28/08/2026
MBBA fi MBA
--------
BBO - Hagayya 22/2018 Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Bara 2019 Kutaa 9ffaa Galuuf Qormaata Seensaa Hagayya 26/2018 ' 'n Kennamu Fudhachuuf Qophiirra Jirtan Hundi, Liinkii Asii Gadii Irratti Waan Gad-dhiifameef Liinkicha Bantanii Akka Shaakaltan Isin Beeksifna.
Waajjirri Barnootaa Godinaa, Bul/Magaalaa, Aanaalee, Manneen Barnootaafi Ogeessottni ICT sadarkaan jiran, ogeessotni giddu gala qormaataa ( - Centers) maatiin, barsiisotni akkuma kanaan duraa barattootaa qormaaticha shaakalaa gad-dhiifame akka shaakan deeggarsa barbaachisaa ta'e akka taasiftaniif dhaamsa dabarsaa qormaata shaakalaa kana kompitaraan, taableetiin, bilbila ismaartiin(smart phone) irrattis shaakaluun ni dandeessu.
Liinkichi kan banamu :-
"User Name" jedurratti Lakkoofsa Galmee/( ) keessan galchaa;
"Password" - Lakkoofsota - 123456 galchaa!
Lakk. 123456 barataa hundaaf ta'ee tajaajila.
Liinkii :- URL https://exam.oeb.gov.et/