Oromia Water and Energy Bureau

Oromia Water and Energy Bureau Oromia Water and Energy Bureau -OWEB is one of the executive bodies in Oromia National Regional State
(2)

Oromia Water and Energy Bureau - OWEB is one of the executive bodies in Oromia National Regional State, mandated to enable the population of the region get sustainable safe water supply and develop mineral resources of the region.

Godina Gujii Lixaatti Pirojektoonni Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii 227 Xumuramuun Uummata Kuma 112 Ol Fayyadamoo Taasisan==...
05/08/2026

Godina Gujii Lixaatti Pirojektoonni Dhiyeessa Bishaan Dhugaatii 227 Xumuramuun Uummata Kuma 112 Ol Fayyadamoo Taasisan
=======
| Adoolessa 29/ 2018 |- Godina Gujii Lixaatti bara hojii 2018 keessatti hojiiwwan dhiyeessa bishaan dhugaatii babal'isuuf bajata mootummaa, hirmaannaa hawaasaa fi deggarsa dhaabbilee miti mootummaatiin pirojektoonni 227 xumuramanii tajaajilaaf oolaniiru.

Akka odeeffannoon Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Gujii Lixaa irraa argame ibsutti, pirojektoota xumuraman keessaa pirojektiin sadarkaa naannoo 1, sadarkaa Godinaa 2, sadarkaa Aanaalee 13, hojiiwwan hirmaannaa hawaasaatiin hojjetaman 195 fi deeggarsa dhaabbilee miti mootummaa (NGO)tiin hojjetaman 16 ta'uun ibsameera.

IttiGaafatamaan Waajjira Bishaaniifi Inarjii Godinichaa Obbo Elamaa Abbabaa akka himanitti Pirojektoonni kunneen xumuramuun uummanni 112,575 bishaan dhugaatii qulqulluutti fayyadamaa ta'ee jira.
Hojiileen kunniin boolla bishaanii qotuu, kuusaa bishaanii (reservoir), mana paampii, sirna paampii humna aduu (solar) fi bu'uuraalee bishaanii biroo ijaaruun hawaasaaf tajaajila itti fufiinsa qabu dhiyeessuuf kan hojjetaman ta'uu ibsan.


Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa πŸ‘‡πŸ½
Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy
Facebook ➲ hOromia Water and Energy BureauTwitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_
YouTube ➲ https://www.youtube.com/
Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy
LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy
Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

🚰⚑ Odeeffannoo Dhugaa fi wayitawaa Argachuu Barbaadduu?  , Adoolessa 28/2017, FinfinneeBiiroon Bishaaniifi Inarjii Oromi...
04/08/2026

🚰⚑ Odeeffannoo Dhugaa fi wayitawaa Argachuu Barbaadduu?
, Adoolessa 28/2017, Finfinnee

Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hojii misooma bishaanii fi inarjii guutummaa Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiru, milkaa'inoota, pirojektootaa, beeksisaalee fi odeeffannoo Biirichaa amanamaa yeroo yeroon isin biraan ga'a.
πŸŽ₯ Chaanaalii YouTube keenya har'a irraa eegalee hordofaa!
Hirmaannaan keessan nu jajjabeessa: πŸ‘ Like godhaa πŸ’¬ Yaada keessan nuuf barreessaa πŸ“² Share gochuun namoota biro biraan gahaa πŸ”” Subscribe gochuun odeeffannoo haaraa akka isin hin darbine mirkaneeffadhaa.
Sagalee keessan, hirmaannaa keessan fi deeggarsi keessan odeeffannoon Biirichaa ummata bal'aa bira akka ga'u gumaacha guddaa qaba.
Ammauma nu hordofaa!





Pirojektoota Sagantaa COWASH'n Hojjetamanii fayyadamummaa Ummata Ba...

 !=======  27/2818-Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Buraayyuu Aan...
03/08/2026

!
=======
27/2818-Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Buraayyuu Aanaa Ejersa Gooroo eddoo Addaa Kulee lakk. 3ffaa jedhamutti jiraattotaa aanichaa waliin ta'uun dhaadannoo sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa baranaa " " jedhuun biqiltuu gosa garaagaraa dhaabeera.
!

Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Magaalaa Walisoo Qarshii Miliyoona 470 Oliin Ijaarame Eebbifame ========  | Adoolessa 26, ...
02/08/2026

Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Magaalaa Walisoo Qarshii Miliyoona 470 Oliin Ijaarame Eebbifame
========
| Adoolessa 26, 2018 | Walisoo
Magaalaa Walisootti pirojektiin dhiyeessa bishaan dhugaatii fi saniteeshinii mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi deeggarsa Baankii Addunyaa (IDA) Sagantaa One WaSH National Program jalatti baasii Qarshii miliyoona 470 oliin ijaarame harra sirna ho'aan eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'e.

