28/07/2021
Humnoonni TPLF'n hariiroo qabanii fi milishaan naannoo Tigraay hokkora lammilee Eertiraa Tigraay keessa jiranirraan gahaa jiran 'na yaaddesseera' kan jette Ameerikaan hokkorri kun akka dhaabbatu gaafatte.
Ministeerri Haajaa Alaa biyyattii ibsa baaseen, lammilee Eertiraa Tigraay keessa buufatanii jiran irratti doorsisni akkasumas haleellaan raawwatamaa jiraachuu gabaasaaleen na gahaniiru jedhe.
Haleellaan kun hatattamaan akka dhaabbatus gaafateera.
"Humnoonni TPLF waliin hariiroo qaban, akkasumas milishaan naannoo Tigraay baqattoota Eertiraa irratti haleellaa raawwachaa jiraachuu ragaaleen amanamoon nu gahaniiru. Kunis daran nu yaaddesseera," jedhan dubbi himtuun ministeerichaa Jeeliinaa Poortar.
"Hidhattoonni Tigraay keessa socho'an marti dorsisaa fi haleellaa lammilee Eertiraarraan gahaa jiran akka dhaaban gaafanna," jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa torbee dura baaseen dhimmi baqattoota Eertiraa Tigraay keessa jiranii yaaddessaa ta'uufi baqattoonni ajjeefaman jiraachuu beeksisee ture.