26/08/2026
Aanaa Doobbaatti Ijaarsi Pirojektii Jallisii Qarshii Miliyoona 162 Hojjetamuuf Sirni Walharkaa Fuudhinsaa Tasifamee.
**************
Hagayya 20/2018 – Godina Harargee Lixaa, Aanaa Doobbaa, Ganda Maddaa Xalilaatti, Pirojektii Jallisii (PCT) Qarshii miliyoona 162n hojjetamuuf, kontiraaktara waliin sirni walharkaa fuudhinsaa bakka pirojektiin itti hojjetamuutti Tasifamee
Sirni walharkaa fuudhinsaa kunis, bakka Itti Gaafatamtuu Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godina Harargee Lixaa Aadde Misraa Mahammad, Ogeessa Biiroo Jallisii Oromiyaa Obbo Firew Dhaabaa fi Itti Aanaa Bulchaafi Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Doobbaa Obbo Darajjee Taamirat argamanitti, kontiraaktara dhaabbata (TUTAD GC PLC) Walin sirnii wal harkaa Fudhinsa Tasifamee.
Ijaarsa pirojektii kanaa milkeessuuf hirmaannaan hawaasaa baay’ee murteessaa waan ta’eef, hawaasni hirmaannaa isaa cimsuun kontiraaktara bira dhaabbatee pirojektii kana milkeessuu qaba jedhan Aadde Misraa Mahammad.
Ijaarsa pirojektii kana milkeessuuf hirmaannaa hawaasaa qindoominaan cimsanii hojjechuu qabu jedhan Ogeessi Biiroo Jallisii Oromiyaa Obbo Firew Dhaabaa.
Hojiilee misoomaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan milkeessuuf ijaarsi pirojektii kun gahee olaanaa qaba. Kanaafuu, pirojektiin kun qulqullinaan hojjetamee tajaajila uummataaf ooluu qaba jedhan Obbo Darajjee Taamirat.
Akkasumas, hawaasni hojiiwwan hirmaannaa hawaasaattin hojjattaman daandii fi deeggarsaa garaagaraa barbaachisuun bira dhaabbachuun ijaarsi pirojektii kun qulqullinaan akka xumuramu taasisuun, tajaajila uummataaf akka oolu gochuu fi irraa fayyadamuu qaba jedhan Obbo Darajjee Taamirat.
Kominikeeshinii Aanaa Doobbaa