Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee

Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee This page is official page of prosperity party, to Addis Ababa branch office

13/06/2023

Ibsa I/Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa Qabiyyee marii hoggansa olaanof giddugaleessaa Bulchiinsa Magaalichaa taasisaa jiran ilaalchisee kennan!!

Mariin hoggantootaa olaanof giddugaleessaa paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee Boru akka eegalu I/Gaafatamaan Paarti...
12/06/2023

Mariin hoggantootaa olaanof giddugaleessaa paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee Boru akka eegalu I/Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinee Obbo Mogos Baalchaa Ibsan!

Faayidaan Ashaaraa Magariisaa Hunda Galeessa!!Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Akka biyyaatti kan jalqabame yaadama hoggans...
12/06/2023

Faayidaan Ashaaraa Magariisaa Hunda Galeessa!!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Akka biyyaatti kan jalqabame yaadama hoggansa jijjiirramaa biyyaaf bu'aa buusaa jiru yoo ta'u uummataa fi dargaggootaf carraa hojii uumun akkuma waliigalaatti sadarkaa adunyaatti biyyi teenya hojii kanaan beekkamtu gochuus danda'eera!

kana cimsanii itti fufuun gahee uummata keenyati.

Muummee Ministeeraa Dr. Abiy Ahimad Yaa'ii Idilee Biyyoota Miseensa IGAD irratti hirmaaxhuf Jibutii Galan!Dr. Abiy wayit...
12/06/2023

Muummee Ministeeraa Dr. Abiy Ahimad Yaa'ii Idilee Biyyoota Miseensa IGAD irratti hirmaaxhuf Jibutii Galan!

Dr. Abiy wayita Buufata xiyyaaraa Idil Adunyaa Jibutii gahan simannaan hoo'an taasifameef!

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigraayif deeggarsa Maallaqaaf Meeshaalee Miliyoona 510 olitt...
11/06/2023

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigraayif deeggarsa Maallaqaaf Meeshaalee Miliyoona 510 olitti tilmaamamu taasise!!
===============
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Tigraayiif deeggarsa akaakuu fi maallaqaa Birrii miiliyoona 510 olii taasiseera.

Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adanaach Abeebeen magaalaa Maqaleetti argamuun deeggarsicha Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaaf laataniiru.

Uffataalee, meeshaalee barnootaa,fayyaa fi meeshaalee galteewwan biirooleef oolaan bulchiinsi magaalichaa lammilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsaan laateera.
Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adanaach Abeebeen magaalaa Maqaleetti argamuun deeggarsicha Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaaf laataniiru.

Bulchiinsi magaalichaa lammilee sababa waraanaan miidhamaniif Uffataalee, meeshaalee barnootaa,fayyaa fi kanneen biroo deeggarsa taasiseera.

Nageenyarraa malee waraanarraa bu'aan argamu waan hin jirreef, nageenya keenya mirkaneessuu qabna, waraana darbeen hunda keenyatu miidhame jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Miidhaan kutaalee biyyattiitti qaqqabu kamiiyyuu miidhaa hundaa ta'uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee akkaatuma waadaa galeen deeggarsa taasiiseef Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetachoo Raddan galateeffataniiru.

Aadde Adaanach Mana Barumsaa bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Tigraayitti ijaaruuf dhagaa bu'uraa kaa'aniiru.

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee..."Mariiwwan bal'aa jiraattota magaalaa keenyaa waliin taasifneen gaaffiiwwanii fi komi...
10/06/2023

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee...

"Mariiwwan bal'aa jiraattota magaalaa keenyaa waliin taasifneen gaaffiiwwanii fi komiiwwan ka'an dhaggeeffannee adda baasnee deebii kennuuf hojjachaa jirra.

Bu'uura kanaan guyyaa har'aa iddoolee seeraan ala ijaaramanii qabaman, misoomaan ala ijaaramanii qabamanii fi gamoowwan ijaarsi isaanii eegalee yeroo dheeraaf dhaabbatan, manneen jireenya mootummaa, carraawwan hojii sadarkaa magaalaatti uumaman jiraattota magaalattii fayyadamtoota haqa qabeessa taasisuu dhiisuun, dhiibbaa jireenyaa hir'isuuf hojiilee hojjatamaa jiranii fi hojii odiitii galii walitti qabuu kan gamaggamne yoo ta'u, komii uummanni kaase sirrii ta'uu isaanii amanneerra.

Yeroo itti aanuttis uummata nu filate gadi jennee dhaggeeffachuun hojiilee fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessan hojjachuu keenya cimsinee itti fufna."

Egeree keenya Har'a Haadhaabnu!Itoophiyaan Waggoota 7 keessatti Biqiltuuwwan Biloyoona 50 Dhaabun, Adunyaa Kanarratti Ho...
10/06/2023

Egeree keenya Har'a Haadhaabnu!

