21/08/2026
๐๐ ๐๐๐ฌ๐ฌ๐จ๐ญ๐ ๐๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ข ๐๐ฒ๐๐๐ญ๐๐๐ญ๐ข๐ข๐ ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐๐ข๐ฌ๐ก๐จ๐จ๐๐ญ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐ง๐ฃ๐ข๐ข๐ง ๐๐๐ง๐ง๐๐ฆ๐.
Kaayyoon guddaan leenji kanaas adeemsa qophii nyaataa keessatti balaawwan fayyaa uumamuu danda'an adda baasuu fi bakkeewwan to'annoo murteessoo (Critical Control Points) hojiirra oolchuun balaawwan ittisuu fi hir'isuudha.
Waltajjii kana irratti kan argaman Hoogganaa Hojii Raawwachiisaa Mirkaneessa Gahaumsaa fi Sadarkaa Dhaabbilee Tajaajila Turizimii Turizimii Federaalaa Aboo Tariikuu Dammisee akka ibsanitti, leenjichi dandeettii oogessotaa guddisuu bira darbee waltajjiiwwan naannawaa fi addunyaa Itoophiyaan keessummeessituuf tajaajila qulqullina qabu fi amansiisaa kennuuf shoora murteessaa taphata.
Itti Aantuu Komishinaraa Komishinii Turizimii Oromiyaa Mittikee Biitawullign(PhD) gama isaaniitiin, magaalaan Bishooftuu keessummoota yeroo adda addaatti simattu ilaalcha keessa galchuun Ogessota qophii nyaataa irraa tajaajila simannaa ariifachiisaa, qulqullina qabu fi gahumsa qabu akka eegamu hubachiisaniiru.
Mannejara Sagantaa Olaanaa Nyaataa 'Resolve to Save Lives' kan ta'an Dr. Azeeb Laliisaa akka ibsanitti, Ogessotni qophii nyaataa nyaata mi'eessanii dhiyeessuu bira darbatanii sirna nyaata fayyaaleessa ta'e hordofuun nyaata qopheessuudhaan fayyaa hawaasaa eeguuf ittigaafatamummaa fi carraa guddaa qabu. Akkasumas oomishaalee indastrii ala kan ta'an nyaatawwan uumamaa fi hin dhiyeessamne (unprocessed) kan Itoophiyaa fi kuduraaleen adda addaa sirna nyaata fayyaaleessaaf filatamaa ta'uusaanii eeraniiru.
Leenjichi Dayirektara Qunnnamtii Hawaasaa Waldaalee Sheefota Itoophiyaa kan ta'an Sheef Maatiwoos Faantaahuun fi Miseensa Boordii Sheef Daawit Shibbiruun kan kenname yoo ta'u, seera deegarsa fayyaa nyaataa HACCP (Hazard Analysis and Critical Control Points) kenna tajaajila dhaabbilee Hootelaa sadarkaa isaa eeggate, ariifachiisaa fi gahumsa qabu irratti xiyyeeffateera.
Qophiin kun Ministeera Turizimii Federaalaa, dhaabbata 'Resolve to Save Lives' fi leenjistoota Waldaalee Sheefota Itoophiyaa waliin ta'uudhaan kan qophaa'edha.