20/02/2026
Ga'ee fi Aangoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa
Boordiin Filannoo dhaabbata seera qabeessaa fi walabaa akkaataa Heera Mootummaa Rippaabilika Diimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa keeyyata 102'n hundaa'ee dha.
Boordichi erga hundaa'ee kaasee waajjiraalee isaa sadarkaa Federaalaafi naannooleetti kan gurmeesse yoo ta'u, naannoolee fi bulchiinsota magaalotaa hundatti akkasumas akka Federaalaatti biiroo kan qabuu dha.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoowwan ja'a kan raawwachiise yoo ta'u, dabalataanis filannoo naannaawaa afur fi rifiraandamii saddeet geggeesseera.
Filannoowwan iti guutinsaa fi irra deebii adda addaas raawwateera.
Boordichi Mudde 2011 bifa haaraan ijaaruu erga eegalee asi labsiin irra deebiin hundeessuu haaraan Mana Maree Baka Bu'ootaan kan ragga'e yoo ta'u, gurmaa'insa duraa irraa karaa adda ta'een miseensota boordii yeroo guutuu shan akka qabaatu ta'eera.
Dabalataanis, waajjirri boordichaa boordichumaan kan gurmaa'u ta'ee , barri hojii miseensa tokkoo waggaa ja'a ta'eera.
Akkaataa Labsii lakk.1133/2011'n boordichi Ga'ee fi Aangoo kanatti aanan ni qabaata.
Aangoo fi Ga'ee Boordichaa:-
1. Filannoo fi refirandamii kamuu akkaataa Heera Mootummaa fi Seera Filannootiin loogii malee raawwachiisuu
2. Hawaasa Siivilii filattootaaf barnoota kennaniif eeyyama kennuu, hordofuu fi to'achuu
3. Paartilee siyaasaa galmeesuu, akkaataa seeraan hordofuu fi to'achuu
4. Ulaagaa maallaqni paartilee siyaasaaf ittiin kennamu baasuu fi akkaataa ulaagichaan deggersicha qooduu
5. Yeroo filannoo paartilee siyaasaaf akkaataa itti fayyadama miidiyaalee murteessuu
6. Daangeffama naannoolee filannoo ilaalchisee qorannoo geggeessuun Mana Maree Federeeshiniif yaada murtoo dhiyeessuu
7.Taajjabdoota filannoof eeeyyama kennuu, hordofuu fi to'achuu
8. Waajjiraalee damee Boordichaa naannoolee hundaa fi sadarkaalee bulchiinsaa sanaa gad jiraniitti gurmeessuu
9. Haala filannoowwan sadarkaa sadarkaa fi yeroo yeroon karaa bilisaa fi heerawaa ta'een itti geggeeffaman mijeessuu fi mirkaneessuu
10. Sanadoota filannoo geggeessuuf barbaachisan qopheessuu fi raabsuu
11. Itti gaafatama seera kanaa fi seerota biroon kennaman ba'achuuf qajeelfamoota barbaachisoo ta'an baasuu
12. Bilisummaa fi al-loogummaa raawwachiistota filannoo mirkaneessuu fi raawwachiisa filannootiin dhiibbaa irra ga'u ittisuu
13. Baay'ina buufataalee filannoo filannicha geggeessuuf barbaachisanii murteessuu
14. Naannoolee fi buufataalee filaannoo filannicha raawwachiisuuf barbaachisan guutuu biyyattiitti gurmeessuu
15. Raawwachiistota filannoo bilisa, ga'oo fi amanamummaa uummataa qaban fo'uu fi leenjisuu
16. Ragaalee filannoo fi paartilee siyaasaan wal qabatan walitti qabuu fi cimsuu; raawii seerota filannoo gamaaggamuun dhimmoota fooyya'iinsa barbaadan adda baasuun qaama ilaallatuuf dhiyeessuu
17. Waltajjii waloo paartilee siyaasaa qindeessuu
18. Bu'aalee filannoo mirkaneessuu fi ifoomsuu
19. Komiiwwan adeemsa filannoo dhiyaataniif furmaata bulchiinsaa kennuu
20. Adeemsa filannoo keessattii cabiinsi seeraa bu'aa filannoo irratti dhiibbaa fidu raawwatameera jedhee yoo amanu bu'aa sana haquu fi irra deebiin filannoo geggeessuu, akkasumas namoota adeemsa filannoo irratti seera cabsan, waliin dhahan yookaan nageenya boooressan seeraan gaafachiisuu
21. Bajeta qopheessee Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dhiyeessuun raggaasisuu fi hojiirra oolchuu
22. Gabatee yeroo filannoowwan sadarkaa sadarkaan geggeeffamanii qopheessuu, raggaasisuu, akkaataa barbaachisummaa isaatti fooyyessuu fi raawwii isaa hordofuu
23. Gabaasa raawwii hojii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dhiyeessuu
24. Bu'uura Seera kanaa fi seerota biroon itti gaafatama kennameef ba'achuuf gochaawwan barbaachisan kamuu raawwachuu.
Isinoo Filannoo Waliigalaa 7ffaaf qophooftanii??
Filannoo Qofaan!