Tewodros Tesfaye

Tewodros Tesfaye peace And unity

04/07/2024
04/07/2024
04/07/2024

“Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira” Ministeera Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad
*******
"Cabiinsa damee barnootaan biyyattii mudate bu’uuraarraa jijjiiruuf hojjetamaa jira. Kanaanis manneen barnootaa idileen duraa kumni 30 ijaaramaniiru. Barattoonni hedduunis sagantaa nyaata barattootaan fayyadamtoota ta’aniiru. Sirnii barnootaa hirmaachisaa akka ta’uuf keessattuu manneen barnootaa qaroo dhabeeyyii ijaaruun tajaajilaaf oolchuun danda’ameera "

04/07/2024

Fonqolchi mootummaa Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu hinmilkaa’u-Dooktar Abiy Ahimad

Fonqolchi mootummaa Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu kan hinmilkoofne ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimma nageenyaa biyyattii ilaalchisuun ibsa paarlaamaaf kennaniin Itiyoophiyaan barootaa dheeraaf maraamartoo waraanaa keessa kan dabarte ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan wareegamaa nageenyaaf kaffalamu kamuu kaffaluuf qophii ta’uus kaasaniiru.

Yeroowwan darbanittis mootummaan nageenyaaf dursa kennuun gara bal’inaan fageenyaa dheeraa imaluu kaasaanii, Itiyoophiyaa keessaatti walitti bu’iinsaa fi waraanaan aangoo qabachuun gonkumaa akka hindanda’amnes dubbataniiru.

Itiyoophiyaaf kan wayyu yoomiyyuu nagaa fi karaa tasgabbaa’aan mari’achuun rakkoolee furuudha jedhan.

Keessumaa nageenyaa Naannoo Oromiya fi Amaaraa ilaalchisuun ibsa kennaaniin, qaamolee hidhatanii naannolee lameen socho’an karaa nagaatti akka deebi’aniif tattaaffiiwwan olaanaan hanga jaarsummaa itti erguutti mootummaan yaalii taasisuu ibsaniiru.

Ammallee rincicummaan kan mul’atu ta’us, mootummaan akkumaa yeroo kamuu mariidhaaf qophii ta’uu irra deebiin ibsaniiru.

"Kilaashii sadii qabatanii kiiloon 4 itti mul’atee kanneen sochii taasisan, wayita qimmiidaman ajjeechaa jumlaatii jedhu" kan jedhan Ministirri Muummee, mootummaan karaa qaroomeen mariidhaan akka furaman dursa kennuu akka dadhabinaatti ilaalanis, mootummaan kan kaleessaa caalaa jabaatee ijaaramuu himaniiru.

Fonqolchi mootummaas kana booda Itiyoophiyaa keessatti yoomiyyuu akka hinmilkoofnee kaasaniiru.

04/07/2024

Adeemsa jijjiiramaa ilaalchisee...
**********
"Dhimmoota bu'uuraa lamatu jijjirama biyyoolessaa kanaaf sababa ta'an. Tokko rakkoolee turan yoo ta'u, inni lammataa ammoo cabiisa yeroo ammaati. Kana irraa ka'uudhan rakkoolee turan marii biyyaalessaatin, dogoggirawwan turan ammoo haqaa ce'umsaatiin furuuf hojjetamaa jira. Rakkoolee yeroo ammaa jiran ammoo haaromsa dhaabbileetiin furmaata argachaa jiru.Haala kanaan milkaahina mul'achaa jiraniif beekamtii laachaa kanneen hafan irratti waliin hojjechuu qabna."

04/07/2024
Dhimma diinagdee ilaalchisee ibsa MM Abiy (Dr.) Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf kennan"Bara bajataa kana keessatti Iti...
04/07/2024

Dhimma diinagdee ilaalchisee ibsa MM Abiy (Dr.) Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf kennan

"Bara bajataa kana keessatti Itiyoophiyaan rakkoolee idil-addunyaatti mudatan dandamachuun qormaata gara carraatti jijjiirtee, damee hundaan milkaa'ina guddaa galmeessitee jirti. Ba'aa liqaa salphisuuf hojii guddaan hojjetameeraas jedhan. Ba'aa liqaa amma qabnu gara dhibbeentaa 17.5tti hir'isuu dandeenyeerra." kan oomisha waliigalaa biyya keessaa lakkoofsi kun gara dhibbeentaa 10n gadi buusuuf hojjechaa jirra" jedhan.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tewodros Tesfaye posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share