Oromia Health Bureau

Oromia Health Bureau This is the official page of the Oromia Health Bureau.
(1)

Kenna Tajaajila Yaala Bilisaa
29/05/2026

Kenna Tajaajila Yaala Bilisaa

Hordoftoonni amantaa Islaamaa hundi baga Ayyaan Iid Al-Adahaa (Arafaa) tiin nagaan isin gahe.Biiroo Fayyaa Oromiyaa
27/05/2026

Hordoftoonni amantaa Islaamaa hundi baga Ayyaan Iid Al-Adahaa (Arafaa) tiin nagaan isin gahe.

Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Godina Booranaa, Aanaa Dirree Ganda Gololchaatti Buufanni Fayyaa  Eebbifame Tajaajila Jalqabe.‎‎Mootummaan naannoo Oromi...
26/05/2026

Godina Booranaa, Aanaa Dirree Ganda Gololchaatti Buufanni Fayyaa Eebbifame Tajaajila Jalqabe.

‎Mootummaan naannoo Oromiyaa hawaasni tajaajila fayyaa qe’ee isaatti akka argatuuf hojii bal’aa hojjachaa jiraachuun ibsame.

‎Haaluma kanaan Godina Booranaa Aanaa Dirree ganda Gololchaatti buufanni fayyaa qarshii miiliyeena 140 oliin ijaarame hojii eegaluun eebbifameera. Buufatichi jiraattota gandoota afuriif (4) tajaajila fayyaa bu’uuraa ni kenna.

‎Sirna eebbaa irratti Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeessar Natsaannat Warqinaa mootummaan hawaasni tajaajila fayyaa barbaaduuf fagoo akka hin deemneef tajaajila hawaasi dhiyootti akka argatuuf cimsee hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa tajaajilli buufatichi kennu lubbuu haadholiifi daa’immanii baraaruu keessatti gahee olaanaa qabas jedhan.

‎Jiraattonni naannawichaa gamasaaniin, kanaan dura tajaajila fayyaa argachuuf fageenya dheeraa deemuun rakkoo hedduuf saaxilamaa akka turan ibsuun, yeroo ammaa buufanni fayyaa qe’ee isaanii keessatti hojii jalqabuu isaatti mootummaa galateeffataniiru.

‎Bulchaa Itti Aanaan Godina Booranaa Obbo Bariisoo Gannoo gamasaaniin, babal’inni dhaabbilee fayyaa mootummaan hojechaa jiru fayyaa hawaasaa fooyyessuu keessatti jijjiirama guddaa akka fide ibsuun bu’aa mootummaa jijjiiramaa keessaa isa tokko ta’uus himaniiru.

Babal’isuun Hospitaala Moyyaalee Xumuramuun EebbifameMagaalaa Moyyaaleetti hojii babal’isuu Hospitaala Moyyaalee xumuram...
26/05/2026

Babal’isuun Hospitaala Moyyaalee Xumuramuun Eebbifame

Magaalaa Moyyaaleetti hojii babal’isuu Hospitaala Moyyaalee xumuramuun eebbifameera.

Sirna eebbaa irratti Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeessar Natsaannet Warqinaa argamuun mootummaan rakkoo kennaa tajaajila fayyaa fooyyessuuf ciminaan hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru. Haalli tajaajila Hospitaala Moyyaaleetti kennamaa jiru fooyya’aa ta’us, sadarkaan tajaajilaa fedhii hawaasaa waliin akka wal hin gitne hubachuun kutaan dabalataa akka ijaaramu ta’ee tajaajila Kennuu akka eegales kaasuun bara 2019tti sadarkaa hospitaalichaa gara hospitaalaa waliigalaatti guddisuun tajaajila akka kennus murtaa’uu ifoomsanii jiru.

Hojii babal’inaa kana keessatti kutaan balaa tasaa, kutaan baqaqsanii yaaluu, kutaan ciibsanii yaaluu, iddoon turtii dhukkubsattootaa, manneen fincaanii akkasumas manni waardiyyaa haammatamaniiru.

Pirojektichi qarshii 207,190,000 oliin kan ijaarame yoo ta’u, tajaajila fayyaa si’ataafi qulqullina qabu hawaasa naannichaaf kennuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera.Dabalataan bilookota duraan turaniifi seensa hospitaalaa irratti qajeelfama istaandaardii fooyya’insa dhaabbilee fayyaa hojiirra oolchuun hojii gaariin akka hojjetames daawwatamee jira.

