Agaro City Communication Office

Agaro City Communication Office Bulchiinsa magaalichaafi uummata walqunnamsiisuun,yaa'insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu ni taasisna.

Karoora bilchaataa qopheessuufi potenshaala magaalattii sirnaan hubachuun misooma saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qa...
06/09/2026

Karoora bilchaataa qopheessuufi potenshaala magaalattii sirnaan hubachuun misooma saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba !!
************
Aggaaroo,Qaammee 1,2018[WKMA]
Manni Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo leenjii karoora ofdanda'uu irratti xiyyeeffatee fi raawwii hojii ji'oottan lamaa qorachuun kallattii fuuladuraa kaa'e.

Ittigaafatamtuun ijaarsaa paartii badhaadhinaa damee Magaalaa Aggaaroo Aadde Iftuu Mahaammad;hojiileen hundi karoora bilchaataafi potenshaala magaalaa keenyaa giddugaleeffateen qopheeffachuun raawwii hojii caalmaatti milkeessuuf qooda fudhattootni hunduu tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Hojigaggeessaan Mana Qopheessaa magaalattii Obbo Naawwii Maammoo;humna raawwachiistummaa keenya cimsachuun galii magaalattiin sirnaan sassaabuufi bulchuun fayyadamummaa hawaasaaf oolchuuf xiyyeeffannoo addaatiin ni hojjetama jedhan.

Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : -
👉 Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735
👉 Tiktok:
tiktok.com/
👉Telegram: https://t.me/agarocom
👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09==
👉Youtube :
https://youtube.com/?si=3px2RsTypQgS4rzf6

