19/04/2020
Ummanni Oromoo Afaan Oromoo (Oromiffas ni jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaakeessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha. Akka itinooloogin jedhutti, addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo dubbata. Afaan Oromoo damee afur gurguddaatti qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii-Gujii, Afaan Oromoo Bahaa, Afaan Oromoo Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo Ormaati.
Yeroo ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitinbarreeffama.gahee guddaa kan tapatanii jalqabarratti sheikh bakri sapaloo turan. Qubeen SaaphaalloosAfaan Oromoo barreesuuf keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture. haa tauu malee qubeen isaan kaayan osoo hojii irra hin oolin hayyuun fi bekhaan oromoo DR Sheikh Mohammed-rashad khabir Abdullee kan dhalootan gama baha oromiyaa naannawa harar turan lafa kaayanii akka ummanni itti fayyadamu godhan.kitaabota amantaas dabalatee kitaaba hedduu afaan biroo irraa gara afaan oromootti barreessan.Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuf fayyadamaa turan. Onesmoos Nasib eenyu hundeeffame caasluga Afaan Oromoo ammayyaa.
Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota (semi-agriculturalist) jedhaman keessaa akka dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromooakka dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Bageemidir, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture.
Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa
Bulchituu Manan kan Walloo, kan bara 1800 mootii taate.
Ras Mahaammad kan Walloo, kan Raas Mikaa'elta'e, achiin bulchiinsa Sion.
Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa Hayila Sillaasee taate.
Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaattijijjiiramanii turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaattijijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaata'e.
Maddii isaa kitabota seena oromo.