Sirna eebbicharratti Aanga'oonni Mootummaa federaalaafi Naannoo, akkasumas Keessummoonni eddoo garaagaraa irraa dhufan argamaniiru.
Sirnicharratti haasaa kan taasisan Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoon Baqqalaan, pirojektichi rakkoo bishaan dhugaatii yeroo dheeraaf Magaalaa Walisoo fi naannawa ishee mudataa ture furuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himan.

Pirojektichi boolla bishaanii torba, kuusaa bishaanii guddaa meetira kiyuubikii kuma shanii, sarara dabarsaa fi raabsaa bishaanii walumaagalatti kiiloomeetira 77 ol akkasumas hojiiwwan elektiroo-makaanikaalaa fi bu'uuraalee deeggarsaa hedduu of keessatti hammatee hojjetamuu ibsaniiru.

Pirojektiin kun guyyaatti bishaan meetira kiyuubikii kuma 14.9 ol oomishuun jiraattota kuma 215 ol ta'aniif bishaan dhugaatii qulqulluu fi itti fufiinsa qabu dhiyeessuuf qophaa'eera.

Injinar Miliyoon Bishaan bu'uura jireenyaa, fayyaa fi misoomaa ta'uu kaasuun, Mootummaan rakkoo bishaan dhugaatii ummataa furuuf hojii bal'aa hojjechaa jiruun keessumattuu bara kana milkaa'inoonni gurguddoon galmaa'uu eeraniiru.

Injinar Miliyoon itti dabaluun milkaa'ina pirojektii kanaaf mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Baankii Addunyaa (IDA), Ministeera Bishaanii fi Inarjii, Biiroo Maallaqaa Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Walisoo, Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Walisoo, kontiraaktara, dhaabbata gorsaa fi hawaasa hirmaannaa taasise hunda galateeffataniiru.

Addatti ammoo Gorsaa Addaa Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu, Ambaasaddar Dr. Asfaawu Dingaamuu fi Obbo Mootummaa Maqaasaa hordoffii walirraa hincinne taasisuun shoora olaanaa Pirojektii kana milkeessuu keessatti gumaachaniif galateeffatan.

Qabeenyi baasii guddaan irratti dhangala'e kun akka sirnaan eegamuufi tajaajila waaraa kennuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu walta'uun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Sirna eebbicharratti De'etaan Ministeera Bishaaniifi Inarjii Mootummaa Federaalaa Ambaasaaddar Dr. Asfaaw Dingaamuus ergaa isaanii keessatti mootummaa Federaalaa Mootummaa naannoo waliin ta'uun pirojektoota bishaan dhugaatii babal'isuun fayyadamummaa uummataa cimsuuf hojii ittifufiinsa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsan. Pirojektiin Walisoo kun isa mootummaa fi deeggartoonni misoomaa walta'uun milkeessan keessaa fakkeenya gaarii kan qabu ta'uu himuun qaamolee milkaa'ina pirojektii kana keessatti gahee taphatan galateeffataniiru.

Itti Aanaan Af-Yaa'ii Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Ummataan gamasaaniin, misoomni bishaan dhugaatii guddina hawaas-dinagdee fi fayyaa uummataaf murteessaa ta'uu kaasuun, hojii mootummaa bu'aa qabatamaa fide kana tikfachuufi itti fayyadamuun hawaasa irraa akka eegamu dhaamaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Walisoo Obbo Gammachuu Araddaas, pirojektichi rakkoo bishaanii magaalattii waggoota dheeraaf ture hiikuuf furmaata guddaa ta'uu ibsan. Mootummaan jiruufi jireenya ummata keenyaa fooyyessuuf bu'uraalee misoomaa diriirsaa jiru keessaa Pirojektiin bishaanii kun isa ijoo ta'uu himanii qooda fudhattootaafi deeggartoota misoomaa Pirojektii kana dhugoomsan galateeffataniiru.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Walisoo Obbo Girmaa Deessisaanis, dhaabbatichi pirojekticha sirnaan bulchuun, suphaa fi tajaajila itti fufiinsa qabu kennuuf hojii cimaa hojjechuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

Pirojekticha keessatti hojii gorsa teeknikaa kan raawwate GEDAG Consultancy Service yoo ta'u, hojii ijaarsaa immoo EMU General Importer fi GTB Engineering walta'iinsaan (Joint Venture) raawwataniiru.

