Agrometeorology Advisory

Agrometeorology Advisory Agrometeorology advice is a decision tool for our experts and farmers to increase product and productivity.

This page helps end users to understand use of Agrometeorology advisories release every ten day, monthly and seasonal.

  hir'ina nyaatan dhufu furudha.
04/06/2022

hir'ina nyaatan dhufu furudha.

 Namooni hedduun akkan ani waan dhibee   ka'umsa ta'eeti nahimatu. Garuu, eenyuu balleessani. BOSONA MANCA'ASUttu kana q...
04/06/2022


Namooni hedduun akkan ani waan dhibee ka'umsa ta'eeti nahimatu. Garuu, eenyuu balleessani. BOSONA MANCA'ASUttu kana qaba. Irra deebi'aa yaada, waliin haa jiraanu. Like fi share akka itti abdiin qaba.

Dear humans,
I know some of you may blame me for . But did you know? Deforestation and habitat loss have enabled this pandemic and other diseases that were once locked away in nature. Please, rethink the way you treat and act . Let's live together in harmony again! Signed, an upside down bat https://on.unesco.org/2ZbPawX

03/06/2022

Researchers are using drones and infrared technology to keep bread on the table.

A good progress
03/06/2022

A good progress

Chaayinaan Saatilaayitootta 9 gara hawaatti ergite

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Chaayinaan konkolaattoonni ishee nam-tolcheen odeeffannoo walitti qaban, odeeffannoo akka argataniif saatilaaytoota 9 gara hawaatti ergiteetti.

Saatilaayitoonni kunneenis hawaarraa qubachuun isaanii eerameera.

Saatilaayotoonni Chaayinaan ergite kunneen rookeetiin 'Longi maarchi-2C' jedhamuun giddugala furguggisa saatilaayitii Zaachaangitti argamurraa furguggifamuun eerameera.

Saatilaayitoonni furguggifaman kunneen konkolaattota nam-tolchee odeeffannoo waliitti qabanii fi bilbiloota moobaayilaa saatilaayitiin kan walquunnamsiisuudha jedhameera.

Kana malees, odeeffannoo qorannoo naannawaa fi galaanaaf ni gargaara jedhameera.

Chaayinaatti Akkaadaamiin Teekinooloojii Konkolaataa waggoota afuriin dura walhordofsiisuun saatilaayitoota fuguggisuu isaa CGTN gabaaseera.

Rookeetiin Longi Maarchi-2C si’a tokkotti saatilaayitoota hedduu erguudhaan rikoordii haaraa kan galmeesse yoo ta’u, si’aa 422 furguggifamuu eerameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Still   is challenge over   parts our region (May21-31-2022).
03/06/2022

Still is challenge over parts our region (May21-31-2022).

 ...............................................................Biiroo Qonna Oromiyaati, Daayirektoreetiin   (MM) leenji...
03/06/2022

...............................................................
Biiroo Qonna Oromiyaati, Daayirektoreetiin (MM) leenjiiwwan gabaabaafi ijoo ta'a mata-dureewwan:
1. Agroomiitiyoorolojii
2. Oomisha Boqolloo
3. Oomishaa Qamadii
4. Oomishaa Boloqqeefi Baaqelaa
5. Qabiinsa Oomishaa Boodaarratti abbooti adeemsaa misooma midhaanii godinaleewwan 21 irra dhufaniif bifa milkii qabuun kennun, dhumurratti hojiiwwan amma yoona gama bara hojii 2014/15 ti hojataman haala gadi fageenya qabun gamaggamaa jira. Xumurarratti Hojiiwwan gara fuuldurarratti hojatamanirratti kallattii ka'uun nixumurama jedhamee eegama.

03/06/2022
  Ji’a  ...................................................................................................................
03/06/2022

Ji’a ................................................................................................................................
Haala Idilee ta’een, ji’a waxabajjii yeroo roobni dursun godinalee lixaafi kibba lixa Oromiyarratti eegalu yoo ta’u, darana cimaa deemun, bakkeewwan ji’a Waxabajjii kana fayyadaman itti waliin gahuudha.

