Oromia Revenues Bureau /BGO

Oromia Revenues Bureau /BGO Modernization of tax adminstration is one the theme of ORB

14/08/2026
08/08/2026
Hojjettoonni Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Waajjira ol'aanaa irraa  Ashaaraa Magariisaa dhaadanno "Abdii Dhaabuu!" jedhuun B...
03/08/2026

Hojjettoonni Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Waajjira ol'aanaa irraa Ashaaraa Magariisaa dhaadanno "Abdii Dhaabuu!" jedhuun Biqiltuu dhaabaan.

Adoolessa, 10/2018AdaamaaBiiroon Galiiwwan Oromiyaa Sirna Beekamtii Mana Hojii Geggeesse!******Biiroon Galiiwwanii Oromi...
17/07/2026

Adoolessa, 10/2018
Adaamaa
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Sirna Beekamtii Mana Hojii Geggeesse!
******
Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa bakka I/G Waaj/Kil/ Bulchiinsa Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab/ Obbo Shallamaa Immaanaa ,Hooggantoonni Olaanoo Biiroo Galiiwwan Oromiyaa fi I/Gaafatamtoonni Waajjira Galii Dameewwan Godinaalee, Magaalota, Aanaalee fi Kutaalee Magaalaa argamanitti manneen hojii sadarkaan raawwii isaanii olaanaa ta’aniif beekamtii kennee jira.
Sirna beekamtii kana irratti haasaa saaqinsaa kan taasisan Hogganaa I/A fi I/G Damee Ammayyeessuu fi Koroppireetii Kab. Obbo Gosaa Fayisaa akka jedhanitti raawwii olaanaa karoora xiiqii bara kana Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Badhaasa Pirezidaantawaa irratti Sadarkaa Warqeedhaan beekamtiin kennameef dhamaatii dafqaa fi dhiigaan kan dhufe akka ta’e ibsanii ergaa baga gammaddanii dabarsanii jiru. Karaa biraatiin, Obbo Gosaan akka jedhanitti raawwiin kun kan akka waan hojii xumurreetti itti of-dagannu osoo hin taane karoora of-danda’uu bara bajataa 2019tiif kaka’umsa akka godhannu kan nu fayyadu ta’uu akka qabu himaniiru.
Akkasumas Hogganaa I/A fi I/G Damee Bulchiinsa Taaksii BGO kan ta’an Kab. Obbo Lammeessaa Ayyalee kallattii hojii bara bajataa 2019 kennan irratti raawwii ol'aanaa bara kanaatti gammaduun hojii fuulduraatiif of qopheessuu dhiisuun kufaatii fiduu waan danda’uuf akkaataa kallattii hojii yeroo yeroon kennamu faana bu’uun hordofanii raawwii caaluuf of qopheessuun barbaachisaa akka ta’e dubbatanii jiru.
Gabaasa raawwii hojii bara bajataa 2018 dhiyaate irratti sadarkaan raawwii bara kanaa %109.5 ykn qarshii 342.35 bil ta’uu isaa Daayirekteera Daayrektooreetii Karooraa Obbo Taarraqany Qana’aa ibsaniiru.

Adoolessa, 9/2018FinfinneeWaajjira Olaanaa Biiroo Galiiwwan Oromiyaatti Waajjirri Damee Finfinnee Gamaaggama Raawwii Hoj...
16/07/2026

Adoolessa, 9/2018
Finfinnee
Waajjira Olaanaa Biiroo Galiiwwan Oromiyaatti Waajjirri Damee Finfinnee Gamaaggama Raawwii Hojii bara 2018 gaggeesse!
*****
Waajjirri Galiiwwan Damee Finfinnee bakka Hooggansi Damechaa Aadde Annilleyyi Taayyewarqi argamanitti gamaaggama raawwii hojii bara bajataa 2018 gaggeessee jira.
Gamaaggama hojii bara kanaa ilaalchisee gabaasa raawwii hojii dhiyaateen Waajjirri Galiiwwani Damee Finfinnee bara kana karoora sassaabbii galii qarshii Biliyoona 78,984,630,042 sassaabuuf karoorfate keessaa qarshii 78,045,497,345 (%99) raawwachuu ibsee jira.
Karaa biraatiin kallattii hojii bara bajataa 2019 kan kennan Hooggantuun Waajjira Damee Finfinnee Aadde Annilleyyi Taayyewarqi yaada kaasaniin raawwiin bara kanaa baayyee kan nama onnachiisu ta’uu isaa dubbatanii karoora bara bajataa 2019 qarshii 111,846,037,764.4 ciminaan sassaabuudhaaf hojjechuun galma gahiinsa karoorichaaf murteessaa akka ta’e dubbatanii jiru.

16/07/2026

Address

Addis Ababa
251

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Revenues Bureau /BGO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Revenues Bureau /BGO:

Shortcuts

Share