Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ

  • Home
  • Ethiopia
  • Addis Ababa
  • Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ

Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Mirgi Bakka bu’iinsii fi fayyadamummaan isaanii mirkanaayee arguudha.

Women and Childrens of Oromia to see their Right to Representation and benefits guaranteed. Dubartootaa fi Daa’imman Naannoo Oromiyaa Mirgi bakka bu’iinsii fi fayyadamummaan isaanii gama Diinagdee , Hawaasummaan fi Siyaasaa keessatti mirkanaayee arguu dha.

Hojiin tajaajila tola ooltummaa abdii lammiilee deebisuun dabalatatti rakkoo hawaasummaa fi diinagdee bu’a qabeessa ta’e...
27/08/2026

Hojiin tajaajila tola ooltummaa abdii lammiilee deebisuun dabalatatti rakkoo hawaasummaa fi diinagdee bu’a qabeessa ta’een furmaata kennaa jira- Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa

Hagayya 21/2018 (ENA): Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa akka ibsetti hojiin tajaajila tola ooltummaa abdii lammiilee deebisee dammaqsuuf gargaaruu qofa osoo hin taane rakkoo hawaasummaa fi diinagdee bu’a qabeessa ta’een furmaata kennaa jiraachuu ibseera.

Biiroon kun ji’oota Gannaatti qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun tajaajila tola ooltummaa bal’aa gaggeessaa jiraachuu ibseera.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa ENAtti akka himanitti, tajaajilli tola ooltummaa abdii lammiilee deebisee dammaqsuuf gargaaruu qofa osoo hin taane rakkoo hawaasummaa fi dinagdee bu'a qabeessa ta'een furmaata kennaa tureera jedhani.

Ji’oota Gannaa keessa seektaroota sadarkaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjechuun manneen haaraa kuma 20 ijaaramuu fi manneen kuma 19 suphamuu isaanii biiroon kun ibseera.

Bifuma wal fakkaatuun daa’immanii fi dargaggoota miliyoona 3.7’f meeshaalee barnootaa godinaalee irraa eegalee karaa caasaa mootummaatiin dhiyeessuuf bifa qindoomina qabuun hojjechaa jiraachuu kan ibsan yoo ta’u kunis abbootii qabeenyaa fi kutaalee hawaasaa adda addaa waliin ta’uunkan raawwatame akka ta’e ibsani.

Bara kanas manneen 156,000 ol haaromfamuun fayyadamtootaaf dabarfamuu isaa itti gaafatamtuun kuni himaniiru.
Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Godina Baalee Aadde Roobdaa Jaarsoo gama isaaniin, yeroo Gannaa tajaajila tola ooltummaa Godinicha keessatti raawwatamee namoota harka qalleeyyii fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Keessattuu barattoonni umuriin isaanii barnootaaf gahe sababa meeshaalee barnootaa bitachuu dadhabuun barumsa akka adda hin kunneef meeshaaleen barnootaa barattoota kanneeniif kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii tajaajila tola ooltummaa yeroo Gannaa Godinicha keessatti hojjetamaniin manneen haaraa 542 ijaaramuu, manneen 698 suphamuu isaanii eeraniiru.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Magaalaa Jimmaa Aadde Caaltuu Awal akka himanitti, ji'oota Gannaa keessa hojii tajaajila tola ooltummaa gosa 12’n caalaalee sadarkaa adda addaan jiraniin raawwachaa jirra jedhani.

Barattoonni meeshaalee barnootaa keessumaa dabtara, yuunifoormii fi boorsaa barattootaaf deeggarsi taasifameera jedhan Hoggantuu kun. Kan biraan Manneen kuma 5 fi 500 suphamuu fi haaromfamuun hojjetamaa jira jedhan.

Kana malees, haadholii rakkoof saaxilamoo ta’aniif saawwan aannanii, hoolaa, re’ootaa fi lukkuuleen kennamuu ibsaniiru.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Godina Wallagga Bahaa Aadde Almaaz Moosisaa akka himanitti, haadholii maanguddootaa fi lammiilee rakkoof saaxilamoo Godinicha keessa jiran suphaa manaa fi manneen haaromsuun hojjetamaa jira jedhani.

Akkasumas barattoota kuma 33 ta’aniif meeshaalee barnootaatiin deeggarsi taasifameera jedhan.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Maddi!Ethiopia News Agency Afaan Oromoo

Tumsaa Hawaasaa Badhaadhinaa Biyyaalessaaf!
26/08/2026

Tumsaa Hawaasaa Badhaadhinaa Biyyaalessaaf!