Ji’a Waxabajjii dhufu kanatti, taatewwan Miitiyoorolojii rooba gannaaf sababa ta’an jabachaa deemun godinaleewwan lixaafi g/galeessarratti rooba ’inaan fooyyee akka jiraatuufi walakkeessa ji’acha booda darana babal’achuu akka danda’amu ni’eegama.

Walumagalatti, ji’a dhufu kanatti, godinalee: Wallaggaa arfan, shawaa hunda, I/Abbaabor, B/Baddallee, Jimmaa, Arsiifi Arsii lixaa rooba dhiyaateefi darbee darbee bakka muraasatti idilee ol ni’argatu. Karaa biraatiin, Gujii, Gujii lixaa, Baalee, Baalee bahaa, Harargee lixaafi bahaa rooba amman salphaa ta’e akka argatan ni’eegama.
**Hojiiwwan hojatamuu qaban:
Godinaleewwan hanqina roobaa qabdaniifi ammas roobni amman salphaa ta’e eegamurratti hojiin jiidhinsa
 Bishaan roobaa argamuu maalu qabachuu (Rainwater harvest).
 Maloota adda addaa fayyadamuun fkn Taayirejii, hafaa hafuu.. jiidhinsi ooyirurra akka turu taasisuu
 Gorsa ogeessan lolaa haala ooyirruu hinmiinneen gara ooyirruu galchuu
 Roobni xiqqoon argamu gara haroowwaniif Eelawwanii galu taasisuu
 Jiidhinsa osoo hin mirkaaneffatiin facaasuu dhiisu, kana jechuun gaggeessuu dhiisu.
 Midhaan waqtii dhufuufi mijatu ammumarraa filachuu.
 Eegumsa biqiltuu cimsuu.
Godinaleewwan Roobni gahaa qabanirratti
 Qophii lafaa haala gaariin gaggeessuu
 Ooyiruun faca’ee ji’u akka lolaan hinmiidhamne eegu
 Facaasaa midhaan dheeraa haalan xumuruun keessaa bahu
 Midhaan faca’ee sadarkaa adda addarra jiru kununsuu ( aramaa, to’annoo dhibeefi ilbisootaa- cimsuu).
 Balaa lolaa illee mudachuu waan danda’uuf of eegannoo taasisuu

Gamaaggama Haala Rooba Ji’a Caamsaa 1-31-2022 darbee.......................................................................
02/06/2022

Gamaaggama Haala Rooba Ji’a Caamsaa 1-31-2022 darbee...........................................................................................................................
Akkuma kaartalee armaan gadirraa mul’atutti roobni ji’a Caamsaa 1-31-2022 godinalee:Qeelam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Wallagga bahaa, I/Abbaabor, B/Baddalleefi Jimmaarratti kan ture yoo ta’u, godinaleewwan hafan hundarratti akka ture ragaa xiinxalameeraa hubachuun danda’ameera.

Roobni ji’a caamsaa darbe kun godinalee arfaasaafi gannaa muraasarratti idileefi idileegadii ta’uun, midhaan duubatti harkifate faca’ee, amma sadarkaa adda addarratti jirurratti dhiibbaa guddaa qaba. Sababiin isaa addaan ciccitinsi roobaa bal’inaan waan mul’atee tureef midhaan akaakuun gara garaa kun fedhii bishaanii isaanii guutachuu hindanda’an. Akkasumas, godinaleewwan waqtii gannaa fayyadamanirrattis , facaasaa_midhaan_yeroo_dheeraafi_faca’ee jirrurratti dhiibbaa mataa isaa akka qabu nibeeka.

Address

Addis Ababa
8770

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Agrometeorology Advisory posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Agrometeorology Advisory:

Share