02/07/2026
Konfiraansiin Paartii Badhaadhinaa kan Kurmaana 4ffaa Bara 2018 Gaggeeffame.
Waxabajjii 25/2018,Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Koolfee Aanaa 06tti konfiraansiin paartii badhaadhinaa kan kurmaana 4ffaa bara 2018 bakka koree Qindeesstuu Aanaa Hoggansa Aanaafi Miseensonni paartichaa argamanitti gaggeeffamee jira.
Konfiraansii kanarrattii argamuun haasaa baniinsaa kan taasisaan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Aanaa Kolfee Aanaa 06,Obboo Abarraa Nata'a,Paartiin Badhaadhinaa paartii milkaa'inoota gara carraatti jijjiiruun injifannoowwan adda addaa galmeessaa jiru ta'uu himanii Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa taateetti ceesisuuf milkaa'inoota gama nageenyaa,misoomaafi siyaasaatiin galmaa'aa jiru daran cimsuun itti fufsiisiisuun imaanaa uummanni sagalee isaatiin nutti kenne galmaan gahuu qabna jedhani,Konfiraansii kana kanneen kanaan duraa irraa kan adda godhu,filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa karaa nagaa, diimokiraatawaa fi haqa qabeessa ta'een gaggeessinee olaantummaa yaadamaa paartii keenyaatiin xumuruun injifannoon booda gaggeessa jiraachuu keenyadha jedhani jiru.
Saganticha irrattis gabaasni hojii waliigalaa paartii badhaadhinaa kurmaana 4ffaa Aanichaan hojjatame karaa Itti Gaafatamaa Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Koolfee Aanaa 06,Obboo Indriis Yimaam dhiyeessani jiru.Obbo indiriis hooggansi aanaa bara baajataa 2018 keessatti miseensotaa fi deeggartoota waliin qindoominaan hojjechuun barbaaachisaadha.Paartiin keenya karaa itti fufaa ta'een waggoota shanan dhufaniif uummata bal'aa ba'ee nu filateef mudhii keenya hidhannee garaa guutuudhaan tajaajiluutu nurraa eegama jedhani itti dabaluun,Addatti immoo qulqullinaa fi dhugummaa hojii hojjetame mirkaneessuu,malaammaltummaa fi hojimaata badaa ifatti falmuu,hojii ijaarsa dandeetti cimsuun tokkummaa yaadaa fi gochaa hoggantootaa fi miseensotaa gidduutti uumuun murteessaa ta’uu eerani,Yaadaa fi Imaamata Paartii Badhaadhinaa hawaasa bira akka ga’u taasisuuf hojii miidiyaa fi komunikeeshinii gurmaa’ee cimsuun,ajandaa humnoota malaammaltummaafi kaayyoo humnoota badii fashaleessuu danda’u irratti xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu dhaamsa dabarsaniiru.
Saganticha irrattis gabaasa kurmaana 4ffaa Aanichaa Itti Gaafatamaan Inispeekshinii fi Naamusaa Bulchiinsa Koolfee Aanaa 06,Obboo Darajjee Fikaduu dhiyeessaniiru.Paartiin Badhaadhinaa kaayyoo badhaadhina biyyaalessaa galmaan ga’uuf dhaabbata paartii cimaa,hooggansa fi miseensota naamusa gaarii qabanii fi sirna dhaabaa eegsisan ijaaruun murteessaa ta’uu ibsaniiru.Akkasumas fayyummaa dhaabaa fi naamusa dhaabaa mirkaneessuuf kutannoon hojjechuun akka barbaachisu dhaamani jiru.
Dhuma Irrattis Miseensooni paartichaasi karaa ifa ta'een yaada kennaniiru.