Qaamolee milkaa'ina Pirojektichaa keessatti gahee olaanaa bahaniif badhaasni galateeffannaa kennameera.


Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa πŸ‘‡πŸ½
Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy
Facebook ➲ hOromia Water and Energy BureauTwitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_
YouTube ➲ https://www.youtube.com/
Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy
LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy
Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Sirna Bulchiinsa Bishaanii Ammayyeessuun Fedhii Ummataa Faana Tarkaanfachuun Dirqama - Injinar Miliyoon Baqqalaa========...
01/08/2026

Sirna Bulchiinsa Bishaanii Ammayyeessuun Fedhii Ummataa Faana Tarkaanfachuun Dirqama - Injinar Miliyoon Baqqalaa
========
Dhaabbilee Tajaajila Bishaanii, Waajjiraalee fi Waldaaleef Badhaasniifi Beekamtiin Kenname
| Adoolessa 25, 2018 | Adaamaa
Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoon Baqqalaa sirna bulchiinsa bishaanii ammayyeessuun fedhii ummataa yeroo yeroon dabalaa deemu faana tarkaanfachuun mootummaa fi dhaabbilee tajaajila bishaanii hundaaf dirqama ta'uu ibsan.
Dhimmi Hojii bishaaniifi Inarjii Ajandaa Hoggansa Siyaasaa ta'ee cimee akka itti fufu hubachiisan.

Injinar Miliyoon kana kan ibsan, gamaaggama raawwii hojii bara 2018 Dhaabbilee Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa, Waajjiraalee Bishaanii fi Inarjii akkasumas Waldaalee Bishaan Dhugaatii Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuun badhaasniifi beekamtiin dhaabbilee hojii gaarii hojjetaniif yeroo kennametti.

Gamaaggamni guyyoota tibbana gaggeeffamaa ture raawwii hojii bara 2018 keessatti galmaa'e irratti bal'inaan mari'achuun ciminoota itti fufsiifamuu qaban fi hanqinoota sirreeffamuu qaban adda baasuun kallattii hojii bara 2019 kaa'eera.

Raawwiin hojii bara 2018 jajjabeessaa ta'ee, dameen bishaanii bakka ture irraa gara fuulduraatti hojii guddaa hojjechuun daandii fagoo imaleera. Haa ta'u malee hojiiwwan hafan karoora bara haaraatti dabalamuun saffisaan xumuramuu akka qaban hubachiisaniiru.

Kallattiilee xiyyeeffannoo bara itti aanutti kennaman keessaa itti fayyadama teeknooloojii ammayyaa bal'isuun, kenna tajaajila mootummaa ammayyeessuu, baasiin of danda'uu dhaabbilee cimsuu, tajaajila bishaan dhugaatii babal'isuu, sirna qulqullina bishaanii eeguu fooyyessuu, rakkoo boba'aa fi ibsaa furuuf iskiimota bishaanii gara teeknooloojii humna aduu (Soolaarii)tti jijjiiruu, akkasumas sirna bulchiinsa balfa dhangala'aa cimsuun keessatti argamu.

Kana malees waldaaleefi yuuniyeenonni bishaanii dhimma qisaasama bishaanii ittisuu, galii sirnaan sassaabuu, sirna faayinaansii isaanii cimsuu, ragaa hojii sirriitti qabachuu fi gabaasa bu'a qabeessa dhiyeessuun akka irratti hojjetan kallattiin kennameera.

Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoon Baqqalaan xumura irratti, dhaabbileen badhaafaman hojii isaanii itti fufuun fakkeenya gaarii ta'uu akka qaban, dhaabbileen biroonis hojii isaanii madaallii bu'a qabeessa, teeknooloojii ammayyaa fi tajaajila qulqullina qabu irratti xiyyeeffachuun ummataaf tajaajila saffisaa fi itti fufiinsa qabu kennuuf ciminaan hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Itti Aanaan Hogganaa BiirichaafiItti gaafatamaan Damee Bulchiinsa Iskiimotaafi Inarjii Haarofamaa Injinar Kadir Hoseenis gamasaanitiin, Fooramiin Dhaabbilee Tajaajila Bishaanii Oromiyaa hundeessuun muuxannoo waljijjiiruu fi rakkoolee waloo hiikuuf barbaachisaa ta'uu hubachiisan.

Xumura gamaaggamaatiin dhaabbilee, waajjiraalee fi waldaaleen bu'aa hojii isaanii irratti hundaa'uun sadarkaa adda addaatiin badhaafamanii jiru.

Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa πŸ‘‡πŸ½
Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy
Facebook ➲ hOromia Water and Energy BureauTwitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_
YouTube ➲ https://www.youtube.com/
Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy
LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy
Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

01/08/2026



Ibsa Gaddaa=======Hojjettuu Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa (BBIO) kan ta'an Adde Simeenesh Asaffaa  dhibee irra bul...
31/07/2026

Ibsa Gaddaa
=======
Hojjettuu Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa (BBIO) kan ta'an Adde Simeenesh Asaffaa dhibee irra buleen yeroo dheeraaf mana yaalaa adda,addaatti yaalamaa turanii harra addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Biiroon keenya boqachuu du'aatti Haadha ijoollee lamaa Adde Simeenashiin gadda guddaa itti dhagahame ibsaa maatii, firoottaniifi hiriyootasheetiif jajjabina hawwa.
Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa πŸ‘‡πŸ½
Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy
Facebook ➲ hOromia Water and Energy BureauTwitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_
YouTube ➲ https://www.youtube.com/
Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy
LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy
Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

30/07/2026

" " Hawaasa kaleessa dheebuu bishaaniin rakkataa turee yeroo ammaa rakkoon waggoota dheeraa irraa furame.

Booranaatti Bara 2018tti Uummanni Kuma 142 Ol fayyadamaa Bishaan Dhugaatii Qulqulluu Ta'e========  | Adoolessa 22, 2018 ...
29/07/2026

Booranaatti Bara 2018tti Uummanni Kuma 142 Ol fayyadamaa Bishaan Dhugaatii Qulqulluu Ta'e
========
| Adoolessa 22, 2018 | Godina Booranaatti bara bajataa 2018 keessatti hojiiwwan misooma bishaanii fi inarjii bal'inaan hojjetamaniin uummanni kuma 142,985 ol bishaan dhugaatii qulqulluutti fayyadamaa ta'uun ibsame.

Itti Gaafatamaan Waajjira Bishaaniifi Inarjii Godina Booranaa Abba Diida Caarafolee akka ibsanitti, gama qorannoo fi dizaayinii pirojektoota bishaan dhugaatiin pirojektoonni 41, keessaa 8 bajata godinaatiin fi 33 bajata aanaatiin qoratamanii dizaayiniin isaanii qophaa'eera.

Adeemsa bulchiinsa koontraataa fi ijaarsaatiin, boolli bishaanii 6 qotamuu kan ibsan yoo ta'u, kanneen keessaa 4 deeggarsa UNICEF fi 2 sagantaa Galchat jalatti raawwataman.
Haaluma wal fakkaatuun, pirojektoonni bishaan dhugaatii 232 bajata mootummaa, hirmaannaa hawaasaa fi deeggarsa dhaabbilee miti mootummaa garaagaraatiin xumuramanii tajaajila eegaluun uummata 142,985 ol fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisaniiru.

Gama hirmaannaa hawaasaatiin hojii haaromsa haroo fi eelaa adda addaa 386 raawwatamuun cinaatti, hirmaannaa ummataatiin qarshiin 30,677,412 walitti qabamee jira. Hojii kanarrattis namoonni 43,971 ol hirmaataniiru.

Akka Abba Diida irraa hubatamutti, tajaajila bishaanii itti fufiinsa qabu cimsuuf iskiimotni bishaanii 9 sirna motoraa irraa gara Hybrid Solar Systemtti, akkasumas iskiimotni 4 Hand Pump irraa gara Solar Pumptti jijjiiramaniiru.
Gama misooma inarjiitiinis hojiiwwan jajjabeessaan raawwatamaniiru. Bara kana keessatti baayoogaaziin haaraan 11 ijaaramee, baayoogaaziin 52 suphamee hojii jalqabsiifameera. Kana malees, paampiiwwan bishaanii soolaaraan hojjetan 9 irratti qorannoon gaggeeffameera.

Hojiiwwan bara kana keessatti galmaa'an tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu babal'isuu, itti fayyadama inarjii haaromfamuu guddisuu fi hirmaannaa hawaasaa cimsuuf bu'uura cimaa ta'uu isaanii Abba Diidni ibsaniiru.

Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa πŸ‘‡πŸ½
Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy
Facebook ➲ hOromia Water and Energy BureauTwitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_
YouTube ➲ https://www.youtube.com/
Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy
LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy
Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org

Address

Bole Road, Flamingo
Addis Ababa
FINFINNE,ETHIOPOA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Water and Energy Bureau posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share