14/03/2026
“Oromiyaan sochii misoomaa walirraa hincinne keessa jirti”
Obbo Hayiluu Addunyaa
****************
Qophii filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa, haala nageenyaafi misoomaa Oromiyaa keessa jiru ilaalchisuun turtiin Gaazexaan Bariisaa Kibxata darbe Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Mootummaan filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa karaa dimokraatawaa, haqaqabeessaafi nagaan akka geggeeffamuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jira.
Paartiin Badhaadhinaa akka paartii biyya bulchaa jiruufi dorgomaa tokkootti kaadhimamtoota galmeessisuun, galmeessi filattootaa eegalames akka milkaa’uuf hojjetaa jira. Sadarkaa maanifeestoo keenya beeksisuurratti argamna.
Waggoota shanan darbanitti waadaa maalii galle, maal raawwanne? Waggoota shanan dhufaniif ammoo yoo ummanni sagalee nuu kennee mootummaa taane, waadaa akkamii raawwanna? karoora akkamii baafanna jedhu dhiyeessinee hojjechaa jirra.
Nageenyaan walqabatees haalli mijataan filannicha geggeessuu dandeessisu uumamuuf hojjetaa jirra. Filannicha milkeessuuf hojiin nageenya mirkaneessuu bakkawwan hundatti raawwatamaa jira.
Filannoo baranaa haala kan marsaa 6ffaa irraa adda ta’een geggeessuuf qophii xumurree hojii duula nafiladhaatti galaa jirra.
Oromiyaatti paartiileen morkattootaa 21 ta’an filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaaf kaadhimamtootasaanii dhiyeessaniiru. Filannoon baranaa hirmaannaa kaadhimamtootaatiinis yoo ilaalle kan marsaa 6ffaa nicaala.
Filannicha dimokraatawaafi nagaqabeessa taasisuuf rakkoolee paartiilee mudachuu danda’an karaa mana maree paartiilee siyaasaa furaa kan deemnu ta’a.
Paartii biyya bulchaa jiruufi morkattoota gidduu walmorkiifi tumsi madaalasaa eege akka jiraatuuf hojjetamaa jira. Kana jechuun dhimmoota biyyaalessaafi nageenyaarratti waltumsina, dhimma imaammataarratti ammoo waldorgomna jechuudha.
Biyya jabduu ijaaruun kan danda’amu yoo aadaa siyaasaa keenya gara kanatti fidneedha jennee sochii bal’aa taasisaa jirra.
Akka dhiibbaa uumtummaan Itoophiyaa Gaanfa Afrikaatti hinmul’anneef diinonnishii tasgabbii ishee dhowwuufi mul’atasheerraa maqsuuf socho’aa turaniiru. Sochiin sun bifasaa jijjiirratee ammas ittifufeera.
Adeemsa ijaarsa biyyaarratti waliigalteen biyyaalessaa uumamuu dhabuun idaa kaleessa dhaallerraa ka’uun, diinonni ajandaa sabaafi saba, amantaafi amantaa walittibuusu qabatanii akka biyyattiin hintasgabboofne taasisuu barbaadan yeroo gara garaatti dhiibbaawwan adda addaa taasisaa turaniiru.
Itoophiyaan garuu dhiibbaawwan taasifamaa turan dandamachuun ijaarsa hidha haaromsaa guddicha xumurteetti.
Ajandaan Itoophiyaa inni ittaanu ulaa galaanaati. Biyyattiin ulaa galaanaa karaa hinmalleen dhabde karaa dippilomaasiifi nagaatiin argachuuf sochiirra jirti.
Diinonnishii sochii kana danquuf hojmaneewwan kennaafii walitti bu’iinsa uumuuf socho’u.
Humnoonni ykn baandonni bitamanii ajandaa alagaa milkeessuuf Itoophiyaa keessa socho’anis jiru.
Isaan kunniin finxaaleyyii sabaafi amantii dahoo godhachuun walfixiinsa sabaa uumuun biyyattii tasgabbii dhorkuuf socho’aniidha.
Finxaaleyyiin ‘Faannoo’ Godinaalee Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaatti ummata nagaarratti xiyyeeffatee badii raawwachaafi buqqisaa, mana gubaa, daa’immaniifi haadholii ajjeesaa tureera.
Finxaalessi murna ajjeechaa suukkanneessaa raawwatee bu’aa siyaasaa argachuuf socho’uudha.
Bifuma walfakkaatuun finxaalessi Afaan Oromoo dubbatu, Shaneenis walittibu’iinsa sabaa uumuuf ummata nagaarratti xiyyeeffatee ajjeechaa suukkaneessaa raawwachaa ture.
Mootummaan ummata waliin ta’uun akka murni badii sun gara nagaatti deebi’uuf waamicha nageenyaa taasisuudhaan namoonni hidhannoo qabatanii socho’aa turaniifi kumaatamaan lakkaa’aman gara nagaatti akka deebi’an taasiseera.
Murnoota ajandaa badii raawwachuuf socho’anirratti ammoo tarkaanfii fudhatee olaantummaa seeraa kabajchiisaa jira.
Mootummaan naannichaa finxaalessa Shaneerratti tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu fudhachaa jira.
Namoota qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an ammoo deebisee dhaabuuf deggarsaafi marii hawaasaa taasisaa jira.
Mootummaan naannichaa murnoota ergama diinotaa fudhatanii socho’an, finxaaleyyii Faannoofi shororkeessaa Shanee irratti tarkaanfii fudhachuun hariiroo hawaasummaafi obbolummaa ummattootaa cimsuuf hojjechaa jira.
Nageenyaafi tasgabbii naannichaa caalaatti mirkaneessuuf mootummaan yoomiyyuu caalaa xiyyeeffannaan ummata waliin ta’ee hojjechaa jira.
Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii misoomaa daqiiquma tokkoofillee addaan kutee hinbeeku.
Hojiileen misoomaafi ijaarsi pirojektootaa sababa rakkoo nageenyaatiin danqamanis hinjiran.
Daaw’annaa hojiilee misoomaafi ijaarsa pirojektootaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhiyeenya kana godinaalee Wallaggaa sadanitti taasisan kanaaf ragaadha.
Godina Qellem Wallaggaatti inisheetiivoonni hojiirra oolaa jiru. Godina Wallagga Lixaatti pirojektoonni guguddoon mootummaa federaalaatiin hojjetamanii xumuramanii eebbaaf qophaa’aa jiru.
Godina Wallagga Bahaattis pirojektoonni ijaarsisaanii xumurameefi hojjetamaa jiran jiru.
Mootummaan naannichaa harka tokkoon hojii nageenya mirkaneessuu harka biraan ammoo hojii misoomaa hojjechaa jira. Omishaafi omishtummaan Oromiyaas yeroo gara yerootti dabalaa jira.
Yeroo ammaa godinaalee Oromiyaa hundatti lafti hektaara miliyoona afur qamadii bonaatiin misoomeera.
Hojichi nageenyaafi misooma naannichaa mirkaneessuu faana adeemsifamaa jira. Omishniifi sadarkaan qulqullina buna naannichaa gabaa addunyaaf dhiyaatus waggaa waggaan dabalaa jira.
Hojiin ijaarsa pirojektootaas yeroo qabameef keessatti akka xumuramaniif hordoffiifi to’annoon barbaachisu taasifamaa jira.
Waliigalaan, olola miidiyaa hawaasummaarra jiru utuu hintaane goleewwan Oromiyaa hundi misoomarra jiru. Dh.P.I