Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo

Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo This is an official page of Kolfe Keranio Subcity Administration Communication Office - Afaan Oromo.

Yaa'iin xumuraa waggaa 13ffaa bara filannoo 2ffaa Mana Maree Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoon gaggeeffama ture xumurame...
04/08/2026

Yaa'iin xumuraa waggaa 13ffaa bara filannoo 2ffaa Mana Maree Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoon gaggeeffama ture xumurame.

‎Komunikeeshinii Kolfee, Adoolessa 28/2018

‎Yaa'iin xumuraa waggaa 13ffaa bara filannoo 2ffaa Manni Maree Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo gaggeessaa ture milkaa'inaan xumurameera.

‎Manni marichaa hirmaannaa qaamolee raawwachiiftuu kutaa magaalichaa, miseensota mana maree, Hoggantoota Olaanoo Aanaalee, afaa-yaa'iiwwan Olaanoo fi barreessitoota Aanaalee akkasumas keessummoota kabajaa bakka argamanitti, yaa'ii xumuraa waggaa 13ffaa bara filannoo 2ffaa gaggeessaa ture irratti; Qaboo Yaa'iin yaa'ii idilee 4ffaa waggaa 13ffaa bara filannoo 2ffaa irratti mari'achuun raggaasisuu, raawwii karoora bara baajataa 2018 fi karoora bara baajataa 2019 Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo irratti mari'achuun raggaasisuu, akkasumas wixinee baajataa bara baajataa 2019 irratti mari'atee raggaasisuun yaa'iichii xumurameera.

‎Hojiiwwan Ijaarsa Pirojeektootaa Ilaalchisee Bara Baajataa 2018 Keessa Raawwataman፦‎‎✳️ Aanaa 08: Ijaarsa babal’isuu‎  ...
04/08/2026

‎Hojiiwwan Ijaarsa Pirojeektootaa Ilaalchisee Bara Baajataa 2018 Keessa Raawwataman፦

‎✳️ Aanaa 08: Ijaarsa babal’isuu
‎ Buufata Fayyaa (G+2)

‎✳️ Aanaa 07: Ijaarsa babal’isuu M.B Sadarkaa 1ffaa fi KG 'Addis Tesfa'

‎✳️ Aanaa 08: Ijaarsa M.B Sadarkaa 1ffaa Qaraaniyoo Lootii 1 (G+4)

‎✳️ Aanaa 08: Ijaarsa M.B Sadarkaa 1ffaa Qaraaniyoo Lootii 2 (G+4)

‎✳️ Aanaa 05: Dirree Ispoortii Medemer

‎✳️ Aanaa 01: Ijaarsa Gamoo Bulchiinsa Aanichaa (G+4)

‎✳️ Aanaa 06: Ijaarsa kuusaa gargaarsaa fi mana eegumsaa

‎✳️ Aanaa 11: Ijaarsa babal’isuu M.B Sadarkaa 1ffaa Ajaanbaa (G+4)

‎✳️ Aanaa 11: Ijaarsa bal'ina M.B Sadarkaa 1ffaa Ajaanbaa (G+4)

‎✳️ Aanaa 08: Ijaarsa bal'ina M.B Sadarkaa 1ffaa Qaraaniyoo (G+2)

‎✳️ Aanaa 02: Ijaarsa bal'ina M.B Sadarkaa 1ffaa Gaara Firii (G+2), dallaa fi mana eegumsaa

‎✳️ Ijaarsa M.B Sadarkaa 1ffaa Beetel (G+2), dallaa fi mana eegumsaa

‎✳️ Aanaa 06: Pirojeektii Mesebo (SB+G+5)

‎✳️ Aanaa 06: Inisheetiivii 'Green Gold' (Warqee Magariisaa)

‎✳️ Aanaa 03: Iddoo kunuunsa daa'immanii hawaasummaa (Day Care)

‎✳️ Ijaarsa mana baasii gadaanaa (Low Cost) 2 (G+5)

