13/03/2023
Mootumaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa namoomaa ilaalchisuun marsaa 2ffaaf waamicha dhiheesse.
OBN Bitootessa 03, 2015-Naannoo Oromiyaa Godinaalee tokko tokko keessatti sababa hanqina roobaan hongee uumameen lammiilee rakkoof saaxilaman gargaaruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha deeggarsaa taasise hordofee dhuunfaadhaan, dhaabbileen daldalaa, dhaabbileen mootummaa, mit-mootummaafi hawaasni bal’aan haala gaariin deebii hatattamaa kennaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas kanuma bu'uura godhachuun marsaa 1ffaan beekkamtii kennuun isaa ni yaadatama.
Ammas, namoonni dhuunfaadhaan, dhaabbileen daldalaa, dhaabbileen mootummaa, waldaalee fi biroon uummata sababa hongeen rakkoof saaxilameef maallaqa walitti qabdaniifi walitti qabaa jirtan lakkoofsa herreegaa baankiiwwan Buusaa Gonofaa Oromiyaan banamanitti galii taasisuun nagahee/bank slip/ akkasumas qaamonni gargaarsa akaakuu taasiftan ammoo sanada ittiin gargaarsicha galii gootan qabattanii Bitootessa 4 hanga 5 bara 2015tti Waajjira Muummee Buusaa Gonofaa Oromiyaa magaalaa Finfinnee Naannoo Saaris Warshaa Addis Gommaa fuulduratti argamutti akka galmooftan isin beeksifna.
Haaluma kanaan, sirni beekamtii, walharkaa fuudhinsii fi uummataaf ifoomsuu marsaa 2ffaa Roobii Bitootessa 6 bara 2015 waaree dura sa’aa 4:00 irraa eegalee Waajjira Pirezidaantiitti waan gaggeeffamuuf sagantaa kanarratti akka argamtan waamicha isiniif taasifna.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf lakkoofsa Bilbilaa 09 11 48 86 10 dhaan qunnamuun ni danda’ama. Mootumaa Naannoo Oromiyaa
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa