Oromia President Office

Oromia President Office Oromia President’s Office — Official page
(203)

Kaayyoon Haaromee baadiyyaa magaalaa fakkeessuu miti; ammayyummaa gara baadiyyaatti geessuudha! Pirezidaantii MNO, Shima...
14/08/2026

Kaayyoon Haaromee baadiyyaa magaalaa fakkeessuu miti; ammayyummaa gara baadiyyaatti geessuudha! Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa

Qabeenyi umamaa, humnoonni dinagdee baadiyyaa naannoo keenya keessa jiran gara qabeenya qabatamaatti jijjiiramuu hindandeenye. Qaawwi misoomaa magaalaafi baadiyyaa gidduu jiru baldhachaa dhufeera. Ce’uumsi Oromiyaa dhugoomuuf, ce’uumsi baadiyyaa dursee dhugoomsun mala filannoo qabu miti.

Akka hoggansa jijjiiramaatti, hudhaa dinagdee keenyaa kana furuuf yaadama kana hordofu ifatti keenyerra. Deebiin keenya baadiyyaan bakka irraa baqatamu osoo hintaane bu’uura misoomni irraa ijaaramu ta’uu qaba kan jedhuudha. Kanas sagantaa maqaa HAAROMEE jedhuun mogga’een hijiirra oolchaa jirra. Haaromeen wiirtuulee ce’umsa baadiyyaa gandoota naannoo keenyaa mara keessatti pilaaniidhaan hundeessaa jirrudha. Kanaaf, Haaromeen pirojektii ijaarsaa qofa osoo hintaane, jijjiirama yaadama misoomaafi ce’umsa baadiyyaa irratti hundaa’eedha.

Tarsiimoo ammayyoomsa baadiyyaa Oromiyaan qabatee socho’aa jiru kanaan, Giddugalawwan Guddina Baadiyya Haaromee ijaaramaa jiru. Lafti baadiyyaa magaalota tarsiima’oo jala jiruuf ‘mandara qonnaan bulaa ammayyaa’ (agropolitan village) yoota’u, baadiyyaa fagootiif ammoo 'Haaromeetu ijaarama jira. Haaromeen mandara xixiqqaa amala ammayyummaa qaban, gandoota baadiyyaa hundatti keessatti ijaarudha.

Kanaanis baadiyyaan naannawa humni dargaggeessa carraa hojii dhabuun keessaa baqatu osoo hintaane, haala dandeessisoo achumatti hojii uummachuun danda’amu kan taasisudha. Galma qabameen haaromeefi mandaroonni qonnaan bulaa tajaajila ammayyaan kan walsimanidha.

Adeemsa kanaan, magaalonni gurguddaan giddugala al-ergii yoota’an, mandaroonni qonnaan bulaa ammayyaafi haaromeen gama isaanitiin gara giddugala omishaafi kurfeessaa(Processing)tti ce'uu danda’u.

Gaheen Haaromee inni biroo dinagdee baadiyyaa damdaneessa taasisuudha. Inisheetiviin indastirii godoo magaalaatti jalqabame, akkuma mandaroota qonnaa ammayyaa, gara haaromeettis kan babal'ifamudha. Hojiileen daldalaafi dhaweessummaa waliin walqabatanis haaromee keessatti kan jajjabeeffaman ta'u.

Adeemsa kanaan, kaayyoon Haaromee baadiyyaa magaalaa fakkeessuu miti. Ammayyummaa gara baadiyyaatti geessuudha. Ammayyummaa jechuun gamoo dhaabuu qofa miti. Ammayyummaa jechuun bu’uuraalee misoomaa, tajaajila hawaasummaa, dhaabbilee faayinaansiifi haqaa, gabaa, akkasumas wiirtuulee oomishtummaafi hojii balbala qoteefi horsiisee bulaatti qaqqabsiisudha.

