25/09/2026
Jilli Obbo Caalaa Abbabaan Durfamu Sochii Hojii fi Kunuunsa Oomisha Qonnoota Intarpiraayizichaa Bara 2018/19 Daawwate.
Fulbaana 15, 2019 (ISFO) — Sochii kunuunsaa fi hordoffii oomisha bara 2018/19 qonnaalee Intarpiraayizichaa irratti taasifamaa jiru cimsuuf, jilli Itti Aanaa Hojii Gaggeessaa Ol’aanaa Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa, Obbo Caalaa Abbabaa, durfamu qonnaalee Intarpiraayizichaa daawwate.
Daawwannaan kun haala yeroo ammaa oomishni qonnaalee Intarpiraayizichaa irratti argamu, hojiiwwan kunuunsaa fi hordoffii oomishaa, akkasumas hojiiwwan oomisha fi oomishtummaa ol’aanaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran ilaaluuf kan gaggeeffame ta’uu ibsameera.
Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa, sanyii filatamaa sadarkaa isaa eeggate yeroon qonnaan bultootaaf dhiyeessuun, qonna naannichaa bu’uura irraa jijjiiruuf hojjechaa jira. Keessumaa, sanyii filatamaa yeroon dhiyeessuun oomisha qonnaa guddisuu fi oomishtummaa qonnaan bultootaa dabaluuf hojiiwwan garaagaraa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Akka qaamni Intarpiraayizichaa ibsutti, hojiiwwan kun qonna naannichaa ammayyeessuu, fayyadama teeknooloojii fi sanyii filatamaa babal’isuu, akkasumas oomisha qonnaa fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabu.
Jilli Obbo Caalaa Abbabaa durfamus qonnaalee daawwachuun, haala oomishni irra jiru, hojiiwwan kunuunsaa fi hordoffii taasifamaa jiran, akkasumas raawwii hojii qonnaalee irratti argamu daawwatee jira.
Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa, qonnaalee isaa irratti oomisha qulqullina qabu fi oomishtummaa ol’aanaa argamsiisuuf, sanyii filatamaa qopheessuu fi dhiyeessuu irraa kaasee hanga oomishaatti hojiiwwan barbaachisan cimsuun hojjechaa jira.
Daawwannaa kanarrattis Gaggeessitoonni Damee Baalee, Lixaa fi Arsii, akkasumas manajimantiin ISFO Waajjira Ol’aanaa fi Dameelee argamaniiru.
Hirmaannaan gaggeessitootaa fi manajimantii kunis hojiiwwan qonnaalee irratti hojjetamaa jiran sirnaan hordofuu, rakkoolee hojii keessatti mul’atan adda baasuu fi furmaata yeroo isaa keessatti kennuuf gahee olaanaa qaba.
Bara kana Bokkaan hanqinna qabaachuu irraa kan ka'e Qonnoota muraasa irratti miidhaan qaqqabsiisuu isaa daawwannaa kanaan ilaalamee jira.
Sanyii Filatamaa Oromiy
Siraaroo