Ethiopian News Agency/Afaan Oromoo

Ethiopian News Agency/Afaan Oromoo ENA’n bara 1934 irraa eegalee oduu biyya keessaa fi alaa barreeffama, sagalee fi viidiyoodhaan ummataaf dhiyeessaa jira.
(1)

05/08/2026

Itoophiyaan dafqa ijoollee isheetiin ijaaramti; qophiin keenyas biyyootni naannoo keenyaa kan itti abdatan, gaachanaa fi dahoo ta'uudha.
Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad

Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa Dhaloota Boruuf Mijattu taate Dabarsuuf Kan Dandeessisudha - HirmaattotaAdoolessa 29/2018...
05/08/2026

Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa Dhaloota Boruuf Mijattu taate Dabarsuuf Kan Dandeessisudha - Hirmaattota

Adoolessa 29/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa Waliigaltee Biyyaalessaa Uumuun Itoophiyaa Dhaloota Boruuf Mijattu taate Dabarsuuf Kan Dandeessisudha jedhan hirmaattotni Marichaa ENAf yaada isaanii kennan.

Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Itoophiyaanoota biyya keessaa fi ala jiran hirmaachisuun ajandaawwan marii saddeet adda baasuun Adoolessa 8/2018 irraa jalqabee marii gaggeeffamaa jira.

Mariin Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addis keessatti gaggeeffamaa jiru kana irratti hirmaattotni kuma afur hirmaachaa jiru.

Hirmaattootni marii gaggeeffamaa jiru kana irratti hirmaachaa jiran akka ENA’f ibsanitti; mariin biyyaalessaa kun waliigaltee biyyaalessaa uumuun Itoophiyaa Mijattu taate dhaloota dhufuuf dabarsuuf dandeessisa.

Adeemsi marii kun raawwii ijaarsa biyyaatiif kan gargaaran yaada adda addaa dhiyeessaa akka jiran ibsuun, lammiin hundi biyya isaatiif qooda isaa akka gumachu carraa guddaa uumuu isaa dubbataniiru.

Hirmaataan Kataamaa Baahiruu jedhaman akka ibsanitti, gumiin marii biyyaalessaa kun ajandaawwan irratti waliigaltee waliinii uumuuf waltajjii murteessaa ta’uu isaa ibsaniiru.

Waltajjiin Marii kun garaagarummaa yaadaa sirnaan kan keessummeessu fi hirmaattotni hundi yaada isaanii bilisaan akka dhiyeessan carraa bal'aa kan mijeessudha jedhaniiru.
Dabalataanis, adeemsi kun kutaa hawaasaa hunda kan hirmaachise fi hunda-galeessa ta’uun isaa ijaarsa tokkummaa biyyaalessaa fi mariif qooda guddaa akka qabu dubbataniiru.

Hirmaattuun Iteenesh Muluugeetaa jedhaman gama isaaniitiin; adeemsi marii kun hunda-galeessa ta'uu isaa ibsuun, Itoophiyaa dhaloota boruuf mijatu taate ijaaruuf carraa guddaa ta'uu isaa dubbataniiru.

Mariin kun tokkummaa kan cimsu ta'uu eeruun, hunda kan hirmaachise fi dhimmoota hunda irratti iftoominaan mari'achaa akka jiran ibsaniiru.

Hirmaataan Abdulaaziiz Abdii jedhamu immoo; mariin biyyaalessaa gaggeessaa jirru kun dhaloota dhufuuf biyya nageenyi ishee eegame fi tasgabbiin ishee mirkanaa'e dabarsuuf kan dandeessisudha jedheera.

Mariin kun Itoophiyaa waliigalteen biyyaalessaa keessatti uumame ijaaruuf abdii guddaa kan qabu ta'uus dubbateera.

05/08/2026

Mariin Biyyaalessaa Maalirra Jira?- Toofiq Abdullaah, Hirmaataa Marichaa

Afaan Oromoo #

05/08/2026

Mari’attoonni dhimmoota ijoo Itoophiyaa akka dhimma isaanii taasisanii ajandaa isaanii irratti bilisummaan mari'achaa jiru - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa

Duudhaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyyaa fi ummata tiksuu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuudha.Adoo...
05/08/2026

Duudhaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyyaa fi ummata tiksuu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuudha.

Adoolessa 29/2018 (ENA): Duudhaan bu’uuraa Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’uudha jedhan Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Diras.

Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa daawwachuun deeggarsa meeshaa fi maaddii qooddataniiru.

Akka Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Darasiitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa adda addaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa jira.

Har’as dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa keessa jiru daawwachuun deeggarsa bal’aa taasisuu akka danda’es eeraniiru.

