12/10/2026
Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaa fi Tokkummaa Keenyaaf! 🇪🇹
Baga Guyyaa Alaabaa Biyyoolessaa 19ffaatiin nagaan geessan!
Guyyaan Alaabaa Biyyoolessaa 19ffaan bara 2019, mata duree “Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaa fi Tokkummaa Keenyaaf” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa jira.
Alaabaan keenya mallattoo eenyummaa keenya waliinii, birmadummaa fi tokkummaa keenyaati. Garaagarummaa keenya mariidhaan haa furru; tokkummaa keenya waliigalteen haa cimsinu; biyya keenyas tattaaffii waloo keenyaan haa ijaarru!
Har’a yeroo Alaabaa keenya ol kaasnu, boru kabaja, nageenyaafi badhaadhina Itoophiyaa ol kaasuu keessatti gahee keenya bahachuuf waadaa haa gallu!
Itoophiyaan tokkummaa lammiileetiin ni cimti; kutannoo waloo keenyaan immoo dhalootaaf ni jiraatti!
Waaqni Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!
፦ ከንቲባ አዳነች አቤቤ