22/07/2026
“Biqiltuun Har’a dhaabnu abdii dhaloota Egereefi gaaddisa Nagaati”
Sagantaan ‘Ashaaraa magariisaa’ Itoophiyaa keessatti, bara 2011 A.L.I Muummee Ministiraa Dr. Abiy Ahimadiin kan jalqabame yoo ta’u, kaayyoon isaatis Jijjiirama qilleensaa dandamachuu, manca'iinsa bosonaa ittisuu, lafa miidhame deebisanii misoomsuu, eegumsa biyyoofi bishanii guddisuu, haguuggii bosona biyyattii dabaluufi birmadummaa wabii nyaataa mirkaneessudha.
Jijjiiramni qilleensaa sadarkaa idil-addunyaatti wagga waggaan dabalaa dhufe biyyaafi naannoo keenyattis haalum wal fakkaatuuun dhiibbaa uumaa jiraachuun isaa beekamaadha. Sababa kanaan waggoottan darbanitti sadarkaa biyyaafi naannoo keenyaatti roobni yeroo isaa hin eegne uumamuudhan hongeefi lolaan darbee darbee uumamu miidhaa hawaas-diingdee geessisaa tureera. Rakkoo kana furuudhafis duulli sagantaa Ashaaraa Magariisaa Bara 2011 eegalame bara baraan biqiltuuwwan gosa adda addaa Biiliyoonan lakkaa’aman dhaabudhaan hanga ammaatti ittifufee jira.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Mummicha ministeeraan eegalame kun sadarkaa biyyaalessaafi naannoo keenyattis qaamolee hawaasaa garaagaraa, kanneen akka dhaabbilee mootummaa, manneen barnootaa, abbootii qabeenyaafi aambasaadaroota biyyaa alaa dabalatee deeggarsa ol’aanaa argachuudhan hanga bara 2017tti biqiltuun biiliyoona 20 ol ta’u dhaabachuu isaa ragaaleen jiran ni mul’isu.
Sochii kanaan Itoophiyaanonni miliyoonaan lakkaa'aman hojii biqiltuu dhaabuu keessatti hirmaachaa jiru. Akka ragaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii ibsutti Sagantaan Kun jijjiirama qilleensaa hir'isuu qofa osoo hin taane, hubannoofi kaka’uumsa uummaanni biqiltuu dhaabuu irratti qabus jajjabeessaa jira.
Caasaleen nageenyaa naannoo keeynatis sagantaa ashaaraa magariisaa waggaa waggaan gaggeeffamaa jiru kana keessatti gama tokkoon nageenya waaraa mirkaneessaa gama biraatiin immoo biqiltuu miiliyoonaan lakkaa’amu dhaabudhaan seenaa dhalootaa dhalootaatti darbu kana adda durummaadhan raawwachaa jiru. Biqiltuun har’a dhaabnu abdii dhaloota egereefi gaaddisa nagaa waan ta’eef hirmaannaafi gumnmaacha gama kanaan qabu kan kanaan duraa caalaa cimsuudhaan itti fufuu qabna. Uuummaanni Oromoo biqiltuu dhaabuun ilmoo guddisuudha akkuma jedhu, bara kanas Mootoo ykn dhaadannoo “Abdii haa dhaabnu” jedhuun dhaabbiin biqiltuu ashaaraa magariisaa kana eegalame yoo ta’u hooggansiifi hojjattootni Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaatis dhaabbii biqiltuutiif qophii gahaa taasisaniiru. Caasaa nageenyaa sadarkaan jiru hundis akkuma kanaan duraa nagaafi nageenya naannoo keenyaa qindoomina cimaafi hirmaannaa hawaasaa hoo’adhaan eegsisuun akkuma jirutti ta’ee, sagantaa ashaaraa magariisaa keessattis gumaacha isarraa eegamu akka bahatu carraa kanaan dhaamsa keenya dabarsina.
“Abdii haa dhaabnu”
Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa
Adoolessa 2018, Finfinnee