Hojiin waldichaa "nama gargaaruuf nama ta'uu" qofti gahaa dha jedhu irratti kan hundaa'e namummaa guddaa kan agarsiisuu fi biyyaaf fakkeenya ta'uu eeruun, lammiilee deeggarsa barbaadan gargaaruun, nagaa biyyaa fi ummataa eeguun alatti, duudhaa bu’uuraa raayyaa ittisa biyyaa ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsi waliigalaa kun taatee yeroo tokkoo osoo hin taane, waldicha cinaa dhaabbachuun deeggarsa isaanii cimsuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

Maanguddootaa fi dhukkubsattoota deeggaruun itti gaafatamummaa nama hundaa ta’uu akka qabu hubachiisuun, ummanni Itoophiyaa guutuun, invastarootaa fi lammiileen biyya alaa jiraatan kaayyoo qulqulluu kana cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.

Akkasumas, maanguddootaa fi dhukkubsattoota waldicha keessa jiraniif ergaa dabarsuudhaan, "Isin qabeenya biyya keenyaa fi imaanaa keenyaati; isin kophaa keessan miti, raayyaan ittisaa fi ummanni guutuun isin waliin jira" jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Hundeessaa fi daayreektarri Waldaa tola ooltummaa Maqadooniyaa Biiniyaam Ballaxaa gama isaaniitiin, Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa meeshaa fi waldicha maaddii qooddachun isaatiif galata guddaa qaban ibsaniiru. Dhaabbileen biroos ta’e namootni dhuunfaa fakkeenyummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa hordofuun waldichaaf deeggarsa danda’amu hunda akka taasisanis waamicha dhiyeessaniiru.

Afaan Oromoo #

Naannichaatti hojiilee hordoffii fi to’annoo gabaa cimsuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kennameeraAdoo...
05/08/2026

Naannichaatti hojiilee hordoffii fi to’annoo gabaa cimsuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kennameera

Adoolessa 29/2018 (ENA): Bara baajataa qabametti hojiilee hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun akkasumas dhiyeessii omishaalee qonnaa fi industirii akka fooyya'u taasisuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu Ejensiin Misooma Daldaa Naannoo Hararii beeksise.

Hogganaan Ejensii Misooma Daldaa Naannoo Hararii obbo Shariif Mummee dhimmoota raawwii ijoo bara baajata kanaa irratti ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniitiinis bara baajata kanatti naannichatti qaala’insa jireenyaa salphisuuf hojiileen dandeessisan cimee kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru.

Keessattuu hojiilee hordoffii fi to'annoo gabaa cimsuun dhiheessii omishaalee qonnaa fi industirii akka fooyya'u taasisuun hojiileen xiyyeeffannaa olaanaa kan kennamuuf ta'uu dubbataniiru.

Daldaltootaa Hawaasa shamaachaa baasii hin mallee saaxilanii fi kan rakkisan akkasumas daballii gatii hin malle raawwatan irratti hojiin iti gaafatamaa taasisuu hojjetama jedhan.

Dhiyeessii omishaa fooyyaessuun, hudaawwan waliti hidhaminsa gabaa hiikuunii fi daldala seeraan alaa to'achuuf hojiileen xiyyeeffannaa addaa kennameefii kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.

Gabaa Sanbataa fi Dilbataa cimsuun omishaalee kuduraafi muduraafi bu'aalee industirii kallattiin shamaataaf dhiyeessuun qaala’insa jireenyaa salphisuuf kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.

Afaan Oromoo #

Hirmaattonni marii dhimmoota Itoophiyaaf fayyadan irratti mari'achaa jiru - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ari’a...
05/08/2026

Hirmaattonni marii dhimmoota Itoophiyaaf fayyadan irratti mari'achaa jiru - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa

Adoolessa 29/2018 (ENA): Hirmaattonni Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiran garaagaruumaa jiru dhiisuun dhimmoota bu'aa waloo biyyaa dursan irratti mari'achaa jiraachuu Komishinar Piroofeesar Masfin Ari’aayaa ibsan.

Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa, yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Yaa’iin Marii kun garee tarsiimo'aa 250 irratti mari'achaa jiraachuu komishinarri olaanaan ibsaniiru.

Gareewwan tarsiima'aa 250 dhimmoota ramadaman irratti yaada kaasan irratti mari'achuun qaboo walga'ii qabachuun mallatteessuu eegaluu isaanii dubbataniiru.

Adeemsi qaboo yaa’ii mallatteessuu har'a yoo xumurame yaa’iin tarsimo'aa gareewwan 500 boru akka eegalamu hubachiisaniiru.

Mariin gareewwan tarsiimo'aa yaadota irratti taasisan har'a kan darbu yoo ta'e yeroon yaa’ichi 500 itti eegalamu akka dheeratuus dubbataniiru.

Mariilee gareewwan kanaa keessatti yaadotni ka'an hedduun gara waliigalteetti kan geessan ta'uu eeruun, yaadotni tokko tokko qulqulleeffachuu bal'aa kan gaafatan ta'uu dubbataniiru.