‎✳️ Aanaa 03: Buufata Poolisii hirmaannaa uummataan ijaarame

Raawwii Karoora Bulchiinsa Gaarii: Hojiiwwan Gurguddoo Bara Baajataa 2018 Keessa Raawwataman‎🎯 Sadarkaa bulchiinsa kutaa...
04/08/2026

Raawwii Karoora Bulchiinsa Gaarii: Hojiiwwan Gurguddoo Bara Baajataa 2018 Keessa Raawwataman

‎🎯 Sadarkaa bulchiinsa kutaa magaalichaatti karooraan kan qabame 42, sadarkaa Aanaatti 25, sadarkaa blookiitti 21 walumaagalatti 88 yoo ta'u, 88n isaanii furuudhaan %100 raawwachuun danda'ameera.

‎🎯 Rakkooleen bulchiinsa gaarii kanneen furamuu isaaniitiin jiraattonni 435,210 fayyadamaa ta'aniiru.

Manni Maree Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo yaa'ii xumuraa waggaa 13ffaa bara filannoo 2ffaa gaggeessuu eegale.‎‎Komuni...
04/08/2026

Manni Maree Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo yaa'ii xumuraa waggaa 13ffaa bara filannoo 2ffaa gaggeessuu eegale.

‎Komunikeeshinii Kolfee, Adoolessa 28/2018

‎Manni marichaa guyyaa har'aa hirmaannaa qaamolee raawwachiiftuu kutaa magaalichaa, miseensota mana maree, hoggantoota olaanoo Aanaalee, afaa-yaa'iiwwan Olaanoo fi barreessitoota Aanaalee akkasumas keessummoota kabajaa bakka argamanitti, yaa'ii xumuraa bara 13ffaa bara filannoo 2ffaa gaggeessuu eegaleera.

‎Yaa'icha irratti haasaa baninsiin kan taasisan Afaa-yaa'ii Olaantuu Mana Maree Kutaa Magaalichaa Kabajamtuu Addee Boogaalech Tedlaa akka jedhanitti, manni marichaa bara baajataa 2018 keessa waliigaltee galmaa qaamolee raawwachiiftuu waliin taasisan irratti hundaa'uudhaan, koreewwan kutaalee mana marichaatiin hojiiwwan hordoffii fi daawwannoo dirree cimaa raawwachuun ciminoota fi hanqinoota addaan baasuun dub-deebii kennaniin bu'aawwan hedduun galmeeffamuu isaanii dubbataniiru.

‎Manni marichaa bara baajataa kanatti fedhii bulchiinsa gaarii hawaasichaa guutuu, tajaajila haqa qabeessa ta'e diriirsuu fi itti qufiinsaa hawaasa ol kaasuuf bulchiinsa kutaa magaalichaa waliin qindoomina fooyya'aan hojjechuu irratti bu'a-qabeessa akka ture hubachiisaniiru.

‎Kana malees, koreewwan kutaalee mana marichaa kanaan deeggaruu, hordofuu, to'achuu, gamaaggamuu fi dub-deebiii kennuu irratti hojjechuun hojiiwwan idilee malees hojiilee tola-ooltummaa hedduu raawwachuun itti gaafatamummaa isarraa eegamu ba'achuu isaa hubachiisaniiru.

‎Gara fuulduraattis tarkaanfiilee jijjiiramaa bulchiinsi kutaa magaalichaa jalqabe, ijaarsa sirna demokiraasii fi guddina diinagdee fi hawaasummaa ariifachiisaa mirkaneessuuf manni marichaa gahee isaa kan ba'atu ta'uu Kabajamtuu Afaa-yaa'ichi cimsuun eeraniiru.

‎Walumaagalatti bara baajataa 2019 keessatis muuxannoowwan gaarii fi ciminoota jalqalaman itti fufsiisuun, hanqinoota sirreessuun tattaaffii guddaa kan taasisnu ta'uu dubbataniiru.

