamummaa ummataa milkeessuu qaba jedhan.

‎Karoora bara 2019 qabanne milkeessuuf galii karoorfanne duguugnee sassaabuu fi baajata qabame qusannoo fi dhimma fayyadamummaa ummataa qofaaf akka oolfamuu, pirojektiiwwan addaa addaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan akka hojjatamanii fi sirni deeggarsaaf hordoffii kan gaggeeffamu ta'a jedhan Bulchaan Aanaa Adaamaa Obbo Darsuu Kafanii.

‎Miseensonni Mana Marees hojiirra oolmaa baajataa, komii fi gaaffiin ummataa akka deebi'u gahee isaanii bahachuuf kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.

02/09/2026

Guyyoota Qaammee: Olka’iinsa Itoophiyaaf!

Olka’iinsi haala baratamaa keessaa saaffisa olaanaan olka’uudha. Itoophiyaanis qormaatota keessa turteefi jirtu injifachuun saffisa olaanaan imala badhaadhinaa gama Hawaasummaa, Dinagdeefi Siyaasaan jalqabde milkeessuuf tirannaarraa gara utaalchootti ce’aa jirti.

Guyyootni Qaammee bara kanaas labsii olka’iinsaaf bu’uura kan kaa’aan yoo ta’u, guyyootni shananuu moggaasa ofii isaanii kan qabanidha.

Qaammee 1: Guyyaa Oommishtummaa
Qaammee 2: Guyyaa Olka’iinsaa
Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa
Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa
Qaammee 5: Guyyaa Egeree jedhamuun sirnoota gara garaan kabajamu.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------.

02/09/2026
‎Raawwii hojii qorataa deemuun milkaa'inoota itti aanuuf galteedha.‎‎Aanaa Adaamaa Kilaastara Gadamsaatti ‎raawwiin hoji...
01/09/2026

‎Raawwii hojii qorataa deemuun milkaa'inoota itti aanuuf galteedha.

‎Aanaa Adaamaa Kilaastara Gadamsaatti ‎raawwiin hojii misoomaa, nageenyaa fi Siyaasaa qoratamuun kallattiin hojii itti aanuu kenname.

‎Itti Gaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Adaamaa fi Qindeessaan Kilaasterichaa Obbo Muhaammad Abdoo fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf karoora of-danda'uu bara 2019 baay'ina, ariitii fi qulqullinaan raawwachuudhaan murteessaadha jedhan.

‎ , aadaa wal gargaarsaa Oromoo ganamaafi furmaata rakkoo hawaas-dinagdeeti.‎‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti tajaa...
01/09/2026

‎ , aadaa wal gargaarsaa Oromoo ganamaafi furmaata rakkoo hawaas-dinagdeeti.

‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti tajaajila lammummaa gannaatiin deeggarsi raaddenii, re'ootaa, meeshaalee barnootaa fi gaagura ammaayyaa harka qalleeyyiif taasifameera.

‎Itti Aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Guutaa Gadaa sagantaa kanarratti argamuun hojii kenna tajaajila lammummaa Gannaatiin hawaasni humna,qabeenyaafi beekumsa isaa walitti ida'uun rakkoo waloo isaa hiikkataa jiraachuu himuun, hojiin eebbifamaan kun bakka hundaatti karaa idilaayeen itti fufuu akka qabus dhaamaniiru. Sagantaa har'aa kanaan rakkoon hundi kan hiikamu osoo hintaane duudhaa walgargaarsa keenya daran dagaagsuun fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuuf itti fufiinsaan hojjatamuu akka qabu ibsaniiru.

‎Bulchaan Aanaa Adaamaa Obbo Darsuu Kafanii Aanichatti hojiin kenna tajaajila lammummaa itti fufiinsaan taasifamaa jiraachuu ibsuun, hojii kana walitti fufiinsa akka qabaatuufi caalmaatti akka aadeffatamu gochuuf kan hojjetamu ta'uu himan. Hojii eegalame kanas sadarkaa olaanaatti ceesisuun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf hirmaannaan hawaasaa cimee akka itti fufuu qabus dhaaman.

Aadaa,duudhaa fi safuun Ummataa Oromoo dhalootaa dhalootatti akka darbuuf haaromsi aadaa murteessaadha.‎‎Godina Shawaa B...
31/08/2026

Aadaa,duudhaa fi safuun Ummataa Oromoo dhalootaa dhalootatti akka darbuuf haaromsi aadaa murteessaadha.

‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaatti jala bultii simannaa bara haaraa 2019 sababeeffachuun dargaggoonnii fi shamarran tapha Goobee fi Shinooyyee gaggeessaa jiru.

‎Goobeefi Shinooyyeen tapha aadaa simannaa bara haaraa irratti dargaggootaafi shamarraniin taphatamu yoo ta'u, tapha kanaanis gammachuu bacaqii gannaa ce'uun booqaa birraatti bahan kan itti ibsataniidha.

 !‎‎Aanaa Adaamaatti koreen pirojektii raawwii piroojektoota bara 2018 gamaggamuun,karoora bara 2019 irratti marii gagge...
31/08/2026

!

‎Aanaa Adaamaatti koreen pirojektii raawwii piroojektoota bara 2018 gamaggamuun,karoora bara 2019 irratti marii gaggeesse.

‎Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf pirojektiiwwan addaa addaa bara darbe hojjatamaa turan keessatti ciminootaa fi hanqinaalee mul’atan galtee godhannee, rakkoo bu'uuraalee misoomaa fi komiiwwan hawaasa Gandoota aanichaa keessatti ka'aa turan furuuf bara kana keessatti koreen kun xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuun murteessaadha jedhan Itti Aantuun Bulchaa fi Itti Gaafatamtuun Waajjira Qonnaa fi Lafaa akkasumas walitti qabduun koree pirojektiii Aanaa Adaamaa Aadde Immabeet Jaamboo.

Address

Adama

Telephone

+251993467795

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Adama Woreda Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share