Gullaale posts

Gullaale posts Waliin bareennaa

05/06/2023

Kaleessi waan biraa ...
Harris gara biraa..
Kan ilaalutu arga...
Eessa maaltu jiraa..

Eenyutu siif alagaa..
Eenyutu siif fira..?"
Isa fira hin qabneef,
Rabbi guddaatu jira..!

Silaa akka garaa..
Sumatu siin namoomaa..
Harra akka garaaf,
Namuu siin sarooma..
Maraafuu saba koo,
Isin galatoomaa..!!

05/06/2023

Yaada Baankii Raammis Kan maddisiiseefi Baankicha kan bu'uresse ustaaz Jamaal Aliyyii Baga milkoofte.

05/06/2023

TALAALLII SAMMUU

Gandummaan gadhummaadha!

Namuu ganda dhalootaa qaba.
Garuu ganda filatee itti dhalate hin qabu.
Gandi goota qofa qabu ykn gandi dabeessa qofa qabu hin jiru.
Goototni ganda kamittuu dhalatan ganda isaanii qofaaf hin dhalanne, ganda isaanii qofas hin fayyadne, akkasumas ganda isaanii qofaaf hin wareegamne. kanaaf walumaan nu fayyadan walumaan ittiin boonna, walumaan ittiin waamamna.
Dabeessonnis dabeessummaan isaanii biyya miidhe malee ganda itti dhalatan qofa hin miine.
Kanaaf miidhamnis kan waloo keenyati waan ta’eef dabeessummaatti namuu abbaa miti.
Dabeessa haati deessellee ittiin hin boontu, ittiinis waamamamtee hin gammaddu.

Hayyoonni fi gootonni keenya hedduun darbanii fi lubbuun jiran gandummaa sababni balaaleffataniif ganda itti qaana’an irraa dhalatanii miti.
Gandummaan mana hidhaa sammuu waan ta’eefi.
Oromiyaan daangaa haga daangaatti guutuun ishee laftis namni ishees kan isaanii akka ta’etti waan beekaniifi.

Oromiyaan tiyya yoo jettee yaadde daangaa haga daangaa keetuma.
Sarartee iddoo ta’e wayiitti yoo of daangessite namni garanatti si hafe jedhee si affeerus hin jiru.

Nuti har’a maalif ganda wayii keessatti of hiinee ganda biraa arrabsina?
Maalif Oromiyaan guutuun keenya ta’uu wallaallee iddoo dhiphoo wayiitin of waamna?

Kutaa ciisichaa ol manni, mana caalaa mooraan, Mooraa ol gandi, ganda caalaa aanaan, aanaa ol godinni, godinaa ol immoo biyyi teenya Oromiyaan bal’oo ta’uu maaf wallaallee lafa ofitti dhiphisna?
Yoo ganda biraa arrabsitu ofis akka arrabsaa jirtu beektaa?
Ati kan arrabsoof deebii laattu wallaalan yoo si arrabse ati hoo baratteetta ykn sirrii akka hin taane beekta maaf deebii wal fakkaataa deebista?
Rakkoon Oromiyaan keessa jirtu rakkoon waloo keenyaa nu dhiphisuu didee akkamitti gandummaan dhimma uummataa ta’e?

Dhimma Amantaa

Barana amantaan hoo haaraan kamtu dhufe?
Amantaan kee hin ta’in tokko yoo tuqamu ati oromummaa walitti qabduu fi namummaaf jecha wabii dhaabbachuufii osoo qabduu maaf amantaa waliitti darbuun dhufe?
Rakkoon kamuu yoo mudate yoo waliif hin birmanne yoo waliif hin dubbanne aantummaan kee maalin mul’ata?

Yoo wabii dhaabbachuufii dadhabde amantaa namaa kabajjee amantaa kee kabachiifachuu maaf dadhabde?

Tokko Oromummaa isaa caalaa amantaa isaa yoo jaalate tokko immoo amantaa isaa caalaa Oromummaa isaa jaalachuun mirga abbaati.

Ati amataa kee hamma feete jaaladhu, inni biraas haga fedhe haa jaalatu. hagan ani amantaa koo jaaladhu ol ykn gadi jaalachuu hin hin qabdu jechuun abbaa irrummaa ykn anatu siif beekadha.

Kanaaf “Karaa sareen baaste waraabessi namatti seena” jedhu abbootni keenya.
Waan goonu fi dubbannu kamiiyyuu bu’aaf miidhaa isaa wal cinaa haa ilaallu.

Ajandaa xixiqqaa wayii qaamni lafa nuuf kaa’e haga nuti wal nyaannutti waan guddoo gedduu keenyaa akka nyaachaa jiran yeroo hunda yaadadhaa.

Dhumarratti…
Warra profile lock godhatee fi sammuu lock godhatee nama arrabsu uummata bal’aa bakka hin bu’an waan ta’eef dorgommii arrabsoo kamiiyyuu waliin hin seeninaa!

Kuni yaada dhuunfaa kooti.
yoon dogoggore na oofkalchaa kan isiniif bariite nagaan oolaa,kan isiniif dhiihte halkan gaarii 🙏🏼

02/01/2023
14/05/2022

Guyyaa gaarii qabaadha.

30/04/2022
05/04/2022

Galaasaa Dilboo nagaan boqadhu #
Rip

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gullaale posts posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Gullaale posts:

Share