26/02/2026
πͺπΉπͺπΉπͺπΉπͺπΉπͺπΉπ³πͺπΉπͺπΉπͺπΉπͺπΉπͺπΉ
Shaashamanneetti Faalama Pilaastikaa Dhabamsiisuf Qindoominnaan Hojjatamaa Jira jedhame !
Magaalichatti faalama pilaastikaa dhabamsiisuuf labsii mootummaan baase irraa ka'uun, koreewwan adda addaa waliin ta'uun hojjatamaa jiraachuu kan himan itti Aanaan Hoji Gaggeessaa fi ittigaafatamaan damee Tajaajilaa Mana Qopheessaa bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Gabbitaa Waarituu
Dhabamsiifni pilaastikaa kun akka hin milkoofnes qaamolee odeeffannoo sobaa tamsaasuun hawaasa burjaajessaa jiranis sakatta'uun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjetamaa jirachuus isaas eeraniiru .
Itti Aanaa Kantiibaa fi Ittigaafatamaan Damee Diinagdee Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Dr.Firaa'ol Uddeessaa gama isanitiin labsii ittifayyadama pilaastikaa dhabamsiisuuf bahe Ammajjii 23/2018 irraa eegalee akka dhaabbatuufi qaamni kamuu akka itti hin fayyadamne hawaasaaf tooftaalee gara garaatiin hubannoon kennamaa turuu himani Dhaabbileen daldalaa meeshaalee Pilaastikka laabsiin dhorkamaan kanneen akka hin oomishne,hin kuufnee fi hin gurgurre dhamuun qaama labsii mootummaa hojiirra hin oolchine irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatamaa kan deemu ta'uu kaasaniiru.
Hawaasni meeshaalee pilaastika bakka bu'anitti fayyadamuufi faalama pilaastikaa ittisuun magaalaa bareedduu fi hawwattuu balfa namaa fi beellada miidhu irraa bilisa taate gochuuf hunduu tumsuu akka qabuus Dr Firaa'ol Udeessaa dhaamaniiru.