Ethio News

Ethio News toora odeeffannoo qulqulluu fi waqtaawaa irraa argattaniidha.nu hordofaan afeerraa keenya.

"Guddina saffisaa Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu hariiroo dippilomaasii Itoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu daraan akka c...
21/07/2026

"Guddina saffisaa Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu hariiroo dippilomaasii Itoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu daraan akka cimu godheera." Ambaasaaddar Ervin J. Maasinga.

Itoophiyatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin J. Massinga Magaalaa Shaashamannee daawwatan.‎‎Wayita Magalaaa Shaashamannee galanitti simannaan hoo'aa taasifameefii jira.‎‎

Ervin J. Massinga Magaalaa Shaashamannee daawwannaa kanarratti yaada kennaniin,guddina saffisaa Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu hariiroo dippilomaasii Itoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu daraan akka cimu godheera jedhan.

Ambaasaaddar Erviin J.Maasingaan, Magaalaa Shaashamanneetti dhaabbata Oomisha maashinoota qonnaa Keenyaa daawwatan. Hojiiwwan misoomaa Itiyoophiyaa keessatti daandii guddina sirriifi imala badhaadhinaa milkii ta'e qabachuun raawwatamaa jiraachuu himan. Keessattuu, pirojektoonni Oromiyaa keessatti saffisaafi qulqullinaan hojjatamaa jiran diinagdeefi faayinaansii biyyaa akka guddisaa jiru dubbatan. Hojiiwwan diinagdee, nageenyaafi hawaasummaa, magaalaa Shaashamannee keessatti hojjetamaa jiru agarsiiftuu ta'uu himan. Hariiroon dippilomaasii Ameerikaafi Itiyoophiyaas diinagdee, daldalaafi kan biroon kan utubame ta'u himan.

Hoji gaggeessaan dhaabbata oomishaa maashinoota qonnaa Keenyaa Obbo Margaa Tolaa, damee qonna ammayyeessuun bu'aa milkaa'inni gama qonnaan jiru akka dabaluuf maashinoota qonnaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu himan. Dhaabbanni oomishaa tiraaktera Keenyaa, qonnaan bulaa waliin hariiroo isaa cimsuun Tiraakterootaa dhiyeessaa jiraachuus dubbatan.Shaashamanneen giddugala daldalaa qofa osoo hin taane, handhuura dhiyeessii galteewwan qonnaa akka taate Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Obbo Adaanee Taklgiyoorgis himaniiru.

 ‼️Biyyi Ololaan diigamtees tahee jaaramte hin jirtu. Gareen Faayidaa dhunfaa Milkeeffachuu dadhabe dhokatee mataa dhokf...
28/06/2026

‼️
Biyyi Ololaan diigamtees tahee jaaramte hin jirtu. Gareen Faayidaa dhunfaa Milkeeffachuu dadhabe dhokatee mataa dhokfatee Hoggansa Ummataa Maqaa xureessuuf yaaliin godhaa jiran kun eenuyyuu biratti fudhatama hin qabu.Ummanni Oromoo bakka kaleessaa hin jiru. Dhugaa jiruus ni beeka. Hirmaannaa Ummataan Misooma hojjachuun cimee itti fufa malee waan dhaabbatuu miti. Maashina ummanni bitateen Ummanni fayyadamaa jira. Galma ijaaraa jirruus dhiheenyatti eebbifnee tajaajilaaf oolchina.Bara dhufu Riigii bishaan baasu bituuf deemna. Isiniis ololaaf qophaawaa nuti misoomatti jirra. Ololli ololuma. Misoomni Gola Odaas oluma. Wanti nama ajaa'ibsiisuu fi ittiis qaana'uu qabdan Duubbee olola keessanii maal akka jiruufi waan isin barbaaddan akka beeknu hubachuu dhabuu keessani.wanti akkasii yoomiyyuu isiniif hin milkaa'u.
Leenca Sabaati. Hamatamaadha malee hamattuu miti.Aliyyii Mahammad Bulchaa ummataati.kan deeggarsa Ummataan utubame.bakka deemutti hojii gaariin maqaan isaa dhawamu. Ashaaraa mataa isaa kaayachuun beekkama. Haa jennuutii ololli keessan kun galmi isaa maali? Ummata isa jibbisiiftanii aangoorraa buustan moo Hoggansa Olaanotti Waa'ee isaa himtanii aangoorraa buusuu yaaddan? Ahiii namni akka ofii beeku alaa alaa ol hin lallabu jedhama. Ummanni isaa kan isa jaalatu Manamarii Caffeef isa filachuun itti gaafatamummaa dabalataa waggaa 5f isarra kasyyachuu isin hin dhageenyee sa‼️ gaafasiis hin filatinaa jettanii dhuufuu teessan tana maaf hin dhuufinaaree ‼️ Afaan dubbii bare utubatti hasaasa jette Oromoon. Mee ololaa bu'aa olola keessanii waliin laallaa. .

