Oromia jitu

Oromia jitu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia jitu, Landmark & historical place, Addis Ababa.

31/07/2020

Waanuuma mottummaa kunii dalgaa jirutu nama ajabi'aa!!!
Gaafii
Eessaa dhufee?
Akkamiiti dhufee?
Eenyutu isani guddisee?
Ergama enyuutii turee???.....
Kanii jedhuu yaaduunii baarbachisadhaa .

27/04/2020

Yaa waarra baadhaadhinaa!!!
Laftii Finfine fi naannoo finfine maalii tahaa akka jiruu beekkumoo hin beekanii taha ??? Laftii qotee buulaa jiraa moo hin jiruu?? Waarrii waayyanee waggaa 27 akka waggaa lamanii waarraa baadhadhinaa tahee hin beekuu.warrii master planii jedhanii waaregamaniu baayee nama gadhisisaa yeroo amma kanaa maagalaa finfinee fi naannoo isheetii kanii master planii caaluutu taha jiraa maaqaa jijjiratee malee warrii sadii lafa oromoo dhibaa dhibatii fudhachaa jiruu.yaa warraa takalee tahee warraa tayee .....
Kanii naa dhibuu keessaa tokko immoo midiyaa maaqaa oromotiinii jiranii biroo bahanii osoo ilaalanii baarredaa.

Uffaan aadaa oromo keessaa murasaa isaanii
22/04/2020

Uffaan aadaa oromo keessaa murasaa isaanii

21/04/2020

Ethiopia, with its vast diversity of ethnic groups, cannot claim to have just one type of cultural or traditional clothing.

Some groups opt to wear nothing to very little, for example, the Hamer people traditionally wear goat skins and the Afar people's cultural dress is a waistcloth.

The most widely spoken and written about piece of traditional clothing belonging to Ethiopia would have to be the "Habesha Kemis/Kemise" or the "dress of the Habesha".

It is usually produced as white, gray, or beige chiffon woman's dress that often falls to the ankles and is worn with a shawl.

This is the culturally traditional clothing of the Habesha peoples and it usually has beautifully embroidered borders.
The most amazing modern, cultural, and traditional Oromo clothing we found in 2020.
We have ....tomorrow.

19/04/2020

Qoqqoodama Oromoo!!

Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:

Ummani Wallaggaa ummata naannawa dhihaa jiraatu ummanni kun naannawa bishaanii jiraatan;
Oromoo Maccaa -
Shawaa Lixaa,Shawaa Kibba Lixaa,Wallaggaa,Ilu Abbaa Booraa fi Jimmaa keessa jiraatu.
Oromoo Tuulamaa -
Handhuura Oromiyaa naannoo Finfinnee jiraatu;
Oromoo Walloo -
Gara Kaabaa naannoo Amaaraa godina addaa Oromiyaa, naannoo Hara Ashangee, jiraatu; Oromoo Raayyaa fi Oromoo Yajjuu jedhamu
Oromoo Ituu,
nannoo Oromiyaa keessa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa jiraatu;
Oromoo Anniyyaa-
kibba warra Ituu fi dhiha Laga Erer jiraatu;
oborra handhura baha oromiya jiratu Ala Oromoo - magaalaa Harar fi Laga Erer dhihatti, warra Ituu fi Anniyyaa gidduu jiraatu;
Oromoo Nole -
magaalaa Dirree Dhawaa bahatti kaaba magaalaa Harar;
Oromoo Baabbilee -
qaama Oromoo bahaa yoo ta'an, baha Laga Erer fi kibba Oromoo Bahaa jiraatu
Oromoo Jaarsoo -
Harargee Bahaa gara bahaatti;
Oromoo Arsii -
godinaalee Arsii, Baalee fi haga tokko Shawaa Bahaa keessa jiraatu.
Oromoo Booranaa -
Kibba Oromiyaa fi kaaba Keeniyaa jiraatu.
Warra Qaalluu -
Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.
Oromoo Gujii -
qaama Oromoo Kibba jiraatuu yoo ta'an, ollaa Oromoo Booranaa jiraatu.
Shariifaa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu

19/04/2020

Ummanni Oromoo Afaan Oromoo (Oromiffas ni jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaakeessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha. Akka itinooloogin jedhutti, addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo dubbata. Afaan Oromoo damee afur gurguddaatti qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii-Gujii, Afaan Oromoo Bahaa, Afaan Oromoo Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo Ormaati.
Yeroo ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitinbarreeffama.gahee guddaa kan tapatanii jalqabarratti sheikh bakri sapaloo turan. Qubeen SaaphaalloosAfaan Oromoo barreesuuf keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture. haa tauu malee qubeen isaan kaayan osoo hojii irra hin oolin hayyuun fi bekhaan oromoo DR Sheikh Mohammed-rashad khabir Abdullee kan dhalootan gama baha oromiyaa naannawa harar turan lafa kaayanii akka ummanni itti fayyadamu godhan.kitaabota amantaas dabalatee kitaaba hedduu afaan biroo irraa gara afaan oromootti barreessan.Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuf fayyadamaa turan. Onesmoos Nasib eenyu hundeeffame caasluga Afaan Oromoo ammayyaa.
Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota (semi-agriculturalist) jedhaman keessaa akka dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromooakka dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Bageemidir, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture.
Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa

Bulchituu Manan kan Walloo, kan bara 1800 mootii taate.

Ras Mahaammad kan Walloo, kan Raas Mikaa'elta'e, achiin bulchiinsa Sion.

Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa Hayila Sillaasee taate.

Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaattijijjiiramanii turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaattijijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaata'e.
Maddii isaa kitabota seena oromo.

Address

Addis Ababa
8794

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia jitu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia jitu:

Share