24/08/2026
EBWHGO Finfinnee, Hagayya 18/2018) Waajjiiri Babal'ina waldaalee hojii gamtaa Godina Ilu Abba Boor hojii kenna tajajilaa Lamummaa bara kana namoota harkaa Qalleeyyii fayyadamaa tasisuuf hojjatamaa jirachuu beeksisee.
*************************************************************************************
Fayyadamumma hawaasa naannoo keenyaa milkessuuf mootummaan Nannoo Oromiyaa hojii kenna tajajilaa Lamummaa galmaan gahuuf namoota harkaa Qalleeyyii deggaruuf tarsimoo bafatee hojja jirachuun ni bekkama kana bu'uuraa godhachuu yuuniyeenoota fi Waldaalee Hojii Gamtaa bu'uuraa hojii kenna tajajila Lamummaa bara kana galmaan gahuuf akka godinichatti namoota harkaa Qalleeyyii deggarsaa hin qabnee adda basuun baratootaf meeshalee barnoota guutuu,mana hadhaa iyyeessa tokko Qarshii miliyoona sadii oliin ijaruun furtuu fi meeshaalee mana keessa guutuu waliin dabarsee keneraa.
Obbo Yimar Befiqaaduu itti gafatama Waajjira Babal'ina WHG Godina Ilu Abba Boor akka jedhanitti godinichatti Yuuniyeeni fi Waldaalee bu'uuraa qindessuun deggarsaa meeshalee barnoota, midhan nyaataa, mana harkaa Qalleeyyii tokko fi meshalee mana keessa guutuu waliin tilmamaan qarshi miliyoona 4 oliin deggarsaa kan tasisee yoo ta'u gara fula durattis deggarsii akka kana Godinacha keessatti gamaa waldaalee fi Yuuniyeeniitii itti fufinsaa akka qabatuuf hojjatama jira jedhan obbo Yimar.