Ergaa baga gammaddan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa irraa!!!Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa N...
24/06/2026

Ergaa baga gammaddan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa irraa!!!

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa, rakkoolee roga hedduu naannoo fi biyya keenyaa tumsa mootummaa fi Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru faana qajeeltoo tokkummaa fi dorgommiitin furuuf hojjachaa turuun isaa ni yaadatama. Filannoon biyyoolessaa fi naannoo marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffame karaa nagaa akka xumuramu hojjachuun gamatti, carraawwan jiranitti fayyadamuun sagantaalee paartii keenyaa ummataaf dhiheessudhaan yeroo itti ummatatti dhiyaannee dorgomuuf carraa itti arganneedha. Adeemsi filannoo waliigalaa nagaa, dimokiraatawaa, fi haqa qabeessa akka ta’uuf tattaaffiin qooda fudhattootaa hundi ol’aanaa akka ta’ee fi nutis miseensonni mana marichaa bu’aa argame fudhannee murtee ummataa akka kabajnu ummata naannoo fi biyya keenyaaf mirkaneessuu barbaanna. Kana irraa ka’uudhan ergaawwan galateeffannaa fi baga gammaddanii armaan gadii dabarsuu barbaanna.
• Filannoon karaa nagaa xummuramee biyyi waan injifatteef ummanni keenya hundi baga gammaddan isiniin jechuu barbaanna.
• Adeemsi filannoo fi bu'aan filannoo dimokiraatawaa ta'ee murteessummaan ummataa kan mirkanaa’e waan ta'eef, sagalee ummataa galata guddaadhaan fudhanna.
• Paartilee siyaasaa fi qooda fudhattoota adeemsa filannoo seena qabeessa kana keessatti hirmaatan hundaaf manni maree waloo keenyaa galata guddaa dhiyeessa.
• Dhumarrattis, Paartiin Badhaadhinaa sagalee ummataa caalmadhaan injifachuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akka mirkaneessetti nutis Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa carraa kanatti fayyadamuun Paartii Badhaadhinaatin baga gammaddan jechaa, gara fuula duraatti dhimmoota naannoo fi biyyaalessaa irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu keenya carraa kanaan mirkaneessuu barbaanna.

Walumaagalatti፣ Filannoon Biyyoolessaa marsaa 7ffaa’n murteessummaa ummataa ifatti kan mirkaneessee fi qaamoleee hundaaf barumsa kennuurra darbee, bal’achuu dirree dimokiraasii biy

20/06/2026

#
Kilaastara Loowzii Part 12

20/06/2026

#
Kilaastara Loowzii Part 11

20/06/2026

#
Kilaastara Loowzii Part 10

20/06/2026

#
Kilaastara Loowzii Part 9

20/06/2026

#
Kilaastara Loowzii Part 8

Address

Adama
OROMIA

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethio News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share