Caffee Oromiyaa / 'Caffee' Oromia

Caffee Oromiyaa / 'Caffee' Oromia Caffee Oromia - The Legislative Body of Oromia Regional State
https://web.facebook.com/CaffeeO/

π–πšπšπ£π£π’π«π«π’ π‚πšπŸπŸπžπž 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐒𝐲𝐚𝐚 π‘πšπšπ°π°π’π’ 𝐇𝐨𝐣𝐒𝐒 𝐁𝐚𝐫𝐚 πŸπŸŽπŸπŸ– πͺ𝐨𝐫𝐚𝐭𝐞.****Hojiiwwan gurguddoo Bara Baajataa 2018 keessa karoorfamanii...
23/07/2026

π–πšπšπ£π£π’π«π«π’ π‚πšπŸπŸπžπž 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐒𝐲𝐚𝐚 π‘πšπšπ°π°π’π’ 𝐇𝐨𝐣𝐒𝐒 𝐁𝐚𝐫𝐚 πŸπŸŽπŸπŸ– πͺ𝐨𝐫𝐚𝐭𝐞.
****
Hojiiwwan gurguddoo Bara Baajataa 2018 keessa karoorfamanii hojjetamaa turan milki qabeessa ta’uu kan ibsan Itti Gaafatamaan Waajjira Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Taarikuu Nagaash kunimmoo qindoomina hooggansaafi hojjettoota maraan kan galmaa’e ta’uu ibsan.

Caffeen hojiiwwan gurguddoo kan akka seerota qulqullina qaban baasuun hojiirra oolmaa isaa hordofuu, sirna wal hordofuufi to’achuu qaamolee mootummaa gidduutti diriiree jiru bu’uura godhachuun Koreewwan Dhaabbii Caffee hordoffiifi to’annoo karaa idilaa’een gaggeessaa tureen, Manneen Maree Ummataa cimsuuf sirna hordoffiifi deeggarsaa taasifamaa ture, sochii Caffeefi qaamoleen Caffee taasisan ummata biraan gahuuf hojii kenniinsa odeeffannoofi koominikeeshiniifi kanneen biroo bal’inaan hojjetamaa turaniin dhimmoota akka ciminaatti, hanqinaafi fuulduraaf xiyyeeffannoo barbaadan irratti mari’atamee jira.

Bu'aa qorannaa hojii kanaan argame giddu gala godhachuun, hojiiwwan Bara Baajataa 2019 keessatti karoorfamaniif xiyyeeffannoo kennuun hojjechuun murteessaa akka ta'e Kab. Obbo Taarikuun ibsan.

20/07/2026
Caffeen Oromiyaa Yaa'ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa gaggeesseen Muudama Abbootii Seeraa raggaasuu...
20/07/2026

Caffeen Oromiyaa Yaa'ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa gaggeesseen Muudama Abbootii Seeraa raggaasuun Yaa'ii isaa xumuuree jira.

Argannoo Odiitii deebisiisuun walqabatee Godinaaleen Aanaalee isaan jala jiran keessatti tarkaanfii fudhachuun sirreeffa...
20/07/2026

Argannoo Odiitii deebisiisuun walqabatee Godinaaleen Aanaalee isaan jala jiran keessatti tarkaanfii fudhachuun sirreeffama taasisan galata guddaatu isaaniif mala jedhan.

Akaksumas, argannoon kun Caffeef dhiyaatee erga mirkanaa'een booda qaama dhimmi ilaaluuf kennamee tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamuuf ni hordofama jedhan. Caffeen gabaasa dhiyaate mirkaneessee jira.

Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To'annoo Horataalee Mootummaa Caffee Oromiyaa Hordoffiifi To'annoo bara kana taasisaa ...
20/07/2026

Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To'annoo Horataalee Mootummaa Caffee Oromiyaa Hordoffiifi To'annoo bara kana taasisaa tureen gabaasni Mana Hojii Odiitara Muummichaa itti gaafatamummaa kennameef qixaan bahachuudhaaf odiitii gosa adda addaa gaggeessaa turuu isaa ibsuun, bakka hojimaanni mootummaa hin eegamnetti ammoo tarkaanfiin bu'aa odiitii irratti xiyyeeffate akka gaggeeffamu taasifamaa turuu ibsuun, gabaasni dhiyaate akka mirkanaa'u gaafatan.

Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab. Obbo Awwaluu Abdii qindoomina Caffeefi Mootummaan hordoffii h...
20/07/2026

Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab. Obbo Awwaluu Abdii qindoomina Caffeefi Mootummaan hordoffii hojiirra oolmaa odiitii irratti gaggeessaa turreen bu'aa gurguddaa buusuu qofa osoo hin taane muuxannoo ta'uu kan danda'udha jedhan.

Koeen Hordoffii Hojiirra Oolmaa Odiitii Miseensa 13 of keessaa qabu Kan Kab. Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa ABdurahmaaniin hoogganamuufi Kab. Pireezidaantii Itti Aanaa MNO Kab. Obbo Awwaluu Abdiin Itti Aanaa Korichaa ta'anii hojjetan hundaa'ee hordoffii taasisaa tureen argannoon odiitii maallaqaafi sanadaan adda bahe akka deebi'uuf itti dhiheenyaan hordofaafi deeggaraa tureera.

Adeemsa kanaanis, bu'aan argame guddaa ta'uu akeekan.

Miseensonni Caffee Oromiyaa Gabaasaafi Kallattii Karooraa Mana Hojii Odiitara Muummicha Oromiyaa dhiyaate irratti yaadaa...
20/07/2026

Miseensonni Caffee Oromiyaa Gabaasaafi Kallattii Karooraa Mana Hojii Odiitara Muummicha Oromiyaa dhiyaate irratti yaadaafi gaaffii qaban kaasuun irratti mari'atamee jira.

Bara 2019 keessattis, Manneen Hojii Mootummaafi dhaabbileen misoomaa hojimaata badaaf saaxilamoo ta’an keessatti itti ga...
20/07/2026

Bara 2019 keessattis, Manneen Hojii Mootummaafi dhaabbileen misoomaa hojimaata badaaf saaxilamoo ta’an keessatti itti gaafatamummaan akka mirkanaa’uuf tajaajila odiitii gaggeessuun hannaafi hojimaata badaa raawwatamuu danda’u ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechuuf karoorfatanii jiru.

Hoogganaan Mana Hojiichaa Kab. Obbo Tafarii Wandyifraaw kallattii karooraa dhiyeessan keessatti hojii hubannoo cimsuu, hordoffii hojiirra oolma aargannoo odiitii, Naannichatti sochii baajataa, qabeenyaafi dinagdee dachaan dabalaa waan jiruuf humnaafi gahumsa Ogeessota mana hojichaa cimsuu, hordoffiifi to’annoo qabeenyaa cimsuu akkasumas uwwisa odiitii dabaluuf irratti xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.

Hoogganaan Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa Kab. Obbo Tafarii Wandaayifraaw hordoffii odiitii raawwii gaggeeffama...
20/07/2026

Hoogganaan Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa Kab. Obbo Tafarii Wandaayifraaw hordoffii odiitii raawwii gaggeeffamaa tureen argannoowwan mul’atan irratti tarkaanfiin barbaachisaan fudhatamaa tureera jedhan.

Kanaanis , Manneen Hojii 16 irratti hordoffii gaggeeffameen yaada fooyyaa’iinsa gabaasa odiitiin kennameen tarkaanfiwwan garaa garaa kan fudhatame ta’uu Kab. Obbo Tafariin gabaasa Mana Hojichaa Bara 2018 Caffeef dhiyeessan keessatti ibsanii jiru.

Gabaasni Raawwii Hojii Bara 2018fi Kallattiin Karoora Bara 2019 Hoogganaan Mana Hojii Odiitara Muumicha Oromiyaa Kab. Ob...
20/07/2026

Gabaasni Raawwii Hojii Bara 2018fi Kallattiin Karoora Bara 2019 Hoogganaan Mana Hojii Odiitara Muumicha Oromiyaa Kab. Obbo Tafarii Wandyifaawuun dhiyeessan

Galiin Mootummaa akkaataa seeraafi qajeelfama taa’een sassaabamuu mirkaneeffachuuf odiitii taasifameen Manneen hojii 48 keessatti qarshii mil.195.21 hir’inaan osoo hin sassaabamiin argameera jedhanKab. Obbo Tafarii Wandaafiraaw.

Kana malees, Baajatni qar. Mil. 220 oli seera jijjiirra baajataa osoo hin eegiin raawwatamuu odiitii gaggeeffamaa tureen argamuus Oromiyaa Kab. Obbo Tafarii Wandaafiraaw

Address

Addis Ababa
21383-1000

Telephone

+251113726218

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Caffee Oromiyaa / 'Caffee' Oromia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Caffee Oromiyaa / 'Caffee' Oromia:

Shortcuts

Share