" Tajaajillii lamummaa Hawaasummaa walootiif"
25/08/2026

" Tajaajillii lamummaa Hawaasummaa walootiif"

Harma Hoosisuun Jalqabbii Jireenyaa Itti Fufiinsa Qabuuf!==Harma hoosisuun dhimma fayyaa qofa osoo hin taane, ijaarsa hu...
25/08/2026

Harma Hoosisuun Jalqabbii Jireenyaa Itti Fufiinsa Qabuuf!
==

Harma hoosisuun dhimma fayyaa qofa osoo hin taane, ijaarsa humna namaa fi dhaloota egeree horachuu keessaa isa tokko dha. Daa'imman harma haadhaa hoosisuun guddina qaamaa, guddina sammuufi ittisa dhukkubaa keessatti gahee olaanaa kan qabu yoo ta'u, kun immoo yeroo dheeraa keessatti barnoota, dandeettii hojii fi oomishtummaa dhalootaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Kanaaf, har'a daa'imman harma haadhaa argatanii akka guddatan deggersaa garagaraa taasisuun akka tajaajila fayyaa har’a kennamu qofa osoo hin taane, dhaloota boruu irratti hojii bu'uuraa har'a hojjatami jedhamee ilaalamuu danda’a.

Kana milkeessuufis mootummaan dhaloota fayyaa fi humna qabu ijaaruuf fayyaa daa’immaniitiif xiyyeeffannoo kennuun hojiiwwan hedduu hojjachaa jira. Keessumaa daa’imman ji’oota 6 jalqabaa harma haadhaa qofa akka argatan gochuufi hojjettoota fayyaa fi hojjettoota ekisteenshiini fayyaa leenjisuu, haadhotaaf gorsaafi deggersa kennuudhaan hojiilee bu'a qabeessi hojjetamaa jiru.

Dabalataanis daa'imman haadha itti dhiyeenyan argachuu akka danda'aniif bakka hojiitti iddoo daa’imman itti kunuunfaman hundeessuun xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan torbeen kabaja harma horsisuu Addunyaa Naannoo Oromiyaa bara 2018 mata duree "Harma Hoosisuun Jalqabbii Jireenyaa Itti fufiinsa Qabuuf!" jedhuun magaalaa Sabbataatti sirnoota garagaraan kabajamee jira.

keessumaa Waggoottan darbanitti du'aatii daa'immanii fi du'aatii haadholii hir'isuu irratti hojii bal'aa hojjetameen tarsimoleen kunneen bu'a qabeessa ta'uu mirkaneeffanneerra jedhan.

Gama birootiin iddoo tursiisa daa'imman hundeessuudhaan hojiile bu'a qabeessi hojjetamaa jiraachuu kaasanii kunis caalmaatti bakka hundatti babal'achuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajilii Lamummaa humna Walootiif!!!
20/08/2026

Tajaajilii Lamummaa humna Walootiif!!!

Dhaloota Dijiitaalome Ijaarsa Biyyaa Amansiisaaf!👨‍🎓👨‍🎓👨‍🎓👨‍🎓Paarlamaan Daa'immanii  dimokiraasii shaakaluun dhimma biyy...
19/08/2026

Dhaloota Dijiitaalome Ijaarsa Biyyaa Amansiisaaf!
👨‍🎓👨‍🎓👨‍🎓👨‍🎓
Paarlamaan Daa'immanii dimokiraasii shaakaluun dhimma biyyaa akka hubatan gargaara jedhamee
**
Barnoota saayinsii fi teeknoojiin dhaloota ga'oomee fi sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta'e horachuun cinatti daa'imman sirna bulchiinsaa shaakaluun biyya ijaaruu keessatti abdii boruu akka ta'uu danda'aniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Paarlamaa daa'immaniis hundeessuun sirnaan irratti hojjetamaa jirachuu Dareektoreettin Mirgaa fi kunuunsa Daa'immanni Addee Mariyamaa Amaannoo himani jiru.

Guyyaa har'aas paarlamaan daa'immanii Naannoo OromiyaaYaa'ii Waggaa 2ffaa Bara hojii 3ffaa Magaalaa Adaamaatti xumuruun Magaalaa Adaamaatti Daawwannaa Gidduugala to'onnoo kaameeraa fi gidduugala bilbila bilsa 9141,Areena eeddoo tajaajilaa hundi itti kennamuu Daawwataniruu
====================================
Af-yaa'iin paarlamaa daa'immanii barattuu Hayat Mohammad fi miseensonni paarlaama dawwannaa irratti yaada kennanin Mootummaan mirgaa fi nageenyaa Daa’immaan kabachisuu fi eegsisuun ,abdii Dhaloota eegeree uumuu keessatti qulqullinaa barnootaa eegsisuun Dhaloota waa uumuu danda'uu fi biyyaa isaaf shoora guddaa gummachuu bu'a buusuu danda'u gama Mootummaatiin hojiilee ammayya'ummaa teknoolojii tajaajilaaf olan dawwataniin gammaddoo ta'u fi eeggeree biyyaa dhalootaaf mija'aa ta'uuf hojileen hojjetama jiran abdachiisaadha ta'uu ibsani jiru

