Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa

Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Oromia Labor and Social Affairs

Hubamtoota Dhibee Juzaam Buufata Haaromsa Shaashamanneetti Argaman Deebisanii Dhaabuuf Sakkattainsa gabaabaan gaggeeffam...
13/08/2026

Hubamtoota Dhibee Juzaam Buufata Haaromsa Shaashamanneetti Argaman Deebisanii Dhaabuuf Sakkattainsa gabaabaan gaggeeffamerratti Mari'atame.

( 07/12/2018, Finfinnee) sakatta'insa gabaabaan qindoomina Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa fi Dhaabbat ENAPAL n qophaa'e bakka Hoggansi Biiroo Obbo Araarsoo , bakka bu'aan Kilaastara Obbo Getuu Baqqalaa Gaggeessitoonni Dhaabbata ENAPAl fi dhimmamtoonni biroo argamanitti dhiyaate irratti mari'atame.

Sakatta'insa gaggeeffameen buufata haaromsa hubatoomtoota dhibee juzaam keessa namoonni namooni 91 ta'an kan jiran yoo ta'u; kan keessaa namoonni 69 baajata mootummaatiin ji'aan qallabni safaramaa kan jiru ta'u ibsame. Akkasuma , namoonni %93 hojjachuu kan danda'anii fi muxannoo hojii kan qaban ta'u; qaama miidhamtootni buufaticha keessa jiran hundumtuu waggaa 20 oliif buufatichatti kan kunuunfamaa kan turan ta'uu; namoonni 22 ta'an immoo deeggarsa itti fufiinsa kan barbaadan ta'uu ibsame.

Sakatta'iinsi gaggeeffame hubamtoota dhibee juuzaam buufate shaashamannee hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ceesisuuf kan gargaaru ta'uu dubbatan obbo Araarsoo Biqilaa.

Bakka bu'aan Waajjira Qindeessaa kilaastara Hawaasummaa Obbo Geetuu Baqqalaa gama isaaniitiin mootummaan hojii hojjatu hundumaa nama giddu galeessa godhatee kan hojjatu ta'uu eeruun; qindoominaa fi kutannoon sirna ijaarurratti yoo xiyyeefatame qaama miidhamtoota buufata kana keessa jiran karaa kabajni isaanii eegameen deebisanii dhaabuun kan danda'amu ta'uu dubbatan.

Sakatta'insi gaggeeffama baayyee iftoomina kan qabu, hirmaannaa qaamolee hedduu kan barbaadu ta'uu isaa hubatamee
Qaama ilaallatu hundi gahee isaa akka bahatu jenna.
Guyyaa Gaarii qabaadhaa!

"Qabsoon Oromoo Wal qixxummaaf malee Olaantummaaf miti!"
12/08/2026

"Qabsoon Oromoo Wal qixxummaaf malee Olaantummaaf miti!"

Godaansa  Al idilee Ittisuuf Qindoominaa fi  Xiyyeeffannoon Hojjatamuu qaba. ========Godina Harargee bahaatti konfaransi...
06/08/2026

Godaansa Al idilee Ittisuuf Qindoominaa fi Xiyyeeffannoon Hojjatamuu qaba.
========
Godina Harargee bahaatti konfaransiin Sosochii Ittisa Godaansa Seeraan Alaa Ittisuu Xiyyeeffate Qooda fudhattoota Sadarkaa Godina, Aanaalee fi bulchinsa magaalootaa hirmaachisuun magaalaa Hararitti gaggeeffamaa jira.Konfiransiin Sosochii Ittisa Godaansa Al-idilee Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Godina Harargee Bahaatiin Qophaa'e irratti Bulchaan Godinichaa Aadde Miski Mohammed fi IG Paarti Godinichaa Obbo Habtamu Tesfaye Akkasumaas Koreen qindeessaa Godinichaa Argamanitti Gaggeeffamaa Oleeti jira.Barreeffamni Ka'umsaaf tahuu IG Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Godinichaa Aadde Ikram Abdii dhihaateera.

