Chem. 3rd yr MeU 2010 EC.

Chem. 3rd yr MeU 2010 EC. This group is essential only for a person who the case is involving.

09/08/2023
03/04/2022

Dubbisi dubbisuun bareeda.
☑☑☑☑☑☑☑☑☑☑☑
Ikaan kee namaa hudaaf onnee kee namaa tokkoof
Namaa tokkoo jaladhuu malee hin Amaniin
Sababbin isaas hangaa jalattu beeyta malee
hangaa inii sii jalatuu hin beeytu.

Gamachuu yeeroo gababiduuf jette kaaroraa
Kee yeeroo dheeraa hin baalesin.
Nama uf biraa dhabde kophaa kee taatus
Abdii hin kutatin namni Abdii qabu Rabbiin hin dhabu

Boolla tokkoo namaaf hin qootin qottes
Gaadi hin faagesin simatuu itti awwalamuu mala.
Hiriyyaa gowwatti iccitii kee hin himin bakka
taanetti si saaxilaati.

Namni namaa sitii hamatuu silee namaa
birootii akkaa hamatu hin dagatin.

Iccitii hiriyyaa keeti Nama birotti dabarisitee
hin latin sababiin isaa ishee hiriyyaa tiiyyaa

Jette wanii garaa ishee sitii hinatefi.
Waan hundumaa anumatuu beeka hin jedhin
Kan si caala beeku baay.etu jira.

Soba duubatte jalatamuu iraa dhugaa
Duubatte jiibamuu sii waaya saaban isaa

Soba dhumni isaa saliphina dhugaa immoo
Ulfina.
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

Waa sadii dhiisi

✅Abdii kuutachu
✅baadii hoojachu
✅Nama tuufachu

Waa sadii ta.uu yaalii

✅Arjaa
✅beekaa
✅Amanamumma

Waa sadii jiibbu qabda

✅gara jabeenya
✅uf tuulummaa
✅soba duubachu

Waa sadii jaabefadhuu

✅Amatti kee
✅Amala kee
✅Hojii kee
ijollen jimmaa essa jirturee?

Waan dubbiftaniif Galatoomaa
Ijoolee oromoo! ❤❤❤❤❤❤❤

Page kiyya Burtee Jimmaa like godhaa Shere naaf godha galatoom

03/04/2022

️JECHOOTA HAAYYOTAA
1) Mukni si caalaa hin dheeranne gaaddisa siif
hin ta'u, (Mozambique)
2) Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii
kufan, warra utuu homaa hin hojjetin milkaa'an
irra ni caalu!" (Looyid Joons)
3) "Yoo dandeesse barrisi,yoo barrisuu
dadhabde fiigi,yoo fiiguu dadhabde daddafii
deemi,yoo daddaftee deemuu dadhabde
tiradhu,yoo tirachuu dadhabde daa'imi,yoo
daa'imuu dadhabde foqoqi. Akkam yoo ta'ellee
socho'uu hin dhaabiin" ( Maartiin Luuter Kiing)
4) " Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha
keenyaati!" (Naappooliyoon Hill)
5) Daandii bosona keessaa jaldeessa
dulloomaa gaafadhu,(Congulese people)
6) Addunyaa kanarraa wanti baay'ee nama
gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata
dhabuudha!" ( Helen keeler)
7) Aangoon Naachaa bishaan keessatti,(South
African)
8) "Muka ija qabdutti dhagaan
baay'ata!" (Shiiv Keeraa)
9) "Namoonni 'ni danda'ama' jedhanii yaadan,
murtoon kamiyyuu hamma ta'e rakkina akka
qabu ni beeku!" (Roobert H.Chuuler)
10) "Maatii irraa dhalatte filachuu hin
dandeessu, Ijoollee sirraa dhalataniif garuu
haala mijeessuu nidandeessa!" (Biilii
Girahaam)
11) ''Kirriin daandii lilmoo hordofti''(Kenyan)
12) "Kufaatiif ragaan hin
barbaachisu!" (Naappooliyoon Hiil)
13) Ooyiruu keessa hojjechuun ni
cima,beela'uun immoo caalaatti cima,(Niolotic)
14) " Karaa milkaa'inatti geessu hin beeku
yoon ta'ellee, karaa kufaatiitti geessu garuu
nan beeka. Innis namoota hundumaa
gammachiisuuf dhama'uudha!"
( Biil Koosbii)
15) Humnaan nyaataniif Humna hin ta'u,
(Oromo people
16) "Karaa siif danda'ame hundumaan,bakka
siif danda'ame hundumaatti,namoota
dandeessu hundumaaf, hamma siif danda'ame
hundumaan,waan gaarii siif danda'amu
hundumaa hojjedhuuf!" (Joon Weslii)

Galatoomaa Orom_kiyya!

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chem. 3rd yr MeU 2010 EC. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category