22/06/2026
Leenjiin Murteessummaa Ispoortii Teenisa Minjaalaa guyyoottan 10'f Kennamaa ture xumurame
Godina Shawaa Kibba Lixaatti Leenjiin murteessummaa ispoortii teenisa minjaala Sadarkaa 1ffaa walta'iinsa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaafi Waajjira Dargaggoof Ispoortii Godina Shawaa Kibba Lixaatiin guyyoottan kudhaniif kennamaa ture xumuramee jira.
Xumura leenjii kana irratti Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatti Ittigaafatamtuu Federeeshinii Ispoortii teenisa minjaala Aadde Loomii Addunyaa fi Ittigaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Taaddalaa Tasfaa argamaniiru.