Godaansi seeraan alaa miidhaa gama hedduu lammiilee irraan gahaa waan jiruuf rakkoo kana hawaasni sirritti hubachuun akka godaansa seeraan alaa ittisuuf qindoominaan hojjechuuf sosochiin kun gaggeeffama jedhan.Godaansi seeraan alaa miidhaawwan akka humnaan kafaltii malee hojjechiifamuu miidhaa xin-sammuu, kalee keessaa baafatanii fudhachuu,gammoojjii keessatti reebamuu,mallaqa humnaa olii akka kafalchiisuuf uggurruu, dooniin garagaraluun lubbuun darbuu fi kan biroo hedduu lammiilee irraan gahaa jira jedhanii, hammeenyummaa godaansa seeraan alaa hubachuun waloon irratti hojjechuun murteessa akka ta'es ibsaniiru.Dabalataanis, mootummaan godaansa seeraan alaa hambisuuf inisheetiwwaan lammiileef carraan hojii keessatti uumamuu danda'an bocuun sochii taasisu keessatti miira aadaa hojii gaariitiin hirmaachuun fayyadamuun lammiilee irraa akka eegamu kaasaniiru.

Dhimmi godaansa seeraa ajandaa tumsa waloo gaafatuu fi mirga namoomaa kabachiisuuf irratti hojjechuu qabna waan ta'eef, hojii waajjira tokkoof dhiifamu miti jedhan.Godaansi seeraan alaa dargaggoota humna oomishaa fi egeree biyyaa ta'an miidhaa garagaraa irra buusuun dinagdee fi hawaasummaa biyyaa miidha jedhan hiramatootni konfarasii.

Tajaajila Lammummaa Paakeejii addaa Addaa of keessaa qabu Maatii Harka Qalleeyyiif Kennamaa Jira.. ‎-----‎Bulchiinsa Ma/...
06/08/2026

Tajaajila Lammummaa Paakeejii addaa Addaa of keessaa qabu Maatii Harka Qalleeyyiif Kennamaa Jira..
‎-----
‎Bulchiinsa Ma/ Shaashamanneetti hojiin tajaajila lammummaa Paakeejii adda addaa of keessaa qabu kutaalee magaalichaa hundatti itti fufiinsaan hojjatamaa jira.

‎Guyyaa har'aa hojiin tajaajila lammummaa Kutaa Magaalaa Haruufaa Aanaa Majaa Dammaatti gaggeeffame.‎Aanichatti tajaajila lammummaa paakeejii arjooma dhiigaa,hubannoo godaansa seeraan alaa fi kaanserii fiixxee gadaamessaa irratti kennuu; Mana harka qalleeyyii ijaaruu, meeshaa barnoota daa'imman harka qalleeyyiif kennuu fi kenna Uffataa fi daakuu nyaataaf oluu of kessaaa qabu aanichatti gaggeeffame.‎Dabalataan aanichatti lammiilee harka qalleeyyii of dandeessuuf re'ootaa fi harreen kennameera.

‎Hojiin tajaajila lammummaatin raawwatamu kan maatii rakkoo baasuu , maatii of dandeessisuun himna oomishaa taasisu ta'uu qaba. Deeggarsa gosa adda addaa maatii tokkoof taasifamu kuni cimee bakka hundumatti hojirra ooluu qaba.

Harargee Lixaatti Hirkoon Qaamaa Qaama Miidhamtootaaf Kenname====Godina Harargee Lixaatti ,waajjirri Dhi/Ho/Hawaasummaa ...
06/08/2026

Harargee Lixaatti Hirkoon Qaamaa Qaama Miidhamtootaaf Kenname
====
Godina Harargee Lixaatti ,waajjirri Dhi/Ho/Hawaasummaa Godinichaa hirmaannaa fi fayyadamummaa qaama miidhamtootaa guddisuu fi humna oomishaa taasisuuf qaama miidhamtoota 70 aanota godinaachaa addaa irraa dhufaniif bilisaan hirkoo qaamaa wiilcharii raabse.

Itti gaafatamtuun WDhHH Go/Har/Lixaa Aadde Gannoo Abraahim deeggarsi wiilcharii kuni gaafii waajjirri isaanii dhaabbata sivilii Agaappe Mobilitii Itiyophiyaa Jedhamuuf dhiheesseen kan argame ta'uu ibsuun dhaabbaticha galateeffataniiru.

Qaama miidhamtootni hirkoo qaama argatan deeggarsa argaanitti gammadoo ta'uu; sosochii fi hirmaannaa hawaas diingdee isaanii daran kan dabalu ta'uu dubbatan.