Suuraa: Qa'ee Qonnaan Bultoota Dongoorree Furdaa

Gamoon Bulchiinsa Godina Jimmaa, seektaroota mootummaa 16'fi kutaa hojii 125 iddoo tokkotti hammate, Pireezidaantii Itti...
13/08/2026

Gamoon Bulchiinsa Godina Jimmaa, seektaroota mootummaa 16'fi kutaa hojii 125 iddoo tokkotti hammate, Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiitiin eebbifamee hojii eegaleera.

Sirna eebba kana irratti haasaa kan taasisan Obbo Awwaluu Abdiin, kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun, saffisaa, qulqulluufi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan kenna tajaajilaa keessatti rakkoowwan hawaasa mudatan sirnaan furuuf, caasaalee mootummaa sadarkaa naannoo irraa hanga gandaatti jiran haaromsuun, sirna hojii iftoominaa, itti gaafatamummaafi bu’a-qabeessummaa irratti hundaa’e diriirsaa jiraachuu isaa himaniiru.

Itti dabaluunis, caasaa mootummaa bifa ammayyaa qabuun gurmeessuun qofa gahaa akka hin taane kaasuun, sirni mootummaa ummataaf tajaajilu, tajaajila qulqulluufi saffisaa kennuu, yeroofi baasii ummataa qusachuu, akkasumas rakkoo tajaajilaa hundeerraa furu danda’u ijaaramuu akka qabu himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenniinsa tajaajilaa akka qaama bu’uuraa bulchiinsa gaariifi fayyadamummaa ummataatti ilaala. Kanaaf, ijaarsa bu’uuraalee tajaajilaa, ce’umsa dijitaalaa, tajaajila iddoo tokkoofi haaromsa caasaa mootummaa walitti fiduun, sirna tajaajilaa ummata giddugaleessa godhate cimsuuf hojii isaa itti fufa jira.

Gamoon eebbifamee kun baasii Birrii bil. 1.1’n ijaaramee, tajaajila dijitaalaafi waraqaa irraa bilisa ta’e babal’isuuf haala mijataa kan uumu ta’uu isaa ibsameera.

12/08/2026
Galmoota gurguddoo Mootummaan Jijjiiramaa misooma qonnaatiin milkeessuuf qabate keessaa tokko al-ergii guddisuun sharafa...
11/08/2026

Galmoota gurguddoo Mootummaan Jijjiiramaa misooma qonnaatiin milkeessuuf qabate keessaa tokko al-ergii guddisuun sharafa alaa argamsiisuudha. Kunis dinagdee damdaneessa ijaaruufi badhaadhina maatiifi hawaasaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan ce’umsaa isaa ijoodha.

Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, tarkaanfiiwwan Ce'umsa Qonna Oromiyaa dhugoomsuuf fudhataman keessaa Inisheetivii Avokaadoo sanyii filatamaafi al-ergiif mijatuu, Labsii Ada’aatiinn bara 2011 eegale isa tokko. Inisheetiviin kun avokaadoo sanyii Haas dabalatee, sanyiiwwan gabaa addunyaa irratti barbaadaman, ariitii, qulqullinaafi baay’inaan akka omishaman, akkasumas gabaa biyya alaa irratti barbaadamaa ta’anii akka dhiyaatan haala mijataa umeera. Kanaafis, biqiltuu avokaadoo sanyii filatamaa baay’inaan dhiyeessuufi haala qilleensaa fi lafa Oromiyaa wajjin madaqsuun qonnaan bultootaaf carraa galii haaraa uumeera.

Hojii waggoottan darban keessatti Inisheetivii avokaadoo irratti hojjetameen omisha qonnaa babal’isuun, gabaa biyya keessaa cimsuun, al-ergii guddisuufi sharafa alaa argamsiisuun danda’ameera.

Kun bu’aa inisheetivii qonnaa qofa miti; bu’aa yaadama "Hoggansa Jijjiiramaa" gara hojii qabatamaatti hiikamee, badhaadhina maatii mirkaneessuuf sirna omishtummaa diriirseti.

