02/09/2026
Aadaan walgargaarsaa tajaajila lammummaatiin guddachaa dhufe rakkoowwan waloodhaan furuu bira darbee waliin jireenya hawaasaa caalmaatti kan cimsaa jirudha.
Kenni Tajaajila lammummaa hojjetamaa jiru gaarummaan hawaasa keessatti akka dagaagu,waloomni akka cimuu fi rakkoo walootiif furmaata waloodhaan argamsiisuun dilbii guddaa ta’ee ijaaramaa jira.
Aanaalee fi Magaalota Godina Shawaa Bahaa hunda keessatti hojiin tajaajila lammummaa qindeessummaa Gurmuu Dubartootaan sadarkaa Gandootaatti manneen harka qalleeyyii eegalchiisuun, deeggarsa garaa garaa taasisuun, dhiiga arjoomuun, hubannoo fi qorannoo kaansarii Fiixee gadameessaa gaggeessuun, maaddii qooduu fi kanneen birootiin dubartootaan gaggeeffamee jira.
Hojiiwwan kenna tajaajila lammummaa hojjetaman walitti dhufeenya hawaasaa kan cimsan, aadaa waliin hojjechuu kan dagaagsan, rakkoo waliinii waliin furuufi misooma waloo dhugoomsuuf itti fufinsaan hojjetamaa jiru.