Gargaarsa jalqabaa nama Gaggabdoon mudateef taasifu‎‎✓ Tasgabbeessuu‎✓ Cinaachaan ciibsuu‎✓ Mataan isaanii akka hin   mi...
26/05/2026

Gargaarsa jalqabaa nama Gaggabdoon mudateef taasifu

‎✓ Tasgabbeessuu
‎✓ Cinaachaan ciibsuu
‎✓ Mataan isaanii akka hin miidhamne taasisuu
‎✓ Uffata ykn wantoota qaama isaanii cimsanii qaban irraa baasuu (keessumaayyuu naannoo mormaa fa'a)
‎✓ Wantoota (meeshaalee)qara qaban irraa fageessuu
‎✓ Qilleensa gahaa akka argatan taasisuu

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

MOORA IJAA (CATARACT)Moora ijaa kan jennu yeroo qarqarri leensii ijaa walakkaan yookaan guutummaatti mooraan haguugamuud...
22/05/2026

MOORA IJAA (CATARACT)

Moora ijaa kan jennu yeroo qarqarri leensii ijaa walakkaan yookaan guutummaatti mooraan haguugamuudha.

Mallattoolee moora ijaa
✓Dhukkubbiin osoo hin jiraatin qaroon jaamuu
✓ Ifa ilaaluu dadhabuu
✓Leensiin ijaa moora halluu gara daalachaatti harkisuun
haguugamee mul’achuu
✓Bakka ifni xiqqaan jirutti arguu dadhabuu
✓Naannoo ifaatti geengoo madda ifaatti marsee jiru (halos) arguu

Maloota ittisa dhukkuba Moora Ijaa
✓Tamboo xuuxuurraa of qusachuu
✓Hordoffii yaala ijaa yeroo yerootti taasisuu
✓Yaala dhukkuba sukkaaraa sirnaan hordofuu
✓ Golgee/kishaafa aduu ijatti kaawwachuu
✓ Nyaatawwan bu’aa kuduraafi muduraa ta’an nyaachuu
✓Alkoolii heddummeessuu dhiisuu

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Tajaajilli garee fayyaa maatii  qaqqababummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuu irratti shoora olaanaa kan qabuudha.(Caamsaa...
21/05/2026

Tajaajilli garee fayyaa maatii qaqqababummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuu irratti shoora olaanaa kan qabuudha.
(Caamsaa 13/2018 – Bishooftuu)
============================
Sagantaan sosochii fi dadammaqiinsaa kenna tajaajila garee fayyaa maatii bakka qooda fudhattoonni argamanitti geggeeffame.

Sadarkaa H/I/Atti gorsaa biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Mihiratuu Taarraqany sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin sababaoota adda addaatiin hawaasa tajaajila fayyaa argachuu dhabee fayyummaan isaa hubamuun rakkoof saaxilame garee fayyaa maatiitiin akka tajaajila argatan taasisuun bu’aa jajjabeessaa galeessuu akka danda’ame eeruun tajaajilli garee kanaa qooda fudhattoota ilaallatuun deeggarsa barbaachisaa argatee cimee akka itti fufuu qabu dhaamaniiru.

Kaayyoon sagantaa kanaa dhimmoota hanga ammaa garee kanaan raawwatamaniin bu’aa gaarii galmaa’e ittifufsiisuu fi xiyyeeffannoo qaama hundaa argatee caalmaan akka irratti hojjetamu taasisuu akka ta’e dursaan garee kenna tajaajila ekisteenshinii fayyaa biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Aqinaaw Baayyisaa ibsaniiru.

Tajaajilli garee fayyaa maatii qaamolee hawaasaa dagatamanii fi rakkoolee fayyaa adda addaatiif saaxilamaniif bakka jiranitti magaalota naannoo keenyaa 79 keessatti kan kennamaa jiru yammuu ta’u ji’oota kurnan darbanitti hawaasa miliyoona 1 fi kuma dhibba 1 ol ta’aniif tajaajiloota fayyaa fi fayyaan walqabatan garaa garaa kennuun danda’meera.

Saganticha irrattis ministeera fayyaa, qindeessitoota garee fayyaa maatii, ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa, IFH, deeggarsa dhaabbilee fayyaa fi waajjiraalee seektaroota qindoominaa magaalotaa irraa kan hirmaatan yoo ta’u dhiyeessiiwwan dhiyaatan irratti marii geggeessuun kallattii hojii kennameen goolabameera.

21/05/2026

Hospitaalli Waliigalaa Sulultaa Eebbifame. (Caamsaa 12/2018 - Sulultaa)
============================
Hospitaalli kunis bakka Kabajamoo Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa Kabajamoo Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, S/I/A/Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Tashoomee Addunyaa (PhD) fi Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinah argamanitti eebbifameera.

Ijaarsi hospitaala kanaas bara 2016 Qarshii miliyoona 493 oliin eegalamee kan xumuuramee yoo ta'u si'oominaa, qaqqababummaa fi qulqullina kenna tajaajilaa yaalaa mirkaneessuu irratti shoora guddaa kan bahatuudha.

Address

8. 990862037015397, 38. 74401209781128
Addis Ababa
24341

Website

http://www.orhb.gov.et/

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Health Bureau posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Health Bureau:

Share