12/01/2026
Biyya lafaa kana irraa wanta tokko yoo dhabdan illee, abdiin Yesuus Kiristoos si ceesisa.
Nama guddaa, nama xinnaa, isa barate, isa hin baranne,
baadiyyaa, magaalaa,
Itoophiyaa, Afriikaa, addunyaa, biyya lafaa kana irraa,
nama sadarkaa tokkoffaa irratti kan barbaachisu (hope) abdii dha.
Nama hundumaa, nama boru ganama du’ullee, galgala kana abdiitu isa barbaachisa.
Abdiin inni keenya garuu abdii namooti jijjiiran miti, abdiin keenya akka du’i nu hin sodaachifneef du’a nuuf mo’ee ka’e, guyyaa tokko ulfinaan ni dhufa.
Abdiin keenya inni dhugaan Yesuus.👍
Faransaayitti Voltaire, philosopher beekaman,
amantaan Protestantii waggaa 25 booda ni baddi jedhee qorannoodhaan mirkaneesse.
Yemmuu inni akkas jedhe, amantoonni biyya Faransaay akkas jedhanii kadhatan: 👉Nuti hin baannu, abdii qabna, jedhanii kadhatan.
Akkuma jedhan,
waggaa 25 booda mana namicha akkas jedhe sana bitaniitu church taasisan jedhe!
Manuma namicha amantiin Pheenxee hin baddi jedhe sanatu waggaa 25 booda waldaatti jijjiirame!
Voltaire gudii taate.😁
Barsiisaa nama kanaa irraa waan baay’atu baratama.🫶
Ati abdii qabaadhu malee, wanta si balleessuudhaaf qorannoodhaan deeggareetu bakka gadi siif dhiisaa, situ injifataa ta’ee argama.
Namni Kiristoosiin qabu, abdii qaba.