Itoophiyaan Waggoota 7 keessatti Biqiltuuwwan Biloyoona 50 Dhaabun, Adunyaa Kanarratti Hojii Magariisummaa fi Misooma Bosonaan biyya ishee jalqabaa taati!

Waggoota 5 Darban Biqiltuuwwan biliyoona 25 kan dhaabbaman yoo ta'u bara kanas biqiltuu biliyoona 6.5 dhaabun gara biqiltuuwwan biliyoona 31.5 tti guddisuuf hojjetama.

09/06/2023

Egeree keenya har'a haa dhaabnu!

Kantiibaa Adaanech Abeebee Abbootii Amantaa Garaagaraa waliin Mariyatan!!"Galgala kana hooggantoota dhaabbilee mana aman...
08/06/2023

Kantiibaa Adaanech Abeebee Abbootii Amantaa Garaagaraa waliin Mariyatan!!

"Galgala kana hooggantoota dhaabbilee mana amantaa hundaa fi hooggantoota yaa'ii dhaabbilee amantaa waliin marii yaada ijaarsaa taasifneerra.

Marii keenyaanis nagaa jabeessuun gara kuteessummaan wal tumsinee hojjachuu akka qabnu waliif galleerra.
Walitti dhufeenya fi walta'insa amantaa gidduu jiru cimsuun nagaa jabeessuutti dabalataan misoomaafis baay'ee barbaachisaa ta'uu isaatiin cimsinee kan itti fufnu ta'a!!"

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee:-"Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Bara 2016 Har'a Iddoo Muummee Ministeeraa Dr. Abiy Ahim...
08/06/2023

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee:-

"Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Bara 2016 Har'a Iddoo Muummee Ministeeraa Dr. Abiy Ahimad argamanitti Naannoo Affaaritti eegalameera! Sagantaa bara Kanaatinis, bara kana biqiltuuwwan Biliyoonni 6.5 ni dhaabbatu. Jiraattotni Magaalaa Keenya sagantaa Ashaaraa Magariisaa Bara kanaa irratti si'oominaan akka hirmaattan yaamicha koo dabarsa!!"

'Egeree keenya har'a haa dhaabnu!' Kun yaada ijoo Sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa lammaffaa har'a jalqabnuuti.  Bo...
08/06/2023

'Egeree keenya har'a haa dhaabnu!'

Kun yaada ijoo Sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa lammaffaa har'a jalqabnuuti. Boqonnaan jalqabaa biqiltuuwwan biiliyoona 25 ittiin dhaabamanii milkaa'eera. Marsaa lammaffaatiinis Itoophiyaan biqiltuuwwan biiliyoona 25 ni dhaabdi. Ashaaraan Magariisni hambaa dhalootaatti darbudha. Jijjiirama haala qilleensaafi golgolaa'uu naannawaa ittiin damdamachuuf karoora biyyaa madde goonee kan kaayyeffanedha. Carraa hojii uumuufis mala tokkodha. Akkasumas biqiltuuwwan nyaataaf oolan dhaabuudhaan karaa ittiin wabii nyaataa keenya mirkaneeffannu keessaa isa tokkodha.

Bu’ura yaadama Ida’amuu fi Sagantaa Paartii Badhaadhinaatin milkaa’ina hojii keenyaa dhugoomsuf imala keenya deemsa tark...
08/06/2023

Bu’ura yaadama Ida’amuu fi Sagantaa Paartii Badhaadhinaatin milkaa’ina hojii keenyaa dhugoomsuf imala keenya deemsa tarkaanfii irraa gara fiigichaatti geeddaruun ariitii keenya dabaluutu nurraa eeggama!

Sanyiin kalaqa waa hundaa Yaada!, Badhaadhinaaf yaadolee gadi fagoof xinxaalan hojjetaman saditu jiru! Isaanis:-
1. Barnoota
2. Hojii fi
3. Kalaqa!

Beekumsi qofaa isaatti maallaqa ta’uu hin danda’u. hojii fi yeroo barbaada!

Maallaqni qofaa isaatti Badhaadhina ta’uu hin danda’u. kalaqa barbaada!, yeroo barbaada!, Badhaadhinnii fi maallaqni gargari; maallaqa irratti kalaqa daballee yoo sochoofne Badhaadhina ta’a. kanaaf, yeroon waa hundaaf bu’ura waan ta’eef hafuurra barfachuu yaadama jedhu dhiifnee barbaachisummaa ariitin imaluu hubannee yaadama Ida’amuu fi sagantaa Paartii Badhaadhinaa irratti bu’ureeffachuun imala keenya tarkaanfirraa gara fiigichaatti geeddaruun bu’aa fiduutu nurraa eeggama!

:- Muummee Ministeeraa Dr. Abiy Ahimad

Address

22 Mazoria
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee:

Share