Hirmaattonni garaagarummaa yaadaa yoo qabaatanillee guddummaa Itoophiyaa ilaaluun mari'achaa jiraachuu fi gahee isaanii ba'aa jiraachuu dubbataniiru.

Yaa’iin marii biyyaalessaa yeroo qabameefiitti haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Afaan Oromoo # biyya mariidhaan rakkoo furattu #

Haaromsa kallattii hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffame keessatti bu'aan milkaa'aan galmaa'eera – Obbo Adam Faa...
05/08/2026

Haaromsa kallattii hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffame keessatti bu'aan milkaa'aan galmaa'eera – Obbo Adam Faaraah

Adoolessa 29 /2018 (ENA): Riifoormii roga hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffameen bu’aan milkaa’aan galmaa’uu isaa Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah himaniiru.

Waajjirri Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa gamaaggama raawwii karoora bara baajata 2018 fi waltajjii seensa karoora bara baajata 2019 gaggeesse.

Akka Itti Aanaa Pireezidaantii paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah jedhanitti damee siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii irratti hojiin haaromsaa bal’aan galmaa’ee jira.

Akkasumas, sochii marii biyyaalessaatiin uumame fayyadamuun riifoormichi gara jijjiirama sirna siyaasaa guutuutti galmaan ga’uuf akka itti fufu ibsaniiru.

Finxaaleyyii qolachuufi hariiroo paartilee lameenii guddisuufi dhaabbilee ciccimoo uumuuf hojiin istaandardii taasifamuu eegalame cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru.

Obbo Adam mootummaan Ida’amuu Paartii Badhaadhinaan durfamu hojii dhaabaa bu’a qabeessa ta’ee fi mootummaa cimaa fi biyya cimtuu ijaaru raawwachuu danda’uu isaa ibsaniiru.

Hogganaa fi miseensota dabalatee caasaa hunda sochoosuun hojiin misoomaa ummata fayyadamoo taasisu hojjetamuus ibsaniiru.

Hoggansii fi miseensonni sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa itti kenname qulqullinaa fi gahumsaan raawwachuu akka qaban kan ibsan obbo Adam, bu’aa olaanaa bara baajataa keessatti galmaa’eef gumaacha hooggansaa fi hojjettoonni waajjirichaa taasisaniifis galateeffataniiru.

Afaan Oromoo #

Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Ka...
05/08/2026

Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Kaasahuun Gofee

Adoolessa 29/2018 (ENA): Sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif murteessaadha jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee.

Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa 19ffaa mata duree "Metrooloojii Jijjiirama Dijiitaalaa; Safartuuwwan Amanamoon Egeree Afrikaaf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ii Waliigalaa kana irratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee ; Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetrooloojii Itoophiyaa Dr. Mulugeetaa Darribaawu fi Pireezidaantiin Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa (AFRIMETS) Dr. Heenerii Kibeet Rootich , qondaaltota mootummaa olaanoo fi bakka bu’oota biyyoota Afrikaa adda addaa aragamaniiru.

Ministirri Daldalaa fi walitti hdhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee wayita sana akka jedhanitti; Oomishaaleen biyya Afrikaa tokko keessatti oomishaman sakatta’iinsa qulqullinaa fi safartuu dachaa osoo hin darbiin bilisaan biyya tokko irraa gara biyya biraatti akka socho’an istaandaardii safartuu tokkummaa diriirsuun barbaachisaa dha jedhani.

Ida’amuun daldala ardiilee bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u biyyoonni sirna to’annoo safartuu walfakkaataa fi sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu yoo qabaatan qofa akka ta’e ibsaniiru.

Itti dabaluunis sirna meetirooloojii ammayyeessuun dijiitaala gochuun Afrikaan hubannoo namtolchee fi teeknooloojiiwwan omishaa sadarkaa olaanaa qabaniif akka qophooftu taasisa jedhan.

Bu’aan qorannoo laabraatoorii akka ardiitti fudhatama akka argatu gochuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa sirna meetrooloojii istaandaardii waliin walitti hidhuun danqaawwan daldalaa akka maqsus hubachiisaniiru.

Dandeettii qorannoo laabraatoorii fi safartuu guddisuun danqaa daldalaa hir’isuu qofa osoo hin taane, daataa safartuu amanamaa ta’een ardii kana gara dinagdee dijitaalaatti akka ceetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan haaromsa dinagdee biyya keessaa isheetiin dandeettii dhaabbilee guddisuu, invastimantii biyya alaa hawwachuu, oomisha qulqullina qabu gara biyya alaatti erguuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru.

Itoophiyaan michoota naannoo fi idil-addunyaa waliin hojjechuun istaandaardii meetirooloojii cimsuu fi walitti hidhaminsa dinagdee Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo guutuu qabdu irra deebitee mirkaneessiteetti.

Afaan Oromoo #

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopian News Agency/Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Ethiopian News Agency/Afaan Oromoo:

Shortcuts

Share