06/09/2026

Artist Ilfinesh Qannoo Bara Dukkanaatti Qabsoo Oromoo Artiin Humneessite Du'aan Dhabuun Gadda Guddaadha
~~~

Artiin jiruuf jireenya Uummataa kan dammaksu, jijjiiramaaf kan hiriirsu, gaddaafi gammachuu kan mul'isu utubaa guddicha eenyummaa Uummataa ijaarudha. Artist Ilfinesh Qannoos umurii ijoollummaatiin Galaanaa Artii Oromootti kan makamteefi hanga du'aan Addunyaa kanarraa of biraa dhabnuutti uummata Oromoof akka dungoo ifaa bara jireenya isaanii guutuu Uummata tajaajilaniiru

Artist Ilfinesh Qannoo ilaalcha caastolcheen gadaantummaafi barmaatilee boodatti hafaa dubartoota irra ture cabsuun nama jabduu hojii Artiin ashaara dhalootaaf jiraatu keesse du'aan dhabuun gadda guddaadha.

Bara dukkanaa Afaan Oromootiin wellisuu mitii, dubbachuunuu akka yakkaatti ilaalamu irraa eegalee hojii Artiitiin uummata Oromoo ijaaruu, tokkummaaf hiriirsuufi duudhaa, Aadaaf Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa kan taasiste dubartii jabduu Oromoon qabudha.

Artist Ilfinesh Artii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuu keessatti sagalee kilolee qabanitti fayyadamuun dandeettiis cimsachaa uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilaniiru.

Gaafa Artist Ilfinash Qannoo dhukkubsachuu eegalte irraa eegalee mootummaan Naannoo Oromiyaa baasiiwwan gara garaa danda'uu yaalchisaa turus, guyyaa rabbi isaaniif qabe waan ta'eef Artist Ilfinesh boqotaniiru.

Artistii jabduu kana du'aan wayita of biraa dhabnu kan gaddinu ta'us, hojiiwwan Artii seenaafi Oogbarruu Oromoo guddisuu keessatti Aetist Ilfinesh ba'achaa turaniin Oromoon hundi kan jajjabaatudha.

Dhalootni haaraan kun guca qabsoo Artist Ilfineshfi waayilootni isaanii qabsiisaniin injifannoo aarsaa qaaliin galmaa'e tiksuun sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kutannoon hojjechuutu irraa eegama.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaanaa Artist Ilfinesh Qannoofii qabsaa'ota biyyaafi saba ofii ijaaruuf aarsaa kaffalan kudhaammatee injifannoo caaluuf hojjechaa jira.

Qabsooftuu mirga dhala namaa Artist Ilfinesh Qannoo du'aan of biraa dhabuutti gaddi guddaan kan nutti dhaga'ame ta'uu ibsaa Uummata Oromoo maraafi maatii hundaaf jajjabina hawwina.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Qaammee 1/2018
Finfinnee

06/09/2026

Qaammee 1 : Guyyaa Oomishtummaa
mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Aggaaroo lakk.2
***********
Aggaaroo,Qaammee 1,2018[WKMA]

06/09/2026


Shinooyyee

06/09/2026
Qaammee 1 : Guyyaa Oomishtummaa ************Aggaaroo,Qaammee 1,2018[WKMA]Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti guyyaa oomishtu...
06/09/2026

Qaammee 1 : Guyyaa Oomishtummaa
************
Aggaaroo,Qaammee 1,2018[WKMA]
Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti guyyaa oomishtummaa Qaammeen 1 sirnoota garagaraatiin kabajamaa jira.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo Obbo Naziif Mahaammadamiin;mootummaan ida'amuu Looreta Nagaa Addunyaa Muummee Ministeera Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimadiin durfamu birmadummaa nyaataatiin ofdanda'uu inisheetivoota adda addaa boce hojjechaa jiruun bu'aan qabatamaa dhufaa akka jiru dubbataniiru.

Galmoonni gurguddoofi xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jiru keessaa inni ijoon damee qonnaa akka ta'e hubachuun qooda fudhattootni hunduu sochii akka biyyaatti karoora ofdanda'uutiin hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti taasifamaa jiru tumsuu akka qabanis Obbo Naziif ibsaniiru.

Ittigaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Magaalaa Aggaaroo Obbo Ayyalee Qanaatee;guyyaa Oomishtummaa akka magaalaatti yeroo kabajnu lafa xiqqoo jiru sirnaan fayyadamuun milkaa'ina gama Oomishtummaa qonnaatiin fidu akka danda'amu daawwannaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Aggaaroo lakkoofsa 2tti hojjetame muuxannoo guddaa akka ta'eefi iddoo biroos babal'isuun akka barbaachisuu ibsaniiru.

Saganticharratti daawwannaan misooma qonnaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Aggaaroo lakk.2tti gaggeeffameera.

Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : -
👉 Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735
👉 Tiktok:
tiktok.com/
👉Telegram: https://t.me/agarocom
👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09==
👉Youtube :
https://youtube.com/?si=3px2RsTypQgS4rzf6

Goobeefi Shinooyyeen Aadaa, Eenyummaa fi Duudhaa Oromoo Ganamaati !!***********Aggaaroo,Qaammee 1,2018[WKMA]Magaalaa Agg...
06/09/2026

Goobeefi Shinooyyeen Aadaa, Eenyummaa fi Duudhaa Oromoo Ganamaati !!
***********
Aggaaroo,Qaammee 1,2018[WKMA]
Magaalaa Aggaarootti agarsiisni aadaa Oromoo Goobeefi Shinooyyeen sirna miidhagaa ta'een kabajamuu irratti argama.

Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Tuurizimii Magaalaa Aggaaroo Aadde Hindii Kamaal Goobeefi Shinooyyeen aadaa,eenyummaa fi duudhaa Oromoo ganamaa jala bultii birraatti dargaggootaan kan taphatamuufi kabajamu mallattoo sagalee missiraachoo bara haaraa akka ta'e dubbataniiru.

Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : -
👉 Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735
👉 Tiktok:
tiktok.com/
👉Telegram: https://t.me/agarocom
👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09==
👉Youtube :
https://youtube.com/?si=3px2RsTypQgS4rzf6

06/09/2026

Address

Agaro

Telephone

+251472214067

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Agaro City Communication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Agaro City Communication Office:

Shortcuts

Share