Suuraa: Omisha Avokaadoo Godina Buunnoo Baddallee, Aanaa Gachii

Filannoowwan liinkii armaan gadii tuquun toora odeeffannoo waajjirichaa isa sirrii hordofaa.

WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VbAtskm0QearlRd2sD2V

Telegram: https://t.me/oromipresident

Website: https://www.oromia.gov.et/om

Facebook: https://www.facebook.com/Oromiapresident.office

11/08/2026
Karoorri Of-danda'uu hirmaannaa ummataa addaan hin cinne, cimina hoggansa sadarkaan jiruufi dhaabbilee mootummaa bu'a qa...
10/08/2026

Karoorri Of-danda'uu hirmaannaa ummataa addaan hin cinne, cimina hoggansa sadarkaan jiruufi dhaabbilee mootummaa bu'a qabeessa ta'aniin dhugooma! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Milkaa'inni waggoota jijjiiramaa Karoora Xiiqii keessatti galmaa'e xumura imalaa miti; bu'uura ce'umsa mootummaafi dinagdee sadarkaa itti aanuutti nu ceesisuudha. Bara hojii 2019 irraa eegalee, Mootummaan Naannoo Oromiyaa "Karoora Of-danda'uu" hojiirra oolchuun murannoodhaan hojjachaa kan jiru yoota'u, Oromiyaa bajataan, nyaataan, nageenyaan, bu'uuraalee misoomaatiin, humna namaafi hoggansaatiin ofdandeessee dhaabbattu ijaaruuf karoorri sirrii bahee hojiirra oolaa jira. Kaayyoon mootummaa naannichaa injifannoo argame eeguu qofa osoo hinta'iin, gullantaa ol'aanaatti ceesisuun guddina ittifufiinsa qabu mirkaneessuudha.

Ce'uumsi kun guddina dinagdee qofarratti kan xiyyeeffate miti. Dhaloota dorgomaa horachuu, ummata dinagdeen aangessuu, mootummaa ammayyaafi bu'a qabeessa ijaaruu, akkasumas dhaabbilee mootummaa dandeettii raawwachiisummaa olaanaa qaban uumuu irratti hundaa'a.

Bu'uuruma kanaan, jijjiiramni qabatamaan lakkoofsa raawwii hojii qofaan hin madaalamu; hanqinoota caasaa hiikuudhaan, hoggansa ga'umsa qabu ijaaruudhaan, akkasumas sirna mootummaa ummata tajaajiluu dhugaan diriirsuudhaan kan madaalamuudha. Kanaafis, raawwiin hojii hundi qabeenya qabnu, carraa qabnuufi humnoota misoomaa keenya waliin walsimsiifamee kan madaalamuudha. Kunis humna mootummaa, humna ummataafi humna badhaadhina maatii walitti qindeessuun, ce'umsa dinagdeefi mootummaa ariifachiisuun, mootummaan xiyyeeffannoon irratti hojjataa jira.

Walumaagalatti, milkaa'inni Karoora Of-danda'uu hirmaannaa ummataa addaan hincitne, cimina hoggansa sadarkaan jiruufi dhaabbilee mootummaa bu'a qabeessa ta'aniin kan dhumoodha. Bu'aan isaas kan madaalamu, Oromiyaa of dandassee, dorgomtuufi badhaate ijaaruun ta'a.

Fedhiifi gaaffii ummata keenyaa ittifufiinsan deebisuuf ummanni keenya jaarmiyaafi caaseeffama jalatti qindaa'uufi jabee...
08/08/2026

Fedhiifi gaaffii ummata keenyaa ittifufiinsan deebisuuf ummanni keenya jaarmiyaafi caaseeffama jalatti qindaa'uufi jabeessuu qaba. Akkasumas, akka ummataatti fedhii waloo tarsima'aas qabaachuu qaba! MM Abiyyi Ahimad(PhD)

Gaaffiifi fedhiin qaama kamiiyyuu guutummaatti raawwachuufii kan danda'u karaa nagaa qofaani. Kanaafis har'allee balball...
08/08/2026

Gaaffiifi fedhiin qaama kamiiyyuu guutummaatti raawwachuufii kan danda'u karaa nagaa qofaani. Kanaafis har'allee balballi nagaaf saaqame banaadha.