Qindoomanii yoo tattaafatan hawaasaaf bu'aa qabatamaa buusu, hawaasa dagatameef sagalee ta'u waan ta'eef qaama hojii kana keessatti gumaachitan hundumaan galatoomaa jenna.@@@

Baga Gammaddan ! Baga Gammanne !Biyyi Keenya Itiyoophiyaan Guyyaa Tokkotti Biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf karoorfattee ...
03/08/2026

Baga Gammaddan ! Baga Gammanne !
Biyyi Keenya Itiyoophiyaan Guyyaa Tokkotti Biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf karoorfattee lammiilee miliyoona 26.2 hirmaachisuun Biqiltuu miliyoona 805.3 Dhaabuun milkooftee jirti.

Baga Gammaddan!

Abdii Dhaabna Egeree keenyaas  Ni Ijaarra!======//=====Hojjattoonni Biiroon Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Oromiyaa duula...
03/08/2026

Abdii Dhaabna Egeree keenyaas Ni Ijaarra!
======//=====
Hojjattoonni Biiroon Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Oromiyaa duula Ashaara Magariisa guyyaa tokkotti Biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf akka biyyaatti karoorfame sababeeffachuun Magaala Shaggar; Kutaa Magaala Galaan Guddaa Aanaa Daalattii Giddu gala Maanguddootaatti Abdii egeree isaanii bakka Hoggansi biirichaa , Magaala Shaggarii fi Kutaa Magaala Galaan Guddaa argamanitti xiiqiin dhaaban.

Giddu Maanguddootaa iddoo Maanguddoonni Itti haaraa galfatanitti biqiltuu boru nyaataaf oolu akkasumas gaaddisa ta'uu dhaabameera. Kuni walitti hidhamiinsa dhaalootaaf; eegeree kaa'uu keessatti shoora olaanaa qaba.

Ashaaraan Magariisaa Wabii Dhalootaati
02/08/2026

Ashaaraan Magariisaa Wabii Dhalootaati

" Abdii ni dhaabna egerees ni ijaarra” Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo OromiyaaMootummaan Naannoo Oro...
02/08/2026

" Abdii ni dhaabna egerees ni ijaarra” Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaa ganamaatti deebi’uun imala uumamatti araaramuu hojiirra oolcheen cabiinsa qabeenya uumamaa mudate qolachuun danda’ameera. Qabeenya uumamaa harkuma keenyaan mancaafne deebifnee harkuma keenyaan misoomsuun waggoota torban darbe sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun gosa garaagaraa biliyyona 28 ol dhaabuun danda’ameera.

Hojii hojjatameen Uwwisni bosona Oromiyaa %17 irra ture, gara %29 tti ol-guddachuu danda’eera. Bara 2030tti uwwisa bosona Itoophiyaa gara % 30tti olguddisuuf qabame naannoon keenya dursee akka milkeessuuf imalli imalaa jiru milkaa’ina dachaa nugonfachiisaa jira.

Kanaanis uumamaa waliin araaramnee jiraachuu kan eeggalle qofa osoo hin taane, madaala uumamaa tiksinee gaaddisa dhalootaa ijaaruu sadarkaa dandeenyurra ga’uu keenyaaf ragaa guddaadha.

Hojiiwwan eegumsaafi kunuunsa naannoorratti itti fufiinsaan hojjanneen dacheewwan gu’an mirgisanii, gaarootni onanis bosona uffataniiru.

01/08/2026

Buufatni Kunuunsa Maanguddootaa Dabralibaanos Hojii Boonsaa Hojjataa Jira.
=====
Buufatni Kunuunsa Maanguddootaa Shawaa Kaabaatti argamuu fi itti waamamni isaa Biiroo Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaaf ta'e Hojii gaggaarii keessattuu Buufaticha of dandeessisuuf; Galii Buufatichaa Guddisuuf; Maanguddootni kunuunsaaf buufata galan akkaataa dandeettii isaaniitiin hirmaachisuu fi kkf irratti hojii bonsaa hojjataa jira.

Milkaa'inoota argamaniif kutannoo Hoggansaa fi Maanajmantii buufatichaati waan ta'eef; akkasumas OBN buufatichatti argamee haala jiru ummata biraan gahuu isaatiif Biiroon Dhi/Ho/Hawaasummaa Oromiyaa Galatoomaa Jedha.

Address

Addis Ababa
10142

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa:

Shortcuts

Share