Waajjira Pabliik Sarvisii Bul/Mag/Sabbataa

Waajjira Pabliik Sarvisii Bul/Mag/Sabbataa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Pabliik Sarvisii Bul/Mag/Sabbataa, Government Organization, Sebeta, Addis Ababa.

Leenjii meeshaalee Jijjiramaa mata duree  kanneen akka JBHA ,SMBKT,Naamusa, Istaandaardii kenna tajaajila xiqqaa akkasum...
29/11/2019

Leenjii meeshaalee Jijjiramaa mata duree kanneen akka JBHA ,SMBKT,Naamusa, Istaandaardii kenna tajaajila xiqqaa akkasumas haala karoora fi gabaasa Hojjataa fi haala hojmaata gurmaa'insaa wal qabsiisee kenna tajaajila Ogummaa irratti leenjii fi hubannoon hojjattoota manneen hojii mootummaa Bul/Mag/Sabbataa keessaa Dursaa Garee,Karoora fi Fookal parsanii Waajjiralee tiif kennameera.leenjichi jijjiirama akka biyyaati eegalame caalmaan milkeessuf hojii manneen hojii mootummaa IKTX ( Istaandaardii kenna Tajaajila Xiqqaa ) akka qabaatu fi ittiin hojjatu irratti leenjiin kuni dabaalee kennamuun , hubannoo dabalataa argamuun kenna tajaajila manneen hojii si'oomina ,saffisa,qulquliina fi baayina yeroo barbaadama keessaatti rawwachuun fayyadamummaa lammii akka jiraatu leenjiin fi hubannoo kenniinsa Biiroo PSMQN Oromiyaa Oggeessa Obbo Geetachewu Agonaafer fi WPSMQN Bul/Mag/Sabbataa waliin ta'uun leenjiin kennamee oolera.

Logoon Tajaajila Lammummaa Oromiyaa akka armaan gadiitti qopha’ee jira. Logoon kun qajeeltoowwan bu’uura ijaarsa Oromiya...
26/07/2019

Logoon Tajaajila Lammummaa Oromiyaa akka armaan gadiitti qopha’ee jira. Logoon kun qajeeltoowwan bu’uura ijaarsa Oromiyaa fi Kenna tajaajila lammuummaa karaa ibsuun kan qophaa’eedha. Qajeeltowwan kunnen:-
1. Duudha Oromummaatti deebi’uu
2. Waan hundaan dorgomaa ta’uu
3. Halkanii fi guyyaa hojjechuu
4. Qulqullummaa
5. Tumsa

19/07/2019

Labsiin Tajaajilli lammummaa tibbana Caffeen Oromiyaa Yaa'ii isaa keessatti labsii ta'ee akka bahuu taasisee keessaa isa tokkoo.Labsiin kuniis Gurguddoo armaan gadii ni qabaata.
,,,,
1) Dhaloonni akkaataa duudhaan sirna Gadaa nu barsiisuun naannoo keenyaaf gahee lammummaa isaa akka bahu taasisuun dhaloota dandeettii, gahumsaa fi jaalala biyyaa cimaa qabu ijaaruu;
2) Beekumsa, dandeettii fi qabeenya haawaasaa qindeessudhaan Oromiyaa badhaatuu ijaaruun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu;
3) Dhaloonni aadaa fi duudhaalee hawaasa keessa jiru akka hubatu, jaalalaa fi quuqama biyyaa fi naannoo isaa akka qabaatuu fi aadaa waliin hojjachuu akka gabbifatu taasisuu;
4) Kenna tajaajila lammummaa jajjabeessuun miirri lammiif tumsuu akka uumamu gochuu, dhaloota itti gaafatamummaan itti dhagahamu, dirqama lammummaa bahatuu fi fakkeenya gaarii ta’uu danda’u uumuu; fi
5) Iddoo uwwisni tajaajila mootummaa dhaqqabamaa hin taanetti qaawwa jiru guutuudha.

Hojiiwwan jijjiirama akka naannoo keenyaattis ta’ee akka biyyaatti eegalaman sirna ta’anii akka itti fufan taasisuudhaan...
10/07/2019

Hojiiwwan jijjiirama akka naannoo keenyaattis ta’ee akka biyyaatti eegalaman sirna ta’anii akka itti fufan taasisuudhaan misoomaa fi bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan mirkaneessuuf tokkoon tokkoo mana hojii, garee fi namni dhuunfaan sirni madaallii bu’aan hojii isaa ittiin madaalamee ittiin ijaaramuu fi jajjabeeffamu diriirsuun barbaachisaa dha
Waajjirri keenyas WPSMQN Bul/Mag Sabbataa aangoo isaaf kenname bu’uura godhachuun madallii hojii deeggarsaa irratti hojjattoota waajjiraa koree madaallii Bul/Mag leenjii fi hubannoon keennamaa jira.

Address

Sebeta
Addis Ababa

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Pabliik Sarvisii Bul/Mag/Sabbataa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Pabliik Sarvisii Bul/Mag/Sabbataa:

Share