Qaamni seeraan ala hidhatee socho'u waamicha nagaaf owwaatee galuun yaadasaa ummataaf dhiheessuu danda'a. Kanarra darbees filannoorratti seera qabeessarratti himaatee sagalee caalmaa yoo argannaan fedhiisaa guuttachuu danda'a; garuu humnaanan fedhii koo guuttadhaan kan jedhu yaada yeroo ammaa waliin deemuu hin dandeenyedha.

Qaamoleen Naannoo Oromiyaafi naannoo biroo keessa seeran ala hidhatanii socho'an waliin yeroo garaagaraatti mari'anneerra, marii kana hordofees warreen qabsoo karaa nagaa filachuun galanis danuudha warri ammallee hin galles jiru.

Murni Shaneefi riphee lolaa Itoophiyaa keessa socho'an kamuu humna qaxaramaadha kaayyoofi galma hin qabneedha. Haata'u malee qama qalbii jijjiirrateef ammallee gama mootummaan balballi nagaaf saaqame banaadha.

Fedhiifi rakkoowwan heddu biyya keenya keessa jiraniif mariin biyyalessaa karaa sirriidha. ‎Seerri marii biyyaalessaa keessaa ba'u hunda bita. ‎Booranni bilisummaan seeraa, seerri ammoo nageenya jedhe amanaa. Biyya tokko keessaa rakkoo jiru hiikuuf marii murteessadha. ‎Dhimmoonni mariin murtee argatan ammoo, olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. ‎Olaantummaa seeraa guutummaatti mirkaneessuufis seerri tumamuufi bocamuu kan qabu mariidhaan qofa.

‎Itiyoophiyaattis seera tumamuufi bocamuuf yeroo ammaa mariin biyyaalessaa mari’atamaa jira. ‎Marii biyyaaleessaa kun qaamolee hunda hirmaachisuun fedhii namoota hedduu waan hammatuuf seerichaan buluunis fedhii namoota baayyee ta'a. - MM Abiyyi Ahimad(PhD)

Hojiin koo Oromoo boossisuu miti; gaheen koo Oromoo gara injifannootti geessuudha! MM Abiyyi Ahimad(PhD)MM FDRI Abiyyi A...
08/08/2026

Hojiin koo Oromoo boossisuu miti; gaheen koo Oromoo gara injifannootti geessuudha! MM Abiyyi Ahimad(PhD)

MM FDRI Abiyyi Ahimad(PhD) dhimmoota siyaas-dinagdeefi hawaasummaarratti OBN waliin turtii taasisani ibsa kan kennan yoota'u, adeemsi sabboonummaa kaleessaa boo’anii boossisuudha; yaadamni ida’amuu garuu adeemsa kana jijjiiruun Oromoo gara injifannootti kan geessaa jiru ta'uu akeekan.

Haasaa isaanii ittifufuun, hojiin koo Oromoo boochisuu osoo hintaane, Oromoo saamameefi hacuucamee ijaaree gara injifannootti geessuu ta'uu dubbatan.

MM Abiyyi ittifufuun, yaadamni "Ida’amuu" Sirna Gadaa bu’uureffachuun adeemsa sabboonummaa Oromoo badiirraa kan deebise ta'uu himuun, yaadama kanaan sabboonummaan Oromoo ijaarsa biyyaalessaa, Afriikaafi addunyaaf waa gumaachuun guddummaa Oromoo kan mul’isu ta'uu eeran. Akkasumas, Ida'amuun siyaas-diinagdee biyyattii jijjiiruun sabdaneessummaafi misooma biyyaa ariifachiisaa jiraachuu himan.

Address

Addis Ababa
106917

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia President Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia President Office:

Shortcuts

Share