03/09/2026
Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaaa Raawwii hojii sagantaalee Biiricha jala jiran bara 2018 fi Karoora bara 2019 bakka Hoogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa argamanitti mareen gaggeeffame.
====================
Hagayya 28/2018 BMJHO
Raawwiin hojii sagantaalee bakka Injinar Girmaa Raggaasaa Hoogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa argamanitti qindesitoota sagantaalee fi miseensoota maanajimantii Biichaa fi sagantaalee waliin mariin raawwii hojii 2018 fi karooraa Sagantaaleen hojjatame irratti gaggeeffamaa jira.
Sagantaalee LLRP,DRIVE,BERFON,FSRP fi PACT Hojiiwwan fayyadamummaa hawaasa qonnaan bulaa fi Horsiisee Bulaa fayyadamaa taasisu irratti xiyyeeffatee hojiiwwan gurguddoo hojjataman gabaasinii fi karoorri dhiyaatee miseensoota maanajimantii Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaatin xiinxalamee jira.
Xumura irrattis Hoogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaa kallattii hojii kennaniin raawwii hojii sagantaalee kanaan fayyadamummaa hawaasa keenyaaaf hojiin hojjatame gaarii ta'us bara kana ammoo karoora qabame galmaan ga'uuf qaamni hundi gumaacha irraa eegamu ba'hachu qaba jedhanii, Hojiin hojjatamu safisaa fi qulqullina karaa giddu galeeffateen hawaasa fayyadamaa taasisuuf hojjachuun murteessaa akka ta'ee himaniiru.