15/05/2026
Bara qabsoo Qeerroo humnoota mootummaa fuuldura gootummaan wayita dhaabbatan kan mul'atan obbo Muhammad Huseen Turaa (Abbaa Caalaa) du'aan addunyaa kana irraa boqotan.
Baale Roobetti waardiyyaa mana barnootaa turan. Loltoonni barattoota hiriira bahan irratti tarkaanfii fudhachuuf yoo dhufan kazaraa harkaa qabaniin dura dhaabbatanii gootummaa agarsiisan.
Suuraan isaanii marsaa hawaasaa irra qoodamee namoota heddu warraaqsa yeroo sanaaf onnachiise.
Erga jijjiiramaatii immoo mootummaan Bilxiginnaa shoorarkeessaa ittiin jedhee gara waggaa 1 hidhaman.
Jaarsi gootni seenaa dalagan kun har'a boqotan.