"Abdii haa dhaabnuu!☘️☘️☘️☘️☘️☘️☘️☘️Paarlamaan Daa'imanii Magaalaa Adaamaatti Yaa'ii isaa gaggeessaa ture  dhaabi biqilt...
19/08/2026

"Abdii haa dhaabnuu!
☘️☘️☘️☘️☘️☘️☘️☘️
Paarlamaan Daa'imanii Magaalaa Adaamaatti Yaa'ii isaa gaggeessaa ture dhaabi biqiltuu Mana barnootaa Letenaal koroneel Dajanee Simee sad .1ffaa raawwateera.

Yaa'ii paarlamaa Daa'immanii Naannoo Oromiyaa Suuraadhaan
19/08/2026

Yaa'ii paarlamaa Daa'immanii Naannoo Oromiyaa Suuraadhaan

Adaamaa 12/12/2018Yaa'ii paarlamaa Daa'immanii Naannoo Oromiyaa Waggaa 2ffaa Bara hojii 3ffaa Magaalaa Adaamaatti gaggee...
18/08/2026

Adaamaa 12/12/2018
Yaa'ii paarlamaa Daa'immanii Naannoo Oromiyaa Waggaa 2ffaa Bara hojii 3ffaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamee jira
+++++
Paarlaamaa Daa’immanni hundeessuun Daa’imman Mirga heeraan kennameef,Mirgaa Dhimmoota isaan ilaaltan irratti hirmaachuun sagalee isaanii dhageessifachuu,gaafii isaanii deebii gahaa argachuu,Mirga dimookraasii akka shakaalan hojileen gurguddoon hojjatamaniiruu!!!!
==
Miseensoonni paarlamaa Godinaalee fi Magaaloota irraa dhufan hirmaana ho'aa ta'een Naamusaa gariitiin Abdi boruu biyyaa ta'u isaani mirkaneessaniruu,

''Paarlaamaan Daa'immanii ijoolleen sirna dimokiraasii shaakalaa akka guddatan gumaachaa jira''- Aadde Maabraat Baacaa H...
18/08/2026

''Paarlaamaan Daa'immanii ijoolleen sirna dimokiraasii shaakalaa akka guddatan gumaachaa jira''- Aadde Maabraat Baacaa Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaa

Yaa'iin Paarlaamaa Daa'immanii Naannoo Oromiyaa waggaa 2ffaa Bara Hojii 3ffaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa yaa'icharratti haasaa baniinsaa taasisaniin, biyyi dhalootan kan ijaaramtu ta'uu kaasanii, badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf daa'imman abdii egeree biyyaa ta'an mirgaafi nageenyasaanii eeguun kunuunsa barbaachisaa taasisuun dirqama qaama hundaa ta'uu himan.

Paarlaamaan Daa'immanii Naannoo Oromiyaa hundaa'uusaatiin daa'imman sirna dimokiraasii shaakalaa akka guddatan ta'aa jiraachuus dubbatanii, kunis dimokiraasii jechaan itti himuu qofa osoo hin taane gochaan hirmaatanii dimokiraasii dhugaa akka lafa qabsiisan kan taasisu ta'uu ibsaniiru.

Paarlaamaan daa'immanii hundaa'e kun mirgaafi nageenya daa'immanii kabachiisuuf hojjataa jiraachuus dubbataniiru.

Af-Yaa'iin Paarlaamaa Daa'immanii Naannoo Oromiyaa barattu Haayat Mohammad gamasaaniin, Paarlaamaan Daa'immanii Naannoo Oromiyaa sagaleen daa'immanii akka dhaga'amu akkasumas mirgaafi nageenyisaanii akka kabajamu mootummaa waliin qindoomuun hojjachaa jiraachuu himaniiru.

Paarlaamichi hojii hanga ammaatti hojjateenis jijjiiramni dhimma daa'immaniirratti argame kan jajjabeeffamu ta'uus ibsanii, rakkoo daa'immanirra gahu ittisuun fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf obbolummaa, jaalaalaafi tokkummaan hojjachuun barbaachisaa ta'uus dubbataniiru.

Yaa'ii kanaanis raawwii hojii bara 2018 gamaggamuun, karoora bara 2019 irratti mari'atamaa jira

Address

Sarbet
Addis Ababa
1000

Telephone

+251993307288

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ:

Shortcuts

Share