‎Manni Maree Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo oolmaa har'aatiin Qaboo Yaa'ii, yaa'ii idilee 4ffaa waggaa 13ffaa bara filannoo 2ffaa irratti mari'achuun raggaasisuu, raawwii karoora xumura bara baajataa 2018 bulchiinsa kutaa magaalichaa irratti mari'achuun raggaasisuu, karoora bara baajataa 2019 bulchiinsa kutaa magaalichaa irratti mari'atee raggaasisuu, akkasumas wixinee baajataa faayinaansii bara baajataa 2019 bulchiinsichaan dhiyaatu kan raggaasisu ta'uu eegama.

‎Har’as waliin taanee seenaa biraa barreessineerra - Kantiibaa Adaanech Abeebee‎‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Ada...
04/08/2026

‎Har’as waliin taanee seenaa biraa barreessineerra - Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee har'as waliin seenaa biraa galmeessineerra jedhan.

‎Kantiibaa Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin sagantaa ashaaraa magariisaa abdii haa dhaabnu jedhuun gaggeeffameen Finfinneen qooda ishee bahachuu ibsuun waliin taanee abdii keenyaas dhaabneerraan hubachiisaniiru.

‎Sagantichi hirmaannaa guddaa kutannoofi xiiqiin dabaalame jiraattotni Finfinnee agarsiisaniin milkaa'uu kan ibsan Kantiibaa Adaanech, karooraa ol biqiltuu Miliyoona 1.5 caalu dhaabuun seenaa haaraa barreessineerra jedhaniiru.

‎Dhugumatti yoo waloon dhaabbanne waan hundumaa ni dandeenya! Hundi keenya tokkummaan ciminaan yeroo hojjennu, har’a qofaaf osoo hin taane, dhaloota dhufuufis galaa hin dagatamne gudunfuu dandeenya jechuun ibsaniiru.

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee milkaa’inni guddaan kun akka dhugoomuuf ganama irraa eegaluun kutannoofi xiiqiin hojjechuun tokkummaa ajaa’ibaa fi miira abbummaa kan agarsiiftan jiraattota magaalatti dabalatee warreen hojicha qindeessitan hoggantoota sadarkaan jirtan galatoomaa jechuun ergaa dabarsaniiru.

‎AMN

"Hanga waaree booda sa'aatii 9:00tti lafa heektaara kuma 200 fi kuma 56 irratti biqiltuun miiliyoona 700 dhaabbameera"  ...
03/08/2026

"Hanga waaree booda sa'aatii 9:00tti lafa heektaara kuma 200 fi kuma 56 irratti biqiltuun miiliyoona 700 dhaabbameera"

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Sagantaa Ashaaraa magariisaa aduu tokkoo kutaa Magaalaa Kolfeeti (Suuraadhaan:-)
03/08/2026

Sagantaa Ashaaraa magariisaa aduu tokkoo kutaa Magaalaa Kolfeeti (Suuraadhaan:-)

‎"Abdii Haa Dhaabnu!"‎‎Sagantaa biqiltuu dhaabuu Ashaaraa magariisaa aduu tokkoo Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo keessa...
03/08/2026

‎"Abdii Haa Dhaabnu!"

‎Sagantaa biqiltuu dhaabuu Ashaaraa magariisaa aduu tokkoo Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo keessatti haala hoo'aan gaggeeffamaa jira.

Komunikeeshinii Kolfee, Adoolessa 27/2018

‎Sagantaa biqiltuu dhaabuu aduu tokkoo kun ganama sa'aatii 12:00 irraa eegaluun kutaa Magaalichaa keessatti kutaaleen hawaasaa gara-garaa hirmaachisuun gaggeeffama jira.

‎Sagantaa kanarratti hojjettonni mootummaa fi dhibbaa uummtootni miidiyaa hawaasa (social media influencers) Ashaaraa isaanii biqiltuu dhaabuun kahaaniiru.

Address

